Ka’umsi Covid-19 tasumaa baramuu dhiisuu mala jedhan dhaabboti basaasaa Ameerikaa

Madda suuraa, Getty Images
Dhaaboti tikaa Ameerikaa madda ykn ka’umsa Koronaavaayirasii tasumaa adda baasuu dhiisuu dandeenyaa jedhan. Tahus meeshaa namoota miidhuuf mala baayolojikaalaan tolfame akka hin taane garuu himaniiru.
Dhimma vaayrasichi akkamiin jalqabe jedhun qorannoon dhihoo kana ifa taheen Dhaabbanni Tikaa Biyyaalessaa Ameerikaa, bineensarraa namatti darbuufi laaboraatorii keessaa miliqee bahee kan jedhan yaadota ka’umsaa amansiisoo tahani dha jedheera.
Haa tahu malee guutumman guutuutti akkana jechuuf odeeffanoon gahaa hin jiru.
Chaayinaan immoo gabaasa kana busheesiteetti.
Bu’aan qorannoo dhaabota kunneenii gabaasa idilee guyyaa sagaltamaa bulchiinsa Joo Baayidan irratti, Hagayya keessa bahe.
Gabaasichi ka’umsa koronaavaayirasii irratti hawaasni tikaa ammayyuu walii hin galle jedha. Dhaabotni afur yaada ka’umsaa bineensarraa namatti darbe jedhu qorachuuf ‘amantaa gad-aanaatiin jalqaban.
Dhaabbanni tokko garuu vaayirasichi laaboraatorii keessaa miliqee bahe kan jedhu haala giddugaleessa jedhamuun amaneeti qorachuu jalqabe. Kunis Institiyuutii Qorannoo Vaayirasii Chaayinaa Wuhaan keessatii miliqee bahee isa jedhu dha.
Akka gabaasa kanaatti qondaaloti Chaayinaa vaayirasichi magaalaa Wuhaan keessatti hamma jalqabutti waa’ee Covid-19 hin beekan ture. Haa tahu malee Chaayinaan qorannoo addunyaalessa danquu fi odeeffannoo kennuu dhiisuu itti fufteetti jedha.
Qondaaloti Chaayinaa dhukkubichi lafa gabaa gosti nyaataa bineeldota bishaan keessaa itti gurguramutti jalqabe jechuun saayintistoonni dhukkubichi jalqaba bineensarraa namatti darbe kan jedhu akka fudhatan godheera.
Jalqaba bara kanaa irratti garuu miidiyaaleen US vaayirasichi laaboraatorii Wuhaan keessaa akka tasaa miliqee bahe jechuun ragaa dhiyeessuu yaalaa turan.
Baatii Caamsaa keessa Pireezidant Joo Baayidan qondaaloti tikaa madda vaayirasii kanaa akka qoratan ajajan. Isa laaboraatorii keessaa miliqee bahe kan jedhu garuu Chaayinaan kufiifteetti.
Embaasiin Chaayinaa Waashingitan jiru Rooyitarsitti akka himetti Ameerikaan dhimma kana qorachuuf saayinsiirra basaasa akka meeshaatti fayyadamuun qoosaa siyaasaati jedhe.
‘’Ka’umsa dhukkuba kanaarratti tattaaffiiwwan mala saayinsawaan godhaman deeggaraa turre, deeggarus itti fufna. Tahus dhimma kana siyaasatti maqsuu garuu ni mormina,’’ jedhe.
Akka addunyaatti namoonni miiliyoona 240 tahan Covid-19’n kan qabaman yoo tahu, miiliyoona 4.9 immoo lubbuu dhabaniiru.













