Talaallii Covid-19: Biyyoonni hiyyeeyyiin akkamiin talaallii Koronaavaayiras argatu?

Narsii talaallii Covid-19 qabattee dhaabbattu, Tarkii, Ankaaraa

Madda suuraa, Reuters

Talaalliin Covid-19 yeroo gabaabaa keessatti qaqqabuunsaa argannoon saayinsii hagam akka fooyya'aa jiru kan agarsiisuudha.

Garuu fooyya'iinsi kun biyyoota hiyyeyyii fi dureeyyii walqixa keessummeessaa jiraachuun gaaffii kan namatti uumuudha.

Argannoo talaallii koronaavaayirasiin walqabatee biyyoonni dureeyyiin qooda biyyoota hiyyeeyyii guurrachuu danda'u sodaan jedhu jira.

Jaarmiyaan idil-addunyaa Covax jedhamu biyyoota addunyaa hundaafuu, hiyyeeyyii fi durreeyyii, talaallii kana qixa madaalawaa ta'een akka ga'u gochuuf kutatee akka ka'e ibseera.

Covax maali?

Bara 2020 Ebla keessa kan labsame sagantaan Covax, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi gareewwan talaalliin akka walga'uuf quuqamanii hojjetan lamaan hoogganama.

Jaarmiyaan kun argannoo irraa eegalee hanga bittaa fi gurgurtaa talaallii Covid-19'tti hojjeta, darbees akkaataa talaalliin kun biyyoota addunyaa 180 qaqqabuu danda'urratti haala mijeessuun hojjeta.

Akkaataa biyyoonni addunyaa itti talaallicha argatan irratti walqixxummaan dhibuu ilaalchisuun kan dubbatan Daarektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Teedroos Adihaanoom, talaalliin doozii miiliyoona 39 caalu biyyoota dureeyyii 49 ta'aniif yoo kennamu, biyya hiyyeettii tokkoof garuu talaallii 25 qofatu kenname.

''Miiliyoona 25 miti, 25,000 miti, 25 qofadha,'' jechuun maqaa biyyichaa utuu hin dubbatiin ibsaniiru aanga'aan kun.

Talaalliin Covid-19 hedduun biyyoota dureeyyii keessatti kennamaa jiru

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Talaalliin Covid-19 hedduun biyyoota dureeyyii keessatti kennamaa jiru

Fooyya'iinsi argame jiraa?

Covax talaallii kana Ji'a dhufurraa kaasee akka raabsuu eegalu ibsa, biyyoonni hiyyeeyyii fi galii giddu galeessaa qaban dursa argatus jedhe.

Akka jaarmiyaa kanaatti dhuma bara 2021'tti talaalliin doozii biiliyoona lama caalu biyyoota addunyaaf ni qoodama.

Kana keessaa biiliyoona 1.3 kan ta'u biyyoota hiyyeeyyii 92 kanneen sagantaa jaarmiyaa kanaa keessa galaniif kennama jedhe.

Covax saffisaan hojjetee deebii ga'aa kennaa hin jiru komiin jiru garuu dhiyaataa jira.

Miseensa boordii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa tokko kan ta'an Dr Clemens Martin Auer, Covax dhimma talaallii Covid-19 irratti dubbatee biyyootaaf raabsuurratti daran harkifateera jedhan.

Covax weerara kana goolabuuf hagam gumaacha?

Covax galmasaa bira yoo ga'ellee, dhalli namaa dandeettii vaayirasicha ofirraa ittisuu gabbifachuuf yeroo dheeraa itti fudhachuu mala.

Akkka Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti weerara koronaavaayirasii dhaabsisuun kan danda'amu, yoo uummati addunyaa harki 70 dandeettii vaayirasicha ofirraa loluu gabbifateedha.

Talaalliin doozii biiliyoona lama qofti waggaatti kan qoodamu yoo ta'emmoo, dhibbeentaa 70 uummata addunyaa biiliyoona 7.8 ta'uu talaaluuf waggoota hedduu fudhata jechuudha.

Biyyoonni hagam gumaachan?

Mootummaan UK talaallii fi to'annoo weerara koronaavaayirasiif doolaara miiliyoona 734 gumaache, kun gumaacha isa guddaa addunyaati.

Raashiyaa fi US biyyoota addunyaa muraasa hanga yoonaa hin gumaachine keessa jiru, US garuu bara bulchiinsa Joo Baayidan akka gumaacha gochuutti deebite ibsiteetti.

Inumaa US keessatti ammoo miseensotumti Covax kanneen dureeyyii ta'an, talaallii nama hedduuf ga'uu danda'u dhuunfaasaaniif akka olkaa'atantu komatama.

Qorannoon Inistitiyuutii Fayyaa Yuuniversitii Duuk akka mul'isutti, giddu galeessa Amajjii kanaatti dureeyyonni addunyaa uummata addunyaa keessaa dhibbeentaa 16 ta'an talaallii gabaarra oole dhibbeentaa 60 bituun of harka galfataniidha.

Biyyoota kaaniif-keessattuu kanneen hiyyeeyyii ta'aniif furmaati Covax qofa.

Jaarmiyaan kun xumura bara 2021'tti waan kaayyeffate bira ga'uuf doolaara biiliyoona 4.6tu isa barbaachisa, garuu hanga yoonaatti doolaara biliyoona 2.4 qofa argate.

Covax talaalliiwwan hojiirra oolan kanneen akka Pfizer-BioNTech fi Oxford-AstraZeneca, dhiyeessuuf kan mallatteesse yoo ta'u kanneen mirkanaa'uuf jiran hedduu waliinis walii galuu ibseera.