Gaaffiin Itoophiyaa talaallii Covid-19 argachuu attamiin deebi'a?

Madda suuraa, Reuters
Itoophiyaan baatiiwan dhufan keessa yoo xinnaate lammiilee harka 20 ta'aniif talaallii Covid-19 akka argattu gochuuf hojjatamaa jiraachu Ministirri Fayyaa Dr Liyaa Taaddasaa mana Maree bakka bu'oota ummataatti himan.
Itoophiyaan walta'iinsa 'Kovak' jedhamuufi biyyoonni addunyaa talaallii akka argataniif qindeessuutti miseensa waan taateef, akkuma biyyoota aaddunyaa biraa talaaliichi akka qaqqabu ni taasifama jedhan Dr. Liyaan.
''Bajataafi haala argama talaalicha irratti hojjatamaa waan jiramuuf, akkuma biyyota biraa Itoophiyaanis yoo xinnaate lammiilee harka 20 ta'aniif akka argattu ni taasifama'' jedhan.
Itoophiyaan talaallii dandeettii mataasheetiin bitattuun alattis deeggarsaanis hanga tokko akka argattu akka taasifamu himaniiru.
Ministirittiin Itoophiyaan talaalicha argachuuf Kovaakiif gaaffii dhiyeessu ishee torbaniin dura dubbachun isaanii ni yaadatama.
Kana malees talaalliiwwan tajaajilaaf olfamuuf qophii ta'an keessaa Itoophiyaan akka argattu gochuuf haal dureewwan barbaachisan taasifamaa jiraachus himaniiru Dr Liyaan.
Kanaafuu lammiileen atattamaafi dursa talaalicha argachu qaban akka argatan taasiisuuf hojjatamaa jiraachu himan.
Sadarkaa talaalliin irratti argamu
Qorannoowwaniifi yaaliiwwan hanga ammaatti gaggeefamniinis talaaliiwwan abdiii horan hedduun argamaniiru. Biyyoota garaagaraa keessattis namoota saaxilamtoota ta'an (kan umuriin deemaniif kanneen dhibee biraa qaban) fi oggeessoota fayyaaf kennamaa jira.
Hanga ammaattis dursaan talaalicha kan argatan biyyoota guddatan yoo ta'an, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ammo hunda akka qaqabuu gochuuf yaalii taasisaa jiraachu himeera. Biyyoonni filannoowwan jiraniitti fayyadamuun lammiileesaaniif dhiyeesuuf yaalaa jiru.
"Kaayyoonsaanii qodiinsi haqa qabeessa akka jiraatuuf"
Siwiidinitti Dhaabbata Idil-addunyaa Maalaargaalaan keessatti barsiisaafi qorataa saayinsii hawaasaa kan ta'an Bantii Galataa, akka jedhanitti, biyyootiin akka Itoophiyaa guddinarratti argaman talaalicha argachu kan danda'an karaa Kovaaksiin.
Gamtaa Kovaaksi keessas dhaabbata fayyaa addunyaa, dhaabbata Gaavaa kan talaallii irratti hojjatuufi dhaabbanni tarkaanfii weeraraa qindeessuu ni argamu. Waliin ta'unis kalaqa saayinsii fi tamsaasa talaallii qindeessu.
''Tilmaamni qoodiinsa talaalichaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin hojjatama. Innis haaluma umuriifi oggeessoota fayyaatiin kan murtaa'u ta'a'' jechuun himu.
Biyyoonni humna hinqabne talaallicha argachuu keessatti akka hindhiibamneef, hojiin dandeettii waaltesssuuf hojjatamus jira jedhu.
''Dhaabbanni fayyaa Addunyaa biyyoonni sooreyyiin omishicha akka deeggaran ni taasisa'' jedhu qorataan kun. Hojii talaallii keessattis biyyoonni 172 hirmaachusaanii dabaluun himaniiru.
''Talaalliin kan biyya kanaatii kan jedhamu hinjiru. Kaayyon saas walgahiinsi haqa qabeessi akka jiraatuuf gochudha. Koovaaksi ammo kaan hojjata,'' jedhan.
Kana dura gabaasni lakkoofsa Covid-19 wayita taasifamuutti Chaayinaafi Ameerikaa jidduutti walmorkiin jiraachusaa kan kaasan qorataan kun, ''Siyaasni addunyaa haala raabsa talaallii ni huba soodaan jedhu jira. Ta'us raabsi haqa qabeessi ni jiraata amantaa jedhun qaba,'' jedhan.
Gama biraatiin ammo talaalliin argameera jechuun hawaasni of dagachu akka hinqabaannee yaadachiisu.
''Calcalli qabannaa (cold chain) jechuun haala qabannaa eeggateen bakka talaalichi ittii omishaamee hanga bakka biraa gahu jechuudha. Itoophiyaatti ammo yeroo yeroon ibsaan ni bada. Rakkoon geejibaas jira. Haalawwan kanneen xiyyeeffannaa keessa galchuun ofeeggannoowwan dursa kennamuufii qaban ni jiraatu.''
Hanga dhuma bara dhufuuttis coba talaallii biiliyoona lama addunyaarratti qooduuf karoorfame.
Kana keessaas dursi kan kennamuuf oggeessoota fayyaafi kanneen dhibichaaf saaxilamtoota ta'aniidha.
''Biyyi keenya biyya dargaggooti. Namoonni umuriin jaaran lakkoofsaan xiqqaa ta'uunsaa shalagga talaallii ramadamuu miidhuu danda'a'' kan jedhan oggeessi kun, talaallichi tasgabbii gaarii fidulleen of dagachuu akka hinumneef of eeggannoon taasifamuu qabaata jedhu.
Tarreewwan talaallii hanaga ammaatti gaaruudha jedhamanii:
Faayiizar/Baayonteek
Talaalliin koronaavaayirasii ittisuuf harka 90n amansiisaadha jedhamee kunis Sadaasa 9, 2020 ifa kan taasifame ture. Kubaaniyoonni Faayizariifi Baayonteek talaalicha tibba sana ifa taasisaniis argannoon kun saayinsiif ilmaan namootaatiif carraa olaanaadha jedhan.
Kubaaniyyoonni kan Ameerikaafi Jarman ta'an kunneenis biyyoota garaagaraa jahatti namoota 43,500 irratti yaalii taasisuu kan ibsan yoo ta'u, yeroo tokkolleen rakkoon fayyaa yaachisaan hin mudanne jedhan.
Asitiraazeeniikaa fi Yunvarsitii Oksifordii
Talaliin Asitiraazeeniikaa fi Yunvarsitii Oksifordii gabbiisaa jiran kanneen abdii olaalaan irra kaa'ame keessa tokko.
Talaalliin kunis yeroo jalqabaatiif Afriikaa keessatti Afrikaa Kibbaatti bifa yaaliitiin kennameera. Afriikaa Kibbaa talaallii kanaaf kan yaaliif filatamte, ogeessota damee sanaan qabdu qofaan osoo hintaane, biyya weerarichi garmalee keessatti babala'ate waan taateefiidha.
Yaalii talaallii kunis Oxc1 Covid-19 kan jedhamu yoo ta'u, vaayirasii koronaaf nama saaxilu akka ittisuuf kan hojjatameedha.
Modarnaa
Kubaaniyaan Yunaayitid Isteet omishaa qorichaa ta'e modarnaan talaallii haaraa koronaavaayirasii ittisuuf dandeettii 95 qabuudha argachu erga ifa taasisee bubbuleera. Guyyaa bu'aa qorannoo isaa ifa taasiseettis ''guyyaa olaanaa'' jechuun ibseera.
Siputiniik-5
Talaalliin raashiyaan omishame kunis ifa wayita taasifameetti, pirezidaantiin biyyatti Vilaadiimiir Puutiin qorannoo biyya keessatti gaggeeffameen talaallii arganneera jedhanii ture.
Talaalliin addunyaarratti kan jalqabaati jedhaame talaalliin Sputiniik-5 kun institiyuutii Gaamaaliyaa Mooskootti argamuun kan omishameedha. Talaalliin kunis ifa kan taasifame baatii Adooleessaa keessa ture. Dandeettiin talaallii kun ittisuuf qabuus amansiisaa ta'u hima institiyutichi.
Siinovaak
Addunyaan wayita talaallii koronaavaayirasii argachuuf wal'aansoo taasisaa jirtutti Chaayinaanis harkashee maratte hinteenye.
Talaallii Siinovaak jedhamu omishuu erga eegaltee bubulte jirti. Siriiyyuu erga namoota fedhiin qorannicha keessatti hirmaatan erga talaaluu eegalte turte jirti.
Talaalliin kunis bu'aa gaarii agarsiisaa akka jiru himame. Haa ta'u malee talaalichi bu'aa gaarii kan argamsiisee sadarkaa yaalii yeroo dheeraatiin boqonnaa isaa dhumaatti osoo hintaane, boqonnaa jiddugalaatiin sadarkaa jedhamurratti jedhameera.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















