Dr Teedroos Adihaanom Chaayinaan qorannoo madda Covid irratti akka tumsitu akeekkachiisan

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Dureen Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teedroos Adihaanom qorannoo madda koronaavaayirasii marsaa lammaffaaf gaggeeffamaa jiru keessatti tumsii fi iftoominni Chaayinaa dirqama ta'uu himan.
Gareen qorannoo WHO gufuu tokko malee bakka fedhe ga'ee qorannoo akka gaggeessu Chaayinaan deggeruu fi odeeffannoo kennuu akka qabdus akeekkachiisan.
Madda Covid-19 baruuf qorannoon marroo lammaffaan amma kan eegalame yoggaa ta'u, marsaa tokkoffaan Guraandhala darbe xumurame.
Akka qorannoo marsaa jalqabaatti vaayirasichi laabraatoorii Wuhaan, Chaayinaa keessatti maddisiifame kan jedhu kan dhugaarraa fagaateedha, garuu Sinbira halkaniirraa dhufuu akka hin hafne akeekeera.
Dr Teedroos Kamisa kaleessaa Jeneevaatti wayita dubbatan, Dhaabbati Fayyaa Addunyaa ragaa dhukkubsataa jalqabaa fi kan hanga ammaatti jiruu gufuu tokko malee argachuu qaba jedhan.
Chaayinaan garuu qorannoo marsaa duraa irrattiyyuu ragaa dhaabbatichi barbaadu qooduufii diddee turte.
Dr Teedroos waa'ee laabraatoorii Wuhaan ilaalchisee odeeffannoon jiru sirriitti akka qulqullaa'u gaafataniiru.
Hoggannaan kun ofii isaaniis ogeessa fayyaa ta'uusaaniirraa kan ka'e, laabraatoorii Wuhaan ilaalchisee rakkoon mudachuu akka hin hafne waan adda baasan akka jiru himan.
Laabraatoorii guddicha Chaayinaa dhimma vaayirasii qoratu, Wuhan Institute of Virology, jedhamu irratti komiin ka'uu kan eegale bara darbe yoggaa ta'u, kan daran arbeessan ammoo Pirezidaantii duraanii US Doonaald Tiraamp turan.
Dr Teedroos yaadi vaayirasichi biyya lafaarraa badaa jira jedhu sirrii akka hin taanee fi namoonnis ilaalcha kana keessaa ba'anii of-eeggannoo akka cimsan dhaaman.
Koreen balaa tasaa WHO akaakuun vaayirasichaa haaraan kan akkaan balaafamaa ta'e dhalachaa deemuu danda'a jechuun akeekkachiise.
''Weerarri vaayirasichaa goolabamuu mitii ittiyyuu hin dhiyaanne,'' jechuun akeekkachiise koreen kun.
Dura taa'aan korechaa Didier Houssin, "nutis vaayirasicha ari'aa jirra, innis nu ari'aa jira,'' jedhan.
















