Koronaavaayiras: Talaalliin Covid-19 hanga ammaatti hojiirra oolaniifi haaraa dhufaa jiran isaan kam?

Madda suuraa, Getty Images
Weerara koronaavaayirasii to’achuuf hojiin jumlaan talaaluun gaggeessuu taasifamaa jira.
Carraa namootni dhukkubsachuu, wal’aansa hospitaala barbaaduu ykn lubbuun isaanii darbuu hir’isuuf, talaalliwwan hedduu mala gara garaan hojjatamaan fayyadaarra oolaa jiru.
Talaalliwwaan haaraa lama biroo ammoo yaaliin bal’aan irratti taasifamaa ksn jiru yoo ta'u, akka bu’aa qabeessa ta’an mul’isa.
Talaalliin maaf nu barbaachiisa?
Vaayirasiin kun erga tatamsa’uu jalqabee waggaan tokko darbeera. Ta’us namoootni harki caalan ammayyuu dhibee kanaaf saaxilamoodha.
Dhorkiiwwaan sochii dhorkuu jiruufi jireenyaa keenya daangessan qofaatu tatamsa’a vaayirasicha hir’isaa jira.
Talaalliin qaamni keenya vaayirasicha akka ofirraa ittisuu kan barsiisu yoo ta’u, weerara kana keessaa ba’uufis nu gargaara.
Talaalliwwaan gurguddoo sadan
Talaalliwwan dursoo sadan kanneen Pfizer/BioNTech, Moderna fi Oxford/AstraZeneca jedhaman oomishamaa jiru, biyyoota gara garaattis namoonni talaaliiwwan kunneen fudhachaa jiru.
Pfizer fi Moderna lamaan talaallii RNA- kan mala haaraa aritiin qophaa’uu danda’an omiishaniiru.
Koodii qaccee sanyii koronaavayirasii xiqqoo gara qama keenyatti yeroo galchamu koroonaavaayirasii omishuun qaamni offirraa akka ittisu taasisa.
Kunneen UK, Awurooppaa fi US keessatti fayyadamaaf raggaasifamaniiru.
Talaalliin Oksifoord vaayirasii miidhaa uumuu hin dandeenye akka qaccee sanyii kana baataniif waan fayyadamuuf hanga tokko addadha.
Talaalliwwan sadan keessa inni kun teemprichara hedduu qorraa fayyadamuurra firiijii keessa kaa’amuu waan danda’uuf isa salphaadha.
Talaalliwwan haaraa lamaan dhufaa jiran
Yaalii bal’aa talaalliwwaan haaraa lamaan irratti odeeffannoon dhiyeenya dhiyaataniiru.
Hojiin Janssen fi Novavax amma talaalliin kennamuun dura kaneen talaalli raggaasisaniin raggaasifamuu qaba.
Talaalliin Janseen mala talaallii Oksifoordi kan fayyadamuu ta’us, dozii lamaan kennamuurra takka qofa kan kennamu ta’a.
Firiijii keessa kan kaa’amuu ta’uu isaan dabalata, talaalliin biiliyoona tokko bara kana raabsamuuf qophaa’ees addunyaa irratti bu’aa guddaa uumuu danda’a.
Addunyaan hafe maal gochaa jira?
Awuroppaa fi US keessatti fayyadamamaa jiraachuu baatanis talaalliwwan bu’aa qabeessa ta’an biroon jiru.
Talaalliwwan Sinovac, CanSino fi Sinopharm saayinstistoota Chaayinaatiin kan oomishaman yoo ta’u, biyyootii Eeshiyaafi Ameerikaa Kibbaa keessa jiran waliin waligaltee mallatteesaniiru.
Chaayinaa keessatti namootni miiliyoona tokko ta’an, talaallii Sinopharm argachuun isaanii gabaafameera.
Talaalliin Sputnik V, Wiirtuu Qorannoo Gamaleyaa Raashiyaan kan omishame yoo ta’u, talaallichi bu’aa qabeessa ta’uu isaafi namootni muurasni argachuu isaanii maxxanfameera.
Bu’aa qabeessummaan hunda isaanii wal qixaa?
Yeroo weerara kanaatti bu’aa talaalli dhaabbata tokkoo waliin madaaluun ni cima, sababiin isaa yaaliwaan isaanii akkataa gara garaan gaggeeffaman waan ta'eef.
Ta’us, talaalliwwan dursoo carraa sababa Covid’n wal’aansa barbaaduukee ykn du’uukee irratti dhiibbaa guddaa kan qaban fakkaata.
Ta’us garuu - gaaffiin inni guddaa – tatamsa’ina vaayirasichaa ni dhaabuu kan jedhuuf garuu- deebiin hin argamne.
Mala kamtu caalaatti bu’aa qabeessa kan jedhu garuu yaalii addaa kan itti namootni beekaa vaayirasichaan qabamnii gaggeeffamuun adda baafama.
Waantonni adda ta’an maali?
Gosootni koronaavayirasii haaraan addunyaa irratti biyyootii garagaraatti mul’aachaa jiru.
Ta’us garuu, odeeffannoon Janssen fi Novavax kan gosa covid haaraa kana qaban irratti ragaan jiru akeekkachisa kan qabu fakkaata.
Talaalliwwan lamaan Afrikaa Kibbaa bakka gosti Covid haaraa itti mul’ate keessatti bu’aa qabeessummaan isaanii dhibbaa guddaa hin qabaanne.
Bu’aan argame kun gaariifi talaallii homaa jirachuu irraa gaarii ta’us, koronaavayorasiin xiyyeeffannoo qabuuf rakkisaa ta’edha.
Gara fulduraatti talaalli fayyadamnu geddaruun barbaachisuu mala.
Wanti ammas hojjatamuu qabu maali?
- Talaalliwwan biiliyoonaan oomishuun addunyaa irratti raabsuu
- Ittisa vaayirasichaa hangamiif akka turuu qorannoon baru
- Talaalliin kun tatamsa’ina vaayirasichaa irratti dhibbaa akkamii akka qabu qorachuudha.














