Koronaavaayiras: 'Afrikaatti xiyyeeffannoon wallaanuu caalaa ittisuu isaarratti taasifamaa jira'

Dubartii maaskii uffattu Senegaalitti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Torban darbe keessa namonni koronaavaayirasiin irratti argame baayyee dabaleera

Afrikaan yeroo itti aanutti bakka weerarri koronaavaayirasii itti hammatu ta'uu danda'a jechuun Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) akeekkachiise.

Torban darbe keessa namonni koronaavaayirasiin irratti argame baayyee dabaleera.

Afrikaa keessatti lakkoosi namoota vaayirasiin irratti argamee kan Awurooppaafi Ameerikaa keessatti argame waliin yeroo ilaalamu gadi aanaa ta'ullee, hanga ammaatti ardiitiirratti namoonni 1,000 ta'an dhibee Covid-19 yoo du'an 18,000 kan ta'an irratti ammoo vaayirasichi argameera.

WHOn akka jedhutti vaayirasiin kun magaalota Afrikaa keessaa gara baadiyaatti tatamsa'aa jira.

Ardiin kun rakkoo fayyaa sababa Covid-19n mudachuu maluuf ammoo ventileetaroota (meeshaa nam-tolchee argansuuf gargaarau) gahaa hin qabdu.

Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daarektarri Afrikaa Dr Matshidiso Moeti, BBCtti akka himanitti biyyoota akka Afrikaa Kibbaa, Naajeeriyaa, Ayivorii Kost, Kaameruuniifi Gaanaatti vaayirasichi magaalaarraa gara baadiyyaatti tatamsa'aa jira.

Daarektarittiin akka jettutti xiyyeeffannoon wallaanuu caalaa ittisuu isaarratti taasifamaa jira sababiin isaas Afrikaan dhukkubsattoota koronaavaayirasii wallaanuudhaaf humna isaa hin qabdu.

"Lakkoofsi namoota hedduun sadarkaa wallaansa addaa (ICU) isaan barbaachisurra akka hin geenye taasisuuf hojjechaa jira, sababiin isaas haala kamiiniyyu meeshaaleen gosa wallaansa addaaf barbaachisan biyyoota Afrikaa gara caalan keessa hin jiran," jetti.

"Dhimmi ventileeterootaa rakkoo guddaa biyyoota mudachaa jirudha jechuun barbaada."

Namoota dhibee Covid-19n baayyee dhukkubsataniif ventileeterii argachuun dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuudha.

Yeroo namoonni baayyee dhukkubsachuu isaaniirraan kan ka'e arganuu/hafuura baafachuu dadhabanitti maashiniin kun oksijiinii akka somba seenu gochuun kaarbon daayioksaayidii ammaa qaama namaa keessaa gadi baasuun gargaara.

Du'aatiin jalqaba sababa kornaavaayirasiitiin Afrikaatti galmaa'e Bitootessa keessa kan gaazexeessaa lammii Zimbaabuwee ta'e Zorooroo Makmbaati.

Aanga'oonni magaalaa guddoo iyyattii, Haraaree akka jedhanitti yeroo gaazexeessaan sun dhibametti ventileetera ittiin wallaanan hin qaban ture.

Dhibeen kun bakka namoonni walitti siqanii jiraatan walirraa fageenya hawaasummaa hojiirra oolchuuf rakkisaa ta'eefi bakka namoonni hedduun bishaaniifi saamunaa argachuu hin dandeenyetti hammaachuu mala sodaan jedhu jira.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa