Afrikaan Kibbaa talaallii Covid kennuuf turte sababii akaakuu haaraatiin dhaabde

Imaltuu orannoo Covid-19 saamuda kennaa jirtu Afriikaa Kibbaa Amajjii 2021.

Madda suuraa, Reuters

Afrikaan Kibbaa talaallii AstraZeneca, akaakuu vaayirasii haaraa irratti bu'aa ''nama hin gammachifne'' mul'isuu erga qorannoon argame booda talaallicha kennuu dhaabde.

Qorattoonni akaakuun vaayirasii haaraa namoota haaraa biyyii keessatti Covid qabaman keessaa %90 aguuga jedhan.

Qorannoon namoonni gara 2,000 ta'an irra hirmaachisuun gaggeefameen, talaalichi dhukkubbi Covid-19 jiddugalaa fi gadaanaaf 'ittisa gadaanaa'' qofaa akka kennu agarsiise.

Afriikaan Kibbaa talaallii 'AstraZeneca' doozii miliyoona tokkoo kan fudhate yoo ta'u, silaa torbee dhufaa keessa namoota talaaluu eegaluuf turte.

Ministirri Fayyaa Afriikaa Kibbaa gaafa Dilbataa bu'aa qorannichaa ilaalchisee gaazexessitootatti akka himaniitti, motummaan isaanii attamiin akka talaallicha haalaan itti adeemu irratti gorsa eeggataa jira jedhan.

Yaalii talaallichaa kunis Yunivarsitii 'Witwatersrand' kan gaggeeffame yoo ta'u, garuu garee qorannoo kaaniin hin xiinxalamne.

Ammasittuu, mootummaan torban dhufaa keessaa talaalliiwwan Johnson & Johnson fi Pfizer'n oomishaman ni kenna jedhan.

"Akka carraa ta'ee talaalliin 'AstraZeneca' dhukkubbiiwwan Covid salphaafi jidduu galeessaaf hinhojjanne,'' jedhan ibisicha irratti Pirofessar Shaabir Maadhi kan qorannicha hogganaa jiran.

Qorannichaan milkaa'inni talaallichi dhukkubbii garmalee cimaa ta'eeratti qabu hinqoratamne jedhan.

Kunis sababii namoonni qorannicha keessatti hammaataman jiddugalaan kanneen umuriin waggaa 31 waan ta'aniif, namoota vaayirasichaa yoo qabaman dhukkubbii cimaan mudatu bakka hinbu'an jedhan.

Pirofessar Saaraah Gilbart, Oksifordiitti dureen garee talaallicha hojjatanii, ammalleen talaallichi dhukkubbii cimaas ittisuuf ni tajaajila jedhu.

Itti dabaluunis, omishitoonni akaakuu vaayirasii haraa Afriikaa Kibbaa 501.V2 ykn B.1.351 jedhamuun beekamuuf bara kana gara boodaatti tarii talaallii fooyyeessuu qaban jiraachuu malas jetti.

Ogeessoonnis yoo barbaachisee talaalliiwwan deebisanii fooyyeeffamuun torbanoota ykn ji'oota keessatti akka akaakuu vaayirasii haaraaf olaaniif taasisuun ni danda'ama jedhu.

Yaalii jalqabaa gaggeeffameen talaalliin 'Moderna' akaakuu vaayirasii Afriikaa Kibbaatiif bu'aa milkaa'aa agarsiise jedhame ture. Talaalliin 'AstraZeneca' ammoo akaakuu haaraa jalqaba UK keessatti mul'ateef bu'aa ittisaa gaarii kennee ture.

Kana malees, talaalliin 'Pfizer-BioNTech' akkasuma akka akaakuu vaayirasii haaraa irraa ittisu bu'aa jalqabaa mul'isee ture.