Koronaavaayirasii: Daree barnootaa gara bakka horsiisa lukkuutti geeddarame

Mootummaan Keeniyaa sababii Covid-19 wal qabatee manni barnootaa hanga baatiin Amajjiitti akka cufamu murteesseera.
Sababii kanaaanis manneen barnootaa dhuunfaa hedduun rakkina diinagdee cimaaf saaxilamaniiru.
Manni Barnootaa Mwea Brethren kan kana dura sagalee ijoollee barattootaan gutamaa ture amma bakka lafa horsiisa lukkuutti geedarameera.
Gabatee gurraacha gaaffileen herregaa itti dalagaa turan, karoora talaallii lukkuutiin bakka buufamaniiru.
Jooseef Maa'inaa abbaan qabeenyaa mana barnootaa jiddugala Keenyaa keessaas amma galii argachuuf jecha daree gara horsiisa lukkuutti geedareera.
'Jireenyaaf murteessaa'
Keessattuu baatii Bitooteessaa wayita manneen barnootaa hundi akka cufaman taasifameetti haalli nama kanaaf baay'ee cimaa ture, keessattuu nama akka isaa liiqaa baankii kanfalaa akkasumas kan biraatiif waliin haasa'aa turef.
Jalqabarratti wanti hunduu kan badee fakkaatee ture, Garuu ''Jiraachuudhaaf manuma barnootaa keessatti waan tokko gochuu qabna jechuun murteessine'' jechuun BBC'tti himan.

Akkuma mana barnoota dhuunfaa kamittuu galiinsaanii kanfaltii barattootaa irratti kan hundaa'eedha.
Kanaafuu, manneen barnootaa kunneen cufamu jechuun hojjattootaaf kan kanfalan hinjiraatu, isaafuu baayyeen isaaanii kan rakkina maallaqaa cimaa keesatti argamaniidha.
Manneen barnootaa muraasni karaa onlaayinitiin barsiisuu itti fufuu danda'anilleen, kanfaltiin isaan argataa jiran baasii jireenya bu'uraa barsiisootaa bakka hin bu'u jedha Waldaan Manneen Barnootaa Dhunfaa Keeniyaa.
Manneen barnootaa dhuunfaa kuma 300 olii keessaa kanneen %95 ta'an kanfaltii malee boqonnaa baafamani jedhu hojii raawwachisaan waldichaa Pitar Nidoroo.
Kana malees, manneen barnootaa 133 hanga dhumaatti akka cufaman taasifamaniiru.
'Gonkuma akka kanaa cimaa ta'e hinbeeku'
Haala hamaa kana keessa darbuuf manneen barnootaa jiddugala Keeniyaatti argaman kan akka Qophaa'insa Rokaaa tarkaanfii fudhataniin, dallaa mana barnootichaa gara lafa qonnaatti geeddaraniiru.
''Haalli gonkumaa hanga kana cimaa ta'ee hinbeeku,'' jedhan Jamsi Kung'u kan waggoota 23 dura mana barnotaa kana kan hundeessan Jeemsi Kungu'u wayita BBCtti dubbataniitti.
Dallaa keessa bakka duri ijoolleen itti xabataa turan irratti ataakiltiin biqilee mullata.

Akkasumas lukkuus horsiisaa jira.
"Haalli kiyyas kan manneen barnootaa biraan wal fakkaataadha. Konkolaataa kiyyaaf boba'aa guuttachuuf baayyeen rakkadha. Barsiisoonniifi barattoonni asi hinjiran. Sammuudhaan baay'ee miidhamneera,'' jedha Obbo Jeemis Kung'u.
Manneen barnootaa Mwea Brethren fi Rokaa lamaanu hojjattoota lama qofa akka hojii qonnaatiin isaan gargaaraniif of bira tursiisan.
"Kun dureessaaf miti. Garuu nuyi nutti toleera....yoo xinnaate hinmukooftu. Waan hojiin qabamtuuf qoricha sammuuti,'' jedhu Obbo Kung'uun.
'Barsiisotaaf gaheen hinjiru'
Manneen barnootaa kunneen lamaanu ofiisaaniif madda galii yoo argatanilleen waa'ee carraa barsiistoota isaanii kan baatiiwwan shanan darbaniif kanfaltii malee jiranii baay'ee yaadda'aa jiraachu dubbatu.
Kunis barsiistoota manneen barnootaa motummaatti barsiisanifi kan ammalleen mindaa argataniin wal bira qabuun.
Obbo Maa'inaa barsiisoonni isaa bilbiluun wanti hojjachuu danda'an yoo jiraate akka gaafatan himu. ''Garuu akka carraa ta'ee kan ofii keenyaafuu nyaannu gahaa hinqabnu'' jedhu.

Sababii kanaanis hedduun isaanii damee hojiisaanii geeddaruuf dirqisiifamaniiru.
Maakrine Otenoo kan magaalattii keessatti waggoota jahaaf barsiisaa turte kanfaltii kiraa manaa kanfalu dadhabuun manicha keessaa ari'amuu himti.
Kanaafuu, bakka jiraattuufi nyaata argachuuf guddiftuu daa'imaa ta'uun hojjataa jirti.
''Erga biyyattii Keeniyaa namni Covid-19 qabame kan jalqabaa argame kaasee, manneen barnootaa cufamnaan wanti hojjannu homtu hinturre.
"Daa'ima kiyyaaf waa argachuuf waan baay'ee yaaleen ture. Garuu haalli salphaa hinturre,'' jechuun BBC'tti himte.

Giloriyaa Mutuku Lixa Keeniyaatti barsiistuu turte. Amma erga manni barnootaa cufame kaaftee liqaa fudhachuu hojii daldalaa eegalte jirti.
Isheenis hojiin daldalaa ishee milkaa'eef manni barnootaa saaqamulleen barsiisuutti akka lammata hindeebiine abdatti.
Yaadni ishee kunis waan haaraa miti. Dhiibbaa koronaavaayirasiin kanfaltii manneen barnootaa irraan gahu dandamachuun manneen barnootaa deebii'anii banamuu laataa gaaffiin jedhuu mataansaa hedduun ka'aa jira.
Waldaan Manneen Barnootaa dhunfaa (KPSA)n ammoo rakkina maallaqaa mudate kanaaf motummaan deeggarsa dolaara miliyoona 65 akka taasiisuuf gaafataa jira.
Kanaanis barsiisonni oggumaa isaanii irra akka turu danda'an abdata.
Maallaqichi kan hinargamne yoo ta'e garuu, ''manneen barnootaa muraasni jiraachu hindanda'an'' jechuun akeekkachiisa waldichi.
Ministirichi manneen barnootaa ulaagaa guutaniif liiqaa kan mijeessuu ta'u himeera kan jedhan Obbo Nidoroon garuu manneen barnootaa biyyattii hunda baraaruuf kun gahaa miti jedhu.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
















