Miseensi Kongiresii US ergaa barreessiteen Tiwiitararraa dhorkamte

Marjarii Taaylar Giriiniin

Madda suuraa, Reuters

Dhaabbanni Tiwitarii Miseensi Kongrasii Ameerikaa kan taate Marjarii Taaylar Giriinii dhimma talaallii koronaavaayiraii irratti odeeffannoo ‘dogoggorsaa’ barreessiteetti jechuun miidiyaa hawaasummaa isaa irraa dhorke.

Miidiyaan hawaasummaa guddichi kun fuulli tiwiitaraa ishee sa’aatii 12'f ''dubbisuu qofaan” akka turu taasifamu ibseera.

Miseensa Kongiresii Rippaalikaa kan taate Gireen, wa’ee talaallii fi maaskii fayyadamuu ifatti mormiti turte.

Ji’a darbe qajeelfama maaskii koronaavayirasii akkataa Naazii Jarmaniin saba Jiwii itti darare waliin wal madaalchisuuu isheef dhiifama gaaffattee turte.

Wiixata barreeffama lama maxxansiteen, talaalliin barbaachisaa ta’uu hin qabu akkasumas Covid-19 namoota umurii isaanii waggaa 65 gadii fi furdina akka malee hin qabneef sodaachisaa miti jette.

Barreefni ishee kun lamaan, tiwitarii irratti “odeeffannoo dogoggoraa” kan kennudha jedhamee akeekkachiifameera. Ebla keessas Aadde Giriin Tiwiitara irraa dhorkamtee kan ture yoo ta'u, boodarra dhaabbatichi dogoggora sababiiteeknolojii isaantiin kan umameedha jechuun dhorkii isaa kaaeera.

Dhorkaan amma irra ka’ameen, dhabbileen miidiyaa hawaasumma kunneen deeggarsa Waayit Haawusiitiin walabummaa haasaa irratti haleellaa gaggeessaa jiru jechuun deebii kenniteetti.

“Dhibbileen teeknoolojii gurguddoon kunneen hojii bulchiinsa Baayiidaniif hojjachuun sagalee keenya dhorkaa fi ergaan mootummaan hin raggaasifamne akka hin tatamsaane dhorkaa jiru,” jechuun ibsa New York Times’f kenniteen ibsiteetti.

Torban darbe, Pireezdaant Joo Baayiden dhabbileen miidiyaa hawaassummaa, tatamsa’ina odeeffannoo sobaa wa’ee koronaavaayirasii fi talaalli irratti to’annoo cimaa akka taasianiif waamicha dhiyeessee ture.

“Nama ajjeesaa jiru. Weerarri amma nuti qabnu kanneen talaallii hin argatiin biratti,” jechuun gaazexeessitootatti himee ture.

Ogeessonni fayyaa US lakkoofsi namoota koronaavayirasiin biyyatti keesatti qabamaa fi du’aa jiranii dabalaa jirachuu, keessumaa hawaasa talaalli hin fudhanne biratti akka ta’e akeekkachiisaniiru.

Tiwiitarri irra daddeebiin odeeffannoo sobaa qoodamu irratti dhorkii ka’aa ture, Bitootessa keessa ammo qajeelfama haaraa fayyadamtoota irra addabbii ka’uu baaseera.

Seeraa haaraa kanaan, kanneen qajeelfama kana si’a lama fi sadii cabsaniif dhorkiin saatii 12 irra ni kaa’ama. Yeroo afuraffaaf yoo seericha cabsan dhorkii torban tokkootu irraa ka’ama. Yeroo shannaffaaf yoo ta’e guutummaa gutuutti dhorkamu.

Amajjii keessa, Tiwiitarri Pireezdaant Doonaldi Tiraampiin sababa barreeffamoota hokkora leellisuu maxxansira jechuun guutummaa guutuutti dhorkee ture.