Sababiin AstraZeneca fayyadamuu dhaabsisu hin jiru-Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

Bulgaariyaan namoota 300,000 talaallii AstraZeneca

Madda suuraa, Reuters

Biyyootni sababa dhiiga kantarsa jedhuun talaallii AstarZeneca fayyadamuu dhaabuu hin qaban,dubbiin kunis dhugaa mitii jedhe Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa.

Buulgeeriyaa Deenmaark fi Noorweey biyyoota talaallii kana yeroof fayyadamuu dhaaban keessatti argamu.

Haa tahu malee dubbii himtuun Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Jimaata har’aa dhiigni kantaruun dabaluufi talaallii kana gidduu hariiroon tokkoyyuu hin jiru jette.

Maargaareet Heeriis ‘’talaallichi baayyee gaarii dha’’ akkasumaanis itti fufa jetteetti.

Hanga yoonaa lammiileen Awurooppaa miiliyoona shan tahan talaallii AstraZeneca jedhamu kana fudhataniiru.

Awurooppaa keessatti talaallii kana erga fudhatanii namoonni 30 tahan dhibeen dhiigni kantaruu isaan mudateera. Namni ganna 50 tokkos Xaaliyaanii keessatti dhiigni isaa akka malee kantaree du’uun gabaafameera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhimma kana akka qorachaa jiru dubbii himtuu Heeriis dubbatteetti.

Haa tahu malee hariiroon kallattii dhibee kanaafi talaallicha gidduu hin jirus jetteetti.

AstraZeneca lakkoofsi namoota talallii kana erga fudhataniin booda kantaruun dhiigaa isaan mudate baayyee xiqqoo dha jedhe.

‘’Xiinxalli odeeffannoo namoota miiliyoona 10 akka agarsiisutti ragaan kantaruu dhiigaa fi talaallicha gidduu hidhatni jiraachuu mul’isu hin jiru.’’

Bulgeeriyaan talaallii kana yeroof nan dhaaba jennaan, Deenmaark,Ayilaand, Noorweeyiifi Taayilaandis hordofan. Xaaliyaanii fi Ostiriyaan of eegannoof jecha talaallicha fayyadamuu dhaabaniiru.

Ejansiin Qorichaa Awurooppaa talaalliin kuni dhiiga kantarsuusaaf agarsiistuun hin jiru jedheera.

Biyyootni kanneen akka UK,Jarmanii,Awustiraaliyaa fi Meeksikoo garuu talaallii kana kennuu isaanii itti fufaniiru.