Gosti Covid-19 haaraan Afriikaa Kibbaatti mul'ate yaaddoo uume

Madda suuraa, Getty Images
Gosti vaayirasii Covid-19 B.1.1.529 jedhamu Afriikaa Kibbaatti mul'ate haaraan ammas deebisee yaaddoo olaanaa uumuunsaa ibsame.
Vaayirasiin haaraan guyyoota muraasaan dura Afriikaa Kibbaa ganda tokko keessatti argamuun mirkanaa'e kunis, gara eddoowwan biraatti faca'uu akka hinoolle ragaaleen agarsiisan jiru jedhame.
Gosti vaayirasii saayintisitootaan 'baayyee yaaddessaa'' jedhame kunis argamuun mirkanaa'e, gaaffiiwwan attam ariitiin tatamsa'uu danda'a? Dandeettii inni talaalliiwwan ittisaaf kennaman miliquu itti danda'u fi maaltu ta'u qabaata? jedhan ka'uu egalan.
Yaadoonni garaa garaa kennamaa kan jiran yoo ta'u, hanga ammaatti deebii ifaan kennamu baayyee murtaa'aadha.
Waa'ee vaayirasii kanaa ammatti maal beekna?
Gosti vaayirasichaa B.1.1.529 jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, gosoota vaayirasii hanga har'aatti beekamu caalaa hamaadha jedhameera.
Pirofessar Tuuliyoo de Oliveriyaa, Afriikaa Kibbaatti Daarektarri Wiirtuu Ittisa Dhukkuboota Daddarboo fi Kalaqaa akka jedhanitti, garmalee kan daddarbudha. ''Haala jijjiirama amalaa hinbaramne kan qabuufi gosawwan vaayirasichaa kaan irraa baayyee adda,'' jedhan.
"Gosti vaayirasii kanaa garmalee haaraa nutti tahe, kan nu eegaa turreen ol kan caalaa jijjirama olaanaa qabuudha,'' jedhan pirofessarri kun.
Pirofesar Oliiveriyaan ibsa gaazexessitootaaf kennaniin, walumaa galatti jijjirama amalaa 50 fi hamma protiinii talaalliiwwan baayyeen irratti xiyyeefamatu 30 irra baayyee kan ol ka'eedha.
Pirofessarri kun akka jedhaniitti, seeliin vaayirasichaa jalqaba qaama namaa keessa seenu mataansaa itti dhiheenyaa yoo ilaalamu, amalawwan jijjiramuun baayyyachu 10 qaba. Kan kanaan duraa gosti Deltaa kan adunyaa baayyee miidhee amala jijjiramuun baayyachu (mutations) lama qofaa qaba ture jedhan.
Sadarkaa kanaa baayyachuu kunis tarii dhukkubsataa tokkicha vaayirasicha dandamachu dadhabe irraa kan dhufe fakkaata.
Haata'u malee baayyachuun jechuu battalatti rakkoodha jechu miti. jijjiramuun baayyachuun suma laa akka raawwatan baruutu caalaa barbaachisa.
Ta'us ammoo vaayirasiin kun gutummaatti kan jalqaba Chaayinaa bulchiinsa Wuhaan irraa maddeen addadha.
Jijjiiramni amalaa muraasni gosoota biraa keessatti kan mul'atanii turan yoo ta'an, gosa vaayirasii haaraa kana hubachuuf gahee qabaachuu danda'as jedhameera.
Fakkeenyaaf N501Y vaayirsiin Covid akka babal'atu kan taasisuu fakkaata. Akkasumas wantoonni gara biraa akka antiboodiin qaama namaa vaayirasicha hin hubannee taasisuun, talaallii haala barbaadameen hin hojjannee godhan jiru. Kan guutummaatti haaraa ta'anis ammoo jiru.
Afriikaa Kibbaa, Yunivarsitii KwaZulu-Natal irraa kan ta'an Pirofessar Riichaard Leesensi, ''Tarii vaayirasin kun dandeettii dadarbuu dabaluu, dandeettiin namootarraa gara namootaatti faca'uu dabaluu danda'a jechuun yaaddoo nutti ta'eera. Tarii ammoo kan sirna dandamannaa waliin wal qabatuus ta'u danda'a,'' jedhan.
Prof Raavi Guptaa, Yunvarsitii Kaambirijii irraa gamasaaniin: ''Gosti vaayirasii Beta kan dandamannaa namootaa miliqudha, Delta'n hanga tokko akkasuma, kan ammaa kun garuu haala lamaanuu sadarkaa olaanaadhaan qaba,'' jedhan.
Qorannoowwan saayinsii laaboraatorii keessatti gaggeeffaman dhimmicharra waan ifa kennuu danda'a, garuu deebiin atatammaa vaayirasicha qabatamaan addunyaarratti to'achuun argamu danda'a jedhan.
Ammatti guutummaatti ibsuuf yeroonsaa hin geenye kan jedhan profesarri kun, garuu mallattoowwan yaachisoo ta'an mul'ataniiru jechuun yaaddoosaanii himan.
Tarkaanfii UK
Vaayirasiin kun mul'achuun mirkanaa'uu hordofees UKn seera imaltoonni Afriikaa Kibbaa irraa gara sana imalan akka adda of baasuun turaniif dirqisiisuu baafte.
Tarkaanfiin UK kunis erga Afriikaa Kibaatti gosti vaayirasii adda ta'eefi haalli tatamsa'in isaa baayyee saffiisaadha jedhame argamuun ibsameen booda ture.
Ministirri Fayyaa UK Saajiid Jaaviid akka jedhaniitti, ''waa'ee vaayirasii amma Afriikaa Kibbaa keessatti argamee kanaa ammatti baayyee hinbeeknu. Garuu ofeeggannoon turuun barbaachisaadha,'' jedhan.
Biyyoota kanneen irraa balaliiwwan biyyoota Kibba Afriikaatti argaman hedduu gara Inglaandiitti taasifaman dhaabuuf murteessuun, ''of eegannoofi hanga dandeenyeen ofii kenyaafi daangaawwan keenya eeggachuudha,'' jedhan.














