Covid: Itoophiyaan talaallii Covid-19 Ebla dhuftu akka galfattu beeksifte

Talaallii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Talaallii

Itoophiyaan ji'a Ebla dhuftuutti talaallii koronaavaayirasii akka alaa galfattu beeksifte.

Talaalliin alaa galuuf jiru kun ammoo hawaasa carraa saaxilamuu qaban keessaa yoo xiqqaate dhibba keessaa harka 20 akka gahu Ministeerri Fayyaa Beeksiseera.

Talaalliifi wantota talaalliin walqabatanirratti gorsaan ol-aanaa ministira fayyaa Dr. Muluqan Yohaannis, Ministeerri Fayyaa, Ministeerri Muummeefi Waajirri Pirezedaantii waliin qindaa'uudhaan talaallii koronaavaayirasii ittisu biyya alaarraa galchuudhaaf qophiin taasifamaa jira jechuun Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti dubbatan.

Akkaataa ulaagaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa baaseen kutaaleen hawaasaa talaallicha fudhachuudhaaf dursi kennamuuf, ogeessota fayyaa, namoota umuriin isaanii deeme, rakkoo fayyaa warra qabaniifi filannoo dhufuun walqabatee humnoota eegumsaa itti-gaafatama dachaa qaban ta'uun ibsameera.

Haala talaalichaa ilaaluunis namoota baaburaafi atoobusii oofaniif, akkasumas barsiisota manneen barumsaa mootummaa keessa barsiisan akka gahu ni taasifama jedhameera.

Itoophiyaan talaallicha kan gara biyyaatti galchitu Waldaa Bittaa Talaallii Idil-addunyaa "COVAX" karaa jedhamuun akka ta'e Dr. Muluqan himaniiru.

Marsaan duraa talaallii kanaa ji'a Ebla dhufu kan galuu yoo ta'u hanga dhuma bara 2021tti ammoo talaallichi guutummaan guutuutti akka biyya galu gorsaan ol-aanaan kun eeraniiru.

COVAX jaarmiyaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaafi dhaabbileen fayyaa biroo waliin ta'uun kan hundeeffame yoo ta'u, biyyoota dinagdeen isaanii gadi aanaafi giddu-galeessa ta'eef talaallii dhiyeessuuf kan kaayyeeffatedha.

Biyyoonni Afrikaa sochii jaarmiyaa kanaa fudhataniiru.

Kana jechuun Afrikaan karaa jaarmiyaa kanaa hayyama talaallii yoo argatteefi mirkanaa'eef talaallii miliyoona 220 argatti.

Dhuma bara 2021tti COVAX talaallii Covid-19 biliyoona lama bituuf karoorfateera. Afrikaan biyyoota arditiif kan yeroof karaa Gamtaa Afrikaa qoodamuuf doozii miliyoona 270 argateera.

Walumaagalatti talaalliin argame bara kana keessa akka hojiirra oolu gaggeessaan Gamtichaa Pirezedaant Siriil Raamaafoozaan waadaa galaniru.

Inni kun kan kanaan dura waadaa galame doozii miliyoona 600 irratti dabalata ta'us, ammallee taanaan guutummaan guutuutti arditti talaaluudhaaf gahaa miti.

Biyyoota sooreyyii caalaa biyyoota harka-qalleeyyii keessatti talaallii waliin gahuun yeroo dheeraa fudhachuu mala sodaan jedhus jira.

Namoonni vaayirasichaan qabamaniifi dhibee kanaan du'an Afrikaa keessatti gadi aanaa ta'ullee, biyyoota tokko tokko keessatti namoonni qabaman deebiyee dabalaa jira.