US namoota biyyashee seenaniif talaallii Covid dirqama gochuuf

Madda suuraa, Getty Images
US namoonni biyya biraarraa gara biyyashee seenan hundumtuu guutummaatti kan talaallii fudhatan ta'uu akka qaban gochuuf karoorfachuu aanga'aan Waayit Hawus tokko himan.
Aanga'aan maqaan isaa hin eeramiin kun miidiyaa baayyeetti akka himanitti, bulchiinsi Baayidan gareewwan ejensii gara garaa irraa walitti dhufuun hundaa'an akkaataa biyyattiin duraafi duuban namoota biyya biroof banaa itti taaturratti akka hojjetaniif itti-gaafatamummaan itti kennera.
Kana murteessuudhaaf ammoo yeroo akkasii keessatti jedhamee kan murtaa'e hin jiru.
US keessatti dhiyeenya kana weerarri koronaa dabalaa kan jiru yoo ta'u, kan hammaachaa jiru ammoo koronaa gosa haaraa Delta jedhamu sani.
Namoonni dhibee kanaan qabamaa jiran harki caalaan ammoo warra hin talaalamiin ta'uu himamaa jira.
Seerri Covid-19 biyyattii keessatti yeroo ammaa hojiirra jiru namoonni biyyoota biroo akka gara biyyattii hin seenne kan dhorkudha.
Akka namoonni biyyoota biroorraa ta'an gara biyyattii hin seenne dhorkuun jalqaba Amajji 2020 biyya Chaayinaa irraa jalqabee hojiirra oole.
Yeroo sanarraa kaasee, dhorkaan US kun babal'achuun namoota lamummaan isaanii US hin taane dhiyeenya UK daawwatan akka hin seene gochuu, biyyoota Awurooppaa 26 warra bilisaan wal keessa deeman 'Shengen Bilook' jedhaman, warra Biraazil, Ayerlaand, Indiyaa, Iraaniifi Afrikaa Kibbaarraa ta'an abalateeti.
Namoonni biyyattii seenuu danda'an garasitti imaluun dura guyyoota sadii keessatti Covid qoratamanii bu'aan qorannoo isaanii dhibee sanarraa bilisa ta'uu raga agarsiisu qabaachuu qabu.
Torban darbe, Pirees Sekreetaariin Waayit Hawus Jeen Pisaakii akka jettetti namoonni qabaman waan dabalaa jiruuf daandiiwwan xiyyaaraafi industirii turiizimiirraa mormiin jiraatullee US, "ammallee dhorkaa imalaa keesse itti fufsiisti".
Roobii aanga'aan Waayita Haawus maqaan isaa hin eeramiin kun bulchiinsichi "bifa naga qabeessaafi itti fufinsa qabaatuun" deebisee banuu barbaada jechuun, "wantota guutamuu qaban daangessuudhaan... lammileen biyyoota biraa gara US deeman - biyyoota hundarraa - guutummaatti kan talaallii fudhatan ta'uu qabu," dubbatan.
Lammileen Ameerikaa %70 ta'an yoo xiqqaate talaallii Covid-19 doozii tokko fudhataniiru.
Haata'u malee, lakkoofsi namoota qabamanii kutaaleen bulchiinsa biyyattii hedduu keessatti dabalaa kan jiru yoo ta'u, Filooriidaa keessatti lakkoofsi namoota dhibee kanaan hubamanii hospitaala galan isa guddaa ta'uu himu aanga'oonni.
US keessatti naannoleeniifi biizinasoonni baayyeen danbiiwwan bakkeewwan ummanni baayyatanitti maaskii godhachuu dirqama akka ta'u gochaa jiru.















