Koronaavaayirasii: Galmi Bar-kumee namootni Covid-19 itti hammaate keessatti wal'aanaman ‘guutuu gahe’

Madda suuraa, Getty Images
Sireen wal'aansa dhukkubsattoota koronaavaayirasii wal'aansi addaa barbaachisuuf [ICU] guutuu isaa giddugalli wal'aansa Covid-19 galma barkumeetti qophaa'e beeksise.
Galmi barkumee giddugala wal'aansa koronaavaayirasiif jijjirame kuni kutaaleen addatti tajaajila oksijinii kennaniis guutuuf akka jiru beeksiseera.
Booda kana Itoophiyaan qorannoo hanguma dabalte hammi namoota qabamaniis haalaan dabalaa jira.
Biyyoota Afrikaa namoonni hedduu koronaavaayirasiin qabaman keessaa tokko yoo taatu Afrika Bahaarraa hamma namoota vaayirasichaan qabamanii olaanaa galmeessite.
Yeroo ammaa giddugala galma barkumee magaalaa Finfinnee keessa argamuufi iddoo dhukkubsattoonni vaayirasichaan qabaman addatti fo’amanii tursiifaman keessatti dhukkubsattoonni 200 ol akka argaman daarektarri giddugala kanaa Dr Wulataaw Caannee BBC'tti himaniiru.
Giddugalli wal’aansaa kun guyyaatti dhukkubsattoota dhukkubbiin itti hammaate giddugaleessaan 20 akka simatuufi dhukkuubsattoonni 210 siree argatanii amma wal’aanamaa akka jiran himaniiru.
Isaan keessaa 118 harganuuf deeggarsa Oksijinii barbaadu.
Kutaaleen wal’aansi itti kennamuus iddoo afuritti qoodamanii gurmeeffamaniiru.
Kan jalqaba, iddoo dhukkubsattoonni dhukkubbiin kan itti hammaatee fi Oksjiinii sirnaan kan barbaachisu iddoo keesssatti wal’aanamanidha.
Lammaffaan, kanneen deeggarsa oksijiinii barbaachisu kan keessatti wal’aanamani, 3ffaan immoo hammi Oksijiinii muraasni qofti kan barbaachisu kutaa itti wal’aanamanidha.
Kutaa inni 4ffaan, iddoo dhukkubsattoota rakkoo biraas qabaatanii, kanneen manasaaniitti addatti fo’amanii turuu hin dandeenyefi deeggarsa ogeeyyii barbaadani turanidha.
Ammatti kutaaleen hundisaanii akka hin guutne kan dubbatan daarektarri giddugaleessa wal’aansaa kun, sireen kutaan dhukkubsattoota dhukkubbiin itti cimeef qophaaa’e harka caalu qabamuu ibsaniiru.
Hagayya 20, bara 2012tti kutaan dhukkubsattoota deeggarsa Oksijiinii guddaa barbaadanii shan qoftii hafuu daarektarri giddugaleessa kanaa himaniiru.
Kutaa dhukkubsatoota Oksijiinii amma muraasni barbaachisuu garuu ammas otoo hin qabamin hafan muraasni jiraachuu kaasan.
'Dhukkubsattonni siree dhabuu malu'
Sireen hundi ammatti guutumaan guutuutti otoo hin guunne hafus, ittisa dhibichaarratti yoo hin hojjanne, ‘‘yeroo muraasa booda dhukkubsattootni dhukkubbiin itti hammaate siree dhabuu malu’’ jedhanii yaaddoo qaban kaasan.
Kana malees, dhukkubbiin kanneen itti hammaate wal’aansaaf dhufan dafanii siree dhiisanii hin deeman jechun dubbatu.
Yoo xiqqate torban lamaaf sireerra turu. Kanaafuu, kanneen deeggarsa Oksijiinii barbaadaan haala kanaan qabaachuun turuun rakkisaadha jedhan.


Akka ogeessa tokkootti yaaddoon qabu, yeroo murtaa’e booda to’annoo ogeeyyii fayyaa ol ta’uu mala. Kanaafuu to’annoofi ittisa dhibichaarratti caalatti hojjatamuu qaba jedhan.
Giddugaleessi wal’aansa kun ammatti dhukkubsattoota 670 simachuu kan danda’u wayita ta’u, caalaatti gurmeeffamnaan dhukkubsattoota 1,000 guutan simaachuu akka danda’u ibsaniiru.
Kun otoo kanaan jiruu, giddugaleessi wal’aansaa kun dhukkubsattoota Oksijiiniin hammi muraasni barbaachisu simachuuf hojii gargaaran hojjataa jiraachuu ibseera.
Dhukkubsattoota Oksijiiniin hamma guddaan barbaachisu simachuuf garuu inveestimentii guddaa, hojii guddaatu barbaachisa jedhan.
Akka gabaasa Ministeera Fayyaatti Itoophiyaatti namoonni 45,000 ol Covid-19’n kan qabaman yoo ta'u, kanneen keessaa harki caalaan magaalaa Finfinneetti galmaa’e.















