Covid: Afrikaan Kibbaa gosa Covid haaraa, Omicron, waan argatteef 'adabamaa' jirti

Lammilee Afrikaa Kibbaa keessaa kan talaalaman 24% qofaadha

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Lammilee Afrikaa Kibbaa keessaa kan talaalaman 24% qofaadha

Sababa gosa Covid haaraa yaaddessaa ta'e - Omicron, jedhamu adda baasee irra gaheef osoon dinqisiifamuu qabuu adabamaan jira jechuun Afrikaan Kibbaa komatte.

Biyyoonni imala Afrikaa Kibbaa irraa taasifamu yeroo ugguruu jabeessanittidha Ministirri Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa ibsa baasen kana kan jedhe.

Ragaawwan ammatti jiran Omicron saffisaan kan tatamsa'udha yaaddoon jedhu jira.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) gosi Covid haaraa kuni ''yaaddessaadha'' jechuun gaafa Jimaataa himeera.

Biyyoota Awurooppaa hedduu keessa vaayirasichi argameera: Lama UK keessa, lama Jarman keessa, tokko Beeljiyeemiifi tokkommoo Xaaliyaaniitti. Keeziin vaayirasichaan shakkamummoo Cheek Rippablikitti argameera.

Biyyi biroo gosi sanyii vaayirasichaa haaraa itti argame Israa'eldha. Lammiileen biyya alaa hunduu Dilbata galgala eegalee akka biyyashee hin galle dhorkiteetti.

Akka Taayims of Israa'el gabaasetti, tarkaanfiin biyyattii kuni guyyoota 14'f tura. Keeziiwwan Omicron Botiswaanaafi Hong Koongittis mul'ateera.

Namoonni dhibbaan lakkaa'amaniifi Afrikaa Kibbaarraa gara Nezerlaandis imalani qorannoon irratti taasifameera.

Akka qondaaltonni Nezarlaand jedhanitti namoonni 61 ta'an Covid-19 irratti argameera, yeroo ammaa akka hoteela keessa turan taasifame.

Yeroo ammaa keessumaa Nezarlaandis lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabaman dabalaa jiruun yaaddoo keessa jirti.

Biyyattiitti gaafa Dilbataa galgalaa eegalee uggurri hamma tokko akka hojiirra oolu taasifameera.

Gosti koronaavaayirasii haaraa Omicron gaafa Sadaasa 24 ture yeroo jalqabaaf Afrikaa Kibbaa irraa Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf (WHO) kan gabaafame.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jarjarsuun uggura imalaa kaa'uurra ''balaa fiduufi adeemsa saayinsii hordofuu'' qabu jedheera.

Yeroo ammaa UK, US, Awustiraaliyaa, Jaappaan, Hindiifi Kanaadaa Afrikaa Kibbaafi kaanirraa gara isaanitti imala taasifamu dhorkaniiru.

'Saayinsii jabaa'

Ibsi gaafa Sambataa Ministirri Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa baase isa biyyoonni imala dhorkan jabeessee qeeqe.

''Saayinsiin jabaa dinqisiifatamuu malee adabamuu hin qabu,'' jedhe.

Dhorkaan biyyoonni kaa'ani qorannoo jabaa biyyattiin taasisteefi gosa sanyii haaraa daftee bira gahuu isheef adabbi kenname ta'eera jechuun komii ibse.

Ogeessa fayyaa talaallii Covid fudhatan

Madda suuraa, Reuters

Dabalataan, osoo biyya biraatti argamee jiraate tarkaanfiin biyyoonni fudhatan kanarraa adda ture jechuun Afrikaa Kibbaan himte.

Qondaalli Gamtaa Afrikaa gosa koronaavaayirasii mul'ateef biyyoonni badhaadhan itti gaafatamoodha jedhan.

Kanaafis akka sababaatti biyyoonni gurguddatan talaallii of biratti qabuufi warra kaanitti kennuu dhabuu komatan.

''Uggurri imalaa taasifame saayinsii osoo hin taane siyaasa bu'uura godhachuuni. Dogongoradha.

''Yeroo vaayirasichi aardiiwwan sadiirra jirutti Afrikaa ugguruun maaliif barbaachise,'' jedhan Gamtaa Afrikaatti qindoomina talaallii waloon dura taa'aa ta'u kan gaggeessan Ayowaade Alakijaa.

WHO dhiibbaa vaayirasichaa baruuf torban muraasa fudhatuu mala jedheera. Kanaafis immoo saayintistoonni hangam akka tatamsa'u baruuf qorannoorra jiru.

Qondaalli olaanaa fayyaa UK talaalliin kennamaa jiru gosa koronaavaayirasii haaraa irra aanuuf ni raakkata jechuun dubbataniiru.

US irraa immoo Qondaalli To'annoo Dhukkuboota Daddarboo Dr Antoonii Faawuchi talaalliin ammallee dhukkuba hammaatu hambisuuf ooluu mala jedhan.

Hoogganaan Waldaa Medikaalaa Afrikaa Kibbaa Dr Angelique Coetzee ''dhukkubsattoonni akka madaa akka isaan dhukkubuufi haalaan dadhabbiin akka itti dhagahamu himatu.

''Kuni dargaggoo irratti arganne, kanneen dullooman miti. Kunneen kan hospitaala seenanii ciisan miti,'' jedhan.