Covid-19: Itoophiyaatti umuriin talaallii Covid itti kennamu jijjirame

Talaallii

Madda suuraa, Reuters

Itoophiyaatti umuriin namootni talaalliin Covid-19 kennamufii danda'u gadi buufamuun alatti qaamoolee hawaasa garaa garaa talaallicha akka argatan taasifamuun ibsame.

Ministirri Fayyaa Dr Liiyaa Taaddasaa, haala Covid-10 fi dhiyeessii talaallii ilaalchisuun akka dubbataniitti, dhukkubichi babalataa jiraachuufi kanaafisi haala talaalliin ittiin hawaasa gahurratti jijjiramni taasifamu himan.

Itoophiyaatti jalqaba baatii Bitooteessaa irraa talaallii Covid-19 kennuun kan eegalame yoo ta'u, talaalichi dursa oggeessota fayyaa, kanneen umuriin waggaa 65 fi isaan olii akkasumas kanneen waggaa 50-60 jiran ta'ee garuu kan dhukkubbii biraa qabaniif akka kennamu qajeelfama baasee ture.

Biyyattiitti talaalliin Covid kun kennamu erga eegalee baatiiwwan jahaan booda umuriifi haala fayyaa namoota talaalliicha argachu qaban irratti jijjiramni taasifamuun ibsame.

Haaluma kanaanis jiraattota Magaalaa Finfinnee kanneen umuriinsaanii waggaa 35 ol ta'e akkasumas kutaalee biyyaafi bulchiinsota magaalaa biraatti lammiileen waggaa 55 olii talaallicha akka argatan Dr Liyaan dubbatan.

Haalli weerara Covid-19 Itoophiyaa keessatti torbanoota muraasaan dura jidduugalaan kan gadi bu'e ta'uu kan kaasan Ministirittiin, torbanoota dhihoon asi garuu haalli tatamsa'inaafi miidhaan dhukkubichaa dabalaa jiraachu ibsan.

Haaluma kanaanis torbanoota sadan darbanii asi gabaasaaleen weerarichaa torbaniin bahan namoonni dhukkubichaan qabaman dachaa afuriin, kanneen haala cimaa ta'een dhukkubsatan ammoo dachaa 2.5n akkasumas namoonni dhukkubichaan lubbunsaanii darbu dachaa 2.8n dabalaa jiraachuun yaaddeessaa ta'u ibsan.

Kanaaf ammoo tarkaafiiwwan babal'chuu weerarichaa to'achuuf gargaaran hir'ataa dhufuusaatti, danbaliin weerarichaa marsaa sadaffaa biyyoota afriikaa hedduu keessatti mudataa jiru Itoophiyaattis akka hinmudanneef of eeggannoon akka taasifamuuf Dr Liiyaan akeekkachisaniiru.

Itoophiyaa keessatti weeraricha ittisuuf kan oolan talaalliiwwan gosa hedduu jiraachu ibsanii, haala talaalliiwwan kunneen ummata gahan irratti jijjiramni taasifamu beeksiisan.

Haaluma kanaanis magaalaa Finfinnee kan erga weerarichi mudatee kaasee namoonni baayyee dhukkubichaan qabamuun keessatti galmaa'etti, namoota umuriinsaanii waggaa 35 ol ta'eef akka kennamu qajeelfamni baheera.

Naannoolee fi bulchiinsoota magaalaa kaan keessatti ammoo namoota umuriinsaanii waggaa 55 ol ta'eef kennama jedhame.

Kana malees, Finfinnees ta'e naannoota biyyattii hunda keessatti kanneen umuriin saanii waggaa 18 ol ta'eefi kan rakkina fayyaa biraa qaban hundaaf talaalliichi akka kennamu Dr Liyaan dubbatan.

Haaluma walfakkaatuun hojjattoonni amala hojiisaanitiin namoota hedduu wajjiin walitti dhufeenya qabanii fi buqqaatonni biyya keessaafi jiraattonni daandiirraa dhaabbilee fayyaa dhiheenyasaaniitti argaman irraa talaallicha argachu akka danda'an ibsaniiru.

Baatiiwwan jahan Itoophiyaa keessatti talaalliin koronaavaayirasii itti kennamaa turan keessatti namoonni miliyoona 2.3 ol talaallicha argachu ragaan Ministeera Fayyaa ni mul'isa.

Erga weerari kun biyyattii keessa jiraachuun mirkanaa'ee waggaa tokkoofi walkaa keessatti namoonni kuma 287 ol dhukkubichaan qabamanii, kanneen 4,452 ta'an ammoo sababiidhuma dhibee kanaatiin lubbunsaanii darbeera.