Talaallii Covid: Gamtaan Afriikaa talaallii doozii miiliyoona 400 dabalataan argadhe jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Gamtaan Afriikaa talaallii Covid-19 akka argattuuf duraan waadaa galameefii ture doozii miilyoona 270 irratti dabalataan ammas doozii miiliyoona 400 argachuu ibseera.
Kan ammaa kana dabalatee Ariikaan hanga ammaatti talaallii doozii miiliyoona 670 karaa garee dhimma talaallii irratti hojjetuu(AVATT) argatteetti.
Dhaabbati akka addunyaatti biyyoonni hunduu karaa haqaa fi madaalawaa ta'een talaallicha akka argatan hojjetu, kan Dhaabbata Fayyaa Addunyaan hoogganamu, Covax, ammoo doozii miiliyoona 600 waadaa seeneef.
Talaalliin doozii miiliyoona 400 Afriikaan amma argadhe jettu kun AstraZeneca yoo ta'u kan argames jaarmiyaa biyya Indiyaa, 'Serum Institute of India' jedhamurraati.
Walumaa galatti kan Gamtaan Afriikaa argadhe jedhee fi kan Dhaabbati Fayyaa Addunyaa waadaa gale dabalatee biyyoonni Afriikaa talaallii Covid-19 doozii biiliyoona 1.27 argachuuf.
Afriikaan uummatashee keessaa dhibbeentaa 60 talaalchisuuf talaallii doozii biiliyoona 1.5 ishee barbaachisa.
Biyyoonni Afriikaa hedduun sababa hiyyummaatiin lammiileesaanii talaalchisuu hin eegalle yookiin hin karoorsine.
Biyyoonni hiyyeeyyii ta'an akka hin gargaaramneef ammoo dhiibbaan biyyoota dureeyyii salphaa miti, jaarmiyaaleen deggersa kennan olaantummaa dureeyyotaan hojiinsaanii gufachaa jiraachuu ibsu.
Afriikaa Kibbaatti ogeessi dhibee Covid-19 Saalim Abdul, ''amalli akkasii sirrii miti, sababa ga'aas hin qabu. Namni hundi yoo nagaa hin ta'in, nagaa guutuun addunyaarra hin jiraatu. Dhugaan kun hubatamuu qaba'' jedhan.
Afriikaa keessatti dhiyeessii fi hojiirra oolmaan talaallii Covid-19 Bitootessa dhufu ni eegala, garuu yerosittis dhiyeessiin hundaaf walga'uu dhiisuu danda'a.
Dureen Giddu-gala to'annoo Dhibee Afriikaa (CDC) Joon Nkengasong akka jedhanitti talaalliin kun baay'inaan kan raabsamuu danda'u dhuma bara kanaa fi bara itti aanutti.
Biyyoota Afriikaa dhuunfaan argataa jiran
Biyyoonni Afriikaa hedduun Gamtaa Afriikaa jalatti talaallicha argachuuf kan eeggataa jiran yoo ta'u, kan dhuunfaan bitachaa jiranis jiru.
Biyyoota Afriikaa keessaa vaayirasichaan daran kan hubamte Afriikaan Kibbaa Indiyaarraa AstraZeneca miiliyoona tokko argachuuf.
Morookoon ammoo AstraZeneca doozii miiliyoona lamaa fi Chaayinaarraa ammoo talaallii 'Sinopharm' jedhamu doozii kuma 500 gara biyyashee galchuuf jetti.
Biyyi uummata 94,000 qofa qabduu fi hawwata tuursitii taate Siishalsi ammoo Abu Daabii irraa talaallii Sinoparm kuma 50, Indiyaarraammoo AstraZeneca kuma 100 bilisaan argatteetti.
Biyyi uummata miiliyoonaa tokkoo gadi qabdu Mooriishiyas ammoo Indiyaarraa gargaarsaan talaallii doozii kuma 100 argatteetti.
Biyyi Uummata miiliyoona 100 qabdu Masriin talaallii doozii miiliyoona 100 caalu ajajjee eegaa jiraachuu ibsiteetti.














