Koronaavaayirasii: Sodaa dhiigaa kantarsa jedhuun biyyoonni talaallii 'AstraZeneca' kennuu addaan kutan

Madda suuraa, Getty Images
Ragaan dhiyaate jiraachuu baatus sababa gabaasa dhiiga kantarsa jedhuun Taayilaand talaallii Covid-19 'AstraZeneca' jedhamu talaaluu addaan kutte.
Talaalliin kana talaaluun kan dhabbate erga Deenmaarki fi Noorweey dabalatee biyyootiin hedduu talaallicha kennuu erga addaan kutani booda.
Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa hedduun talaallii kana gama sagantaa waliingahiinsa talaallii WHO 'Covax' jedhamu argatanii talaaluu eegalaniiru.
Itoophiyaan talaallii 'AstraZeneca' doozii miliyoona 2.2 argatte boru Sanbata irraa eegaltee kennuu akka eegaltu beeksifteetti.
Pireezidaantii itti aanaan Naannoo Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaa akka jedhanitti talaalliin kun boruu Bitootessa 4/2013 irraa kaasee ogeeyyii fayyaa akkasumas namoota saaxilamummaa guddaa qabaniif dursa kennuun Oromiyaa keessatti kennamuu eegala.
Ministirri Muummee Taayilaand kan talaallii kana Jimaata fudhachuun turan amma haqameera.
Lammileen Awurooppaa miiliyoona 5 ta’an talaallii 'AstraZeneca' kana fudhataniiru.
Namoota kunneen keessa 30 kan ta’an rakkoo dhiigii isaani kantaruu qabaachuun gabaafameera.
Ejensiin Daawaa Awurooppaa Kamisa talaallichi dhiigni akka kantaru gochuu isaaf ragaan hin jiru, dabalataanis “miidhaa isaarra bu’aa isaatu caala” jedheera.
AstraZeneca'n talaalliin kun miidhaa kan hin geessisne ta’uun isaa gadi fageenyaan yaalii gaggeefameen qoratameera jedha.
Taayilaand maal jetti?
“Qabiyyeen 'AstraZeneca' gaarii ta’us, biyyootiin tokko tokko raabsuun yeroof akka addaan citu gaafataniiru,” jechuun gorsaan koree talaallii Covid-19 biyyatti Piyasakool Sakolsatayadorn, ibsa miidiyaaleef kennan irratti himaniiru.
“Nutis raabsa addaan ni kunna” jedhan.
Ta’us garuu, qondaaltoonni ministeera fayyaa hawaasaa Taayilaand gosti 'AstraZeneca' biyyattiif raabsame isa kan Awuroppaatti raabsameen addaa akkasumas rakkoon dhiigni kantaruu lammilee Eshiyaa biratti hin argamne jedhaniiru.
Marsaa jalqabaa irratti tallalliin AstraZeneca 117,300 ta’u Guraandhala 24 irratti kan Taayilaanditti raabsameera, dabalataanis talaalliin Chaatiaa Coronavac 200,000 ta’us argataniiru.
Lammileen Taayilaand 30,000 ta’an Guraandhala 28 irra eegalee talaallii Coronavac fudhataniiru. Talaallii Coronavac kennuu akka itti fuuftu Taayilaand ibsiteetti.
Biyyootiin biroo maal murteessan?
UK keessatti Ejensiin To’annoo Dawaa fi Tajaajila Fayyaa (MHRA) talaalliin kun rakkoo akkamii iyyuu uumuu isaaf ragaan hin jiru, kanaaf namootni ammallee deemanii talaallicha fudhachuu qabu jedhe.
Akka MHRA jedhutti hanga ammaatti UK keessatti talaalliin Covid-19 AstraZeneca jedhamu miiliyoona 11 ta’u kennameera.
Awustiraaliyaanis talaallii AstraZeneca 300,000 kan fudhattee yoo ta’u, talaallicha kennuu akka itti fuftu ibsiteetti.
Ministeerri Fayyaa Filiippinsis talaalli kan kennuu addaan kutuuf ‘sababni hin jiru’ jedheera.
Namootni tokko tokko yaaddoo qaban ibsanis Koriyaan Kibbaas talaalli kana kennuu kan itti fuftu fakkaata.
Anga’ooti biyyatti talaallicha fudhatanii guyyooti muraasa keessatti lubbuun isaani darbuun isaa talaallicha waliin waan wal qabatu hin qabu jedhaniiru.
Ta’us garuu Deenmaark, Norwaay fi Ayislaand yeroof talaalli kana kennuu addaan kutaniiru.
Xaaliyaan fi Oostiriyaan ammo of eeggannoof jecha gosa talaallichaa tokko tokko kennuu dhaabaniiru.
Deenmaark "gabaasaa rakkoon dhiiga kantaruu namoota talaallicha fudhatan irratti argameera jedhu hanga qoratamutti murtee of eeggannoo fudhatameedha,” jette.
Talaalliin AstraZeneca kan uumame Yunivarsitii Oksifoord keessattidha.
















