Talaalliin Covid-19 jalqabaa miliyoona 2.2 Itoophiyaa seene

Madda suuraa, Christian Rogg
Talaalliin koronaavaayirasii jalqabaa miiliyoona 2.2 ta'u har'a ganama Itoophiyaa seene.
Talaallii marsaa jalqabaa tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf oolu kuni har'a (Guraandhala 28, 2013) ganama Finfinnee kan seene yoo ta'u walta'iinsa idil-addunyaa talaallin hunda akka walgahuuf hojjetu - kovaaksi (Covax) irraa kan argamedha.
Talaallin kuni Itoophiyaa seenuun isaa sadarkaa idil - addunyaatti qoodinsa talaallii farraa Covid-19 haala hundaaf walgahuun carraaqqii taasisfamu kan agarsiisudha jedheera dhaabbati fayyaa Addunyaa damee Itoophiyaa.
Talaalliin covid Itophiyaa seene kan 'Astra Zeneca' jedhamudha. Talaallii kana biyyatti galchuun kuni reefu eegale malee torban itti aananif akka itti fufu eerameera.
Talaalliin gosa 'Astra Zeneca' Inistitiyuutii Seerum Hindiitin oomishame Daandii Qilleensa Itoophiyaan gara biyyaa galfamuu ibsameera.
Ministeerri Itoophiyaa akka ibsetti kanneen talaallii kana fudhatan adda baasuun eegalameera.
Kana dura Ministirri Fayyaa Itoophiyaa Dr Liyaa Taaddasaa kanneen dursi kennamuuf kutaalee hawaasaa dhukkubichaaf saaxilamoo ta'an akka ta'e eeraniru.
Kanaanis, ogeeyyii fayyaa, hojjettoota fayyaa hawaasaa, kanneen tajaajila geejjiba ummataa kennan dursii kennamaaf jedhan.
Talaalliinis guyyoota muraasa keessatti eegala jedhamee eegama.
Tamsa'ina Covid-19
Itoophiyaa keessatti yeroo ammaa lammiilee miiliyoona 2.17'f qorannoon kan taasifame yoo ta'u 165,000 ol vaayirasichaan qabamaniiru.
Qorannoo kaleessa taasifameen namoonni dabalataa 16 du'uun ibsameera.
Akka ragaan Ministeera fayyaa Itoophiyaa agarsiisutti hanga yoonaa lammiileen 2,420 vaayirasichaan lubbuu dhabaniiru.

Vaayirasiin addunyaa waliin gahe kuni yeroo jalqabaaf Itoophiyaatti kan argame baatii Bitoteessa keessa lammii Jaappaan irrattidha.
Yeroo ammaa tatamsa'inni vaayirasichaa dabaluu fi ummannimmoo of dagachuu ibsuun of eeggannoon akka taasifamu ministeerri fayyaa dhihoo ibseera.
Sadarkaa idil - addunyaatti lammiileen miiliyoona 116 ol vaayiraasichaan kan hubaman yoo ta'u miiliyoona 2.5 ol kan ta'an immoo lubbuu dhabaniiru.
Biyyoota addunyaa keessaa vaayirasichaan caalmaatti kan hubames ta'es lammiileen hedduu kan jalaa dhuman Ameerikaadha.
Tatamsa'inni weerara vaayirasichaa fayyaan alatti diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa lammiilee addunyaa haalaan kan hube yoo ta'u talaallii saffisaan hundaaf walgahuuf hojjetamaa jira.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
















