Koronaavaayirasii: Weerarri Covid bara 2022 keessas ni hammaata jechuun WHOn akeekkachiise

Talaalliin wayita Sudaan ga'u

Madda suuraa, Getty Images

Sababii biyyoonni hiyyeeyyiin talaallii Covid-19 isaaniif barbaachisu argachaa hin jirreef, weerarichi kan eegameen olitti bara 2022 keessas hammaachuu danda'a jechuun Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) akeekkachiise.

Qondaalli olaanaan WHO Dr Bruce Aylward, kana jechuun miidhaansaa addunyaa guutuuf, weerarri vaayirasichaa bara 2022 keessas hammaataa ta'a jedhan.

Ardii Afriikaa keesatti talaallii kan argatan dhibbeentaa 5 qofa, ardiiwwan biroon uummatasaanii hanga dhibbeentaa 40 talaalan jiru.

Mootummaan UK biyyoota gargaarsa barbaadaniif talaallii miiliyoona 100 kennuuf waadaa kan gale yoo ta'u, hanga ammaatti miiliyoona 10 kenneera.

Dr Aylward biyyoonni guddatan ofittummaa dhiisanii biyyoota hiyyeeyyiif carraa isaan ittiin talaallii kana aragatan bal'isuu qabu jedhan.

Biyyoonni dureeyyiin waltajjiiwwan garaagaraa irratti-fakkeenyaaf walga'ii G7 irratti- biyyoota hiyyeeyyiif talaallii arjoomuuf waadaa ni galu, garuu kan argamaa jiru wayita isaan talaallii kuufatanii taa'aniidha jedha qondaalli kun.

Gareen qindoomina tola ooltotaa-The People's Vaccine jedhamu, waadaa kubbaaniyyaawwan qorichaa fi biyyonni guddatan galan irratti wayita gabaasa dhiyeessu, waadaa galame torba keessaa tokko qofti raawwatamuu ibse.

Dhiyeessii talaallii

Madda suuraa, BBC News

Talaalliin Covid hedduun biyyoota badhaadhanii fi galii giddu galeessaa qabaniif kenname, biyyoonni Afrikaa talaallii akka addunyaatti kenname keessaa dhibbeentaa 2.6 qofa qooddatu.

Gareen tola ooltotaa-kan Oxfam fi UNAids of keessatti dabalatu- UK fi Kanaadaan talaallii hedduu kara sagantaa Covax argame uummatasaanii qofaaf kennan jechuun komatan.

Ragaan mirkanaa'e akka mul'isutti UKn Pfizer doozii 539,370 yoo fudhattu, Kanaadaan ammoo AstraZeneca miiliyoonatti siqu fudhatteetti.

Kaayyoo gooroon Covax biyyoonni hundinuu osoo teellaatti hin hafin qixa haqa qabeessa ta'een talaallii akka argataniidha, biyyoonni dureeyyiin garuu kana dagatanii ofiisaanii qofaaf kuufachuutti jiru.

Biyyoonni G7 hedduun waadaa galan hojiirra oolchaa hin jiran.

Weerara vaayirasichaa qolachuuf hawaasi addunyaa hunduu karaa haqa qabuun talaallii argachuu qaba kan jedhu Dhaabbati Fayyaa Addunyaa, hanga kun hin taanetti weerarichi hammaachaa deema jedhe.

Haala amma jiruun weerarichi bara 2022 keessas addunyaa gaaga'uu inuma itti fufa jechuunis akeekkachiiseera.