Dargaggoonni qo'annoof jecha osoo beekanuu irra deebiin Covid qabsiifamuuf

Madda suuraa, Getty Images
Dargaggoonni fayyaa guutuu qabaniifi amma dura Covid-19n qabamanii dandamatan, qorannoo irra deebiin vaayirasicha isaan qabsiisu keessatti fedhiin akka hirmaatan gaafatamaa jiru.
Ogeeyyiin qo'annoo ji'a kana jalqabu duuba jiran, sirni madiinummaa qaamaa marroo lammeessoof akka dandamatu baruu barbaadu.
Kaayyoon qorannichaas weerara kanaaf wal'aansa fooyya'aafi talaallii qopheessuudha.
Namoonni gannisaanii 18-30 tahe 64 tahan kutaa hospitaalaa kanaaf qophaa'e keessa guyyoota 17'f hordoffiin taasifamaafi turu.
Jarri kun gosa vaayirasii kanaa kan jalqabaa Wuhaan Chaayinaatti argameef irra deebiin saaxilamu. Kunis kan tahu ''bakka nageenyisaa eegameefi hordoffiin ogeeyyii fayyaa jirutti'' jedhameera.
Mallattoo agarsiisuu
Marroon jalqabaa qo'annoo kanaa dhaabbata Wellcome Trust jedhamuun maallaqaan kan deeggaramu oggaa tahu, hanga vaayirasichaa daran xiqqaa tahe, garuu walhoruu kan danda'uufi mallattoo cimaa namatti kan hin fidne gochuufi kaayyoonsaa.
Achis marroo lammeessoo qo'annoo kanaan, dooziin xiqqaan vaayirasichaa kun kanneen qo'annoo kanarratti hirmaataniif kennama ykn akka qabaman taasifama.
Qo'annoo ji'oota muraasaan booda eegalu kanaan, fedhiidhaan kanneen hirmaatan, yoo mallattoo agarsiisu taanaan, yaalii antiboodii jedhamu ni kennamaaf. Kanaanis vaayirasicha ofirraa ittisu.
Kan gadhiifamanis erga vaayirasicharraa dandamataniifi nama biraatti dabarsuu dhabuun erga mirkanaa'e booda.
Yaalii farra-vaayirasii
Yunivarsiitii Oksoford irraa qo'annicha kan gaggeessan Profesar Helen McShane akka jedhanitti: ''Qo'annoon gosa akkasii (Challenge studies) goosotni qo'annoo biraa wanta nutti hin himne nu barsiisu. Akka uumamaan kanneen qabaman osoo hintaane, hordoffii cimaatu irratti godhama.
''Hirmaattota kanniin wayita irra deebiin [vaayirasicha] qabsiifnu, sirni madinummaa isaanii yeroo duraatif wayita qabamanitti akkamiin akka hojjechaa ture sirriitti beekna. Akkasumas marroo lammaffaaf wayita qabamaniifi hanga vaayirasii hangam qabu kan jedhus baruu dandeenya.
Hubannoo qabnu irratti nu dabaluun alatti, qorannoolee sirrii namoonni akka eegaman godhu argachuufis nu gargaara.''
Yunivarsiitii Warwick irraa Prof Lawrence Young ammoo waan jedhan: ''Qo'annooleen 'Human challenge studies' jedhaman kunniin, hordoffii jalatti waa'ee infekshinii ragaa murteessaa tahe akka argamsiisan seenaan ni mul'isa.
Kana malees bu'a-qabeessummaan talaalliis akka sirnaan qoratamu gargaara.
''Hubannoo nuti waa'ee vaayirasiin qabamuu fi deebii madinummaan qaamaa kennu qabnu daran fooyyeessa. Dabalataanis, qophii talaallii fi yaalii farra-vaayirasii itti jirruuf odeeffannoo murteessaa tahe nuu kenna,'' jedhan.
















