Akaakuun koronaavaayirasii Omicron uummata addunyaa hedduu hubuu danda’a-WHO

Israa'el keessatti dubartii yeroo koronaavaayirasii qoratamaa jirtu

Madda suuraa, EPA

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa(WHO) akaakuun koronaavaayirasii haaraa Omicron jedhamuu saffisaan namoota hedduu kan faaluu fi balaansaas olaanaadha jechuun akeekkachiise.

Jaarmiyaan fayyaa kun ibsa Wiixata kaleessaa baase keessatti vaayirasiin kun inumaa biyyoota muraasa ammoo akkaan hubuuf jira.

Hoogganaan WHO Dr Teedroos Adhaanoom rakkoo haaraa dhalataa deemu kana qolachuuf biyyoota hiyyeeyyiif talaalliin kennuun dursa argachuu qaba jechuun irra deebiin waamicha dhiyeessan.

Covid-19 ‘’ammallee nu faana jira, hin goolabamne’’ jedha.

Akaakuun vaayirasii kun jalqaba ji’a kanaa Afriikaa Kibbaatti mul’ate, vaayirasii balaafamaa fi deebi’ee nama qabu ta’uutu barame.

Afriikaan Kibbaa vaayirasiin kun mul’achuu daftee waan beeksisteef jajamteetti.

‘’Vaayirasiin Omicron jijijjiiramuun, akaakuu haaraa uumaa deemuun kan beekamuudha. Hedduunsaanii tatamsa’ina vaayirasichaa daran kan hammeessaniidha,’’ jedhe WHO.

Dr Teedroos ibsa Wiixata kaleessaa keessatti akka dubbatanitti, saayintistoonni addunyaa hedduun akaakuun vaayirasii kun daran tatamsa’uu fi talaallii kennamaa jirurratti dhiibbaa inni qabaatu qorataa jiru.

‘’Baayyeen keenya waan koronaavaayirasiin bade nutti fakkaata. Vaayirasiin kun ammallee kan nu waliin jiru ta’uusaa Omicron ragaa quubsaadha,’’ jedhan.

Akaakuun vaayirasii kun hanga yoonaa Kanaadaa, UK, Porchugaal, Beeljiyam fi Neezarlaands keessatti argameera.

Biyyoonni akka UK, EU fi US sababa vaayirasii kanaa Afriikaa Kibbaarra uggura imalaa kaa’uun biyyattii baayyee gaddisiisuu Pireezdant Cyril Ramaphosa dubbataniiru.

Jappaan fi Awustiraaliyaanis daangaasaanii cufachuun daawwattoota alaa ofirraa ugguraa jiru, Israa’elis akkasuma.

Uk fi US ammoo talaallii vaayirasichaa kennuu fi maloota of-eeggannoo irratti xiyyeeffataniiru.

Pireezdant Baayidan hunduu mask akka uffatan ajajanii, garuu ammaaf imala irra uggura akka hin keenye ibsan.

Erga koronaavaayirasiin mul’atee as addunyaarratti namoonni miiliyoona 261 caalan qabamaniiru, miilyoona shanii ol ammoo du’aniiru jedha ragaan Yuunversitii Johns Hopkins.