Talaallii Covid-19: Biyyoonni talaallii Joonsan & Joonsan kennuu adda kutan

A pharmacist prepares doses of the Johnson & Johnson vaccine at a vaccination clinic in Boston, US on 4 March, 2021

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Talaallin Joonsan & Joonsan Guraandhala keessatti akka kennamu eeyyamamee ture

Ameerikaa, Afrikaa Kibbaa fi Gamtaan Awurooppaa talaallii Covid Joonsan & Joonsan (J&J) erga kantaruun dhiigaa muraasni dhagahamee booda talaallicha yeroof addan kutan.

Bulchiinsi Dawaa fi Qorichaa Ameerikaa (FDA) akka ibsetti, talaallii doozii miliyoona 6.8 keessaa jaha kantaruu (itituu) dhiigaa qaqqabsiiseera.

Gamtaan Awurooppaa torban kana keessa talaalli Johnson & Johnson hawaasaaf dhiyeessuu jalqabe addaan kute.

Haaluma walfakkaatuunis talaallii AstraZeneca irratti dhimma mudaterraa kan ka'e, talaallichi kennamuu dhorkamee ture.

Bulchiinsi Dawaa fi Qorichaa Ameerikaa yeroodhaaf talaallicha ofeggannoof dhiyeessuu yeroof addaan kutuu gorse.

Amma yoonatti namni tokko itituu dhiigaan walqabatuun du’uu fi namni biraan tokko haala lubbuusaaf yaaddessuu keessa jiraachuu mirkaneesseera.

Namoonni itituun dhiiga mudate jahan isaanii dubartoota ganna 18-48 gidduu jiran yoo ta’an, mallattoon kun talaalamanii guyyoota 6-13 gidduutti mul’ata.

Gorsa jaarmiyaa fayyaa kana hordofuun iddoowwan Moootummaa Federaalaa Ameerikaa bulchu hundi amma qorannoon dabalataa hanga goolabamutti talaallichatti gargaaramuu dhiisaniiru.

Ameerikaatti namoonni miliyoona 31 caalan vaayirasichaan qabaman keessaa 562,000 ol du’uun, addunyaarratti biyya lakkoofsi namoota qabamaniifi du’anii olaanaan keessatti galmaa’e.

Johnson & Johnson vaccine

Madda suuraa, Reuters

Joonsan & Joonsan kaampanii fayyaa Ameerikaa yoo ta’u, talaallichi dameesaa qoricha oomishu Beeljiyeemitti argamutu talaallicha kalaqe - talaalliin kun maqaa Janssen jedhamuunis beekama.

Talaalliin kun yeroo tokkicha qofa kan kennamu wayita tahu, kottolleessituu idilee keessatti kuufamuun talaallicha kanneen biroo caalaa iddoo ho’aatti raabsuuf akka salphatu taasisera.

Biyyoonni hedduun dursanii talaallicha doozii miliyoonaan lakkaa’amu ajajnis, biyyoota muraasa qofaatu itti fayyadamuuf eyyamee ture.

Ameerikaatti talaalliif akka oolu Guraandhala 27, bara 2021 eeyyamame. Haata’u malee, talaalli Pfizer-BioNTech fi Moderna jedhamanitu bali’naan tajaajilarra oole.

Talaalliin J&J namoota miliyoona torbatti dhiyaataniif kan kenname yoo ta’u, talaallii amma yoonatti Ameerikaatti kenname keessaa harka sadii qofa.

Biyyi talaalliin J&J akka kennamu dursitee eeyyamte Afrikaan Kibbaa, amma akka kennamuun addaan citu ajajje. Haatahu malee biyyattiitti haga ammaa kantaruun dhiigaa tokkollee hin gabaafamne.

Talaallichi gosa Covid haaraa Afrikaa Kibbaatti argame ittisuurratti talaalliiwwan kaan caala filatamaa ture.

Guraandhalaan asitti hojjattoonni fayyaa biyyattii 300,000tti dhiyaatan talaallicha fudhachuusaanii Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Rooyitarsitti himeera.

Gamtaan Awurooppaa talaallii J&J dhiyeessuu erga eegalee sa’aatii 24 keessatti dhiyeessuu addaan kuteera.

Dhaabbannii Fayyaa Addunyaa haalli dhiyeessii talaalli Gamtaa Awurooppaa harkifachuu qeeqee ture.

How the vaccines compare?

Waa’ee itituu dhiigaa dhiyeenya kanaa maal beekna?

Bulchiinsi Dawaa fi Qorichaa Ameerikaa (FDA) fi Giddugaleessi To’annoo fi Ittisa Dhibee (CDC) ibsa walta’iinsaan kennaniin, ragaa namoota jaha talaallii J&J fudhachuun dhiignisaani itituun gabaafame sakatta’amaa akka jiru himan.

Kantaruun yookiin kantaruun dhiigaa kun 'cerebral venous sinus thrombosis (CVST)' akka jedhamus himan.

Gosti itituu dhiigaa akkasitti mudatu wal’aansa addaa akka barbaachisullee itti dabaluun ibsaniiru.

Rakkoo kana yaaluuf yeroo mara kan hojiirra oolu qorichi 'heparin' jedhamu ''tarii balaa qabaachuu mala,'' jedhan.

Kanaaf qorannoon kun hanguma gaggeeffamutti FDA fi CDCn ''ofeeggannoof jecha talaalliin kun kennamuurraa akka dhaabbatu'' gorsan.

Kanneen talaallii Johnson & Johnson fudhatanii ''torban sadii keessatti mataa bowwoo hamaa, dhukkuba garaachaa, dhukkuba lukaa, akkasumas araganuuf kanneen rakkatan buufataalee fayyaa qunnamuu qabu,'' jedha ibsi dhaabbilee kanaa.