Koronaavaayirasii: Keeniyaan talaallii Covid-19 miiliyoona tokkoo ol argatte

Talaallii Koronaa Keeniyaa qaqqabe

Madda suuraa, UNICEF KENYA

Biyyootni Afrikaa sagantaa raabsa talaallii Koronaa idila addunyaa Covax jedhamu jalatti talaalliin argatan dabalaa jira.

Keeniyaan Roobii har'aa talaallii Oxford-AstraZeneca Doozii miiliyoona 1.02 galfachuun biyyoota baha Afrikaa sagantaa Covax jedhamu kanarraa fayyadamte keessaa kan duraa taateetti.

Hangi talaallii amma argame kun marsaa jalqabaan namoota talaalaman 500,000 ta'aniif gahaadha jedhameera. Ogeeyyiin fayyaa, barsiisonni, Poolisoonni fi jaarroliin kanneen dursanii talaalaman ta'u.

Dimookraatiik Rippaabliik Koongoon, guyyaa kaleessaa talaallii AstraZeneca doozii miiliyoona 1.7 yoo fudhattu ministirri fayyaa biyyattii buufata xiyyaaraa dhaqanii simatan.

DRC'n hanga Caamsaa dhufutti talaallii kana doozii miiliyoona 6.9 harka galfachuuf eeggataa jirti.

Roobii har'aa biyyi Afrikaa biroon, Angoolaa doozii 624,000 Gaambiyaan ammoo 36,000 of harkaan gahaniiru.

Covax Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa waliingahiinsa talaallii Koronaaf jecha tarsiimoo qopheesse yoo ta'u biyyoota 190'f talaallii biiliyoona lama dhiyeessuuf abdateera.

Fiigicha biyyootni sooreyyiin talaallii kana harka hedduu dursanii fudhacahuuf godhan keesatti biyyootni hiyyeeyyiin akka hin miidhamne jecha waliingahinsi talaallii madaalawaan akka jiraatus hojjeta.

Itoophiyaan qaama sagantaa kana yoo taatu talaallii marsaa duraa ji'a Ebla dhuftuutti akka alaa galfattu ibsitee akka ture ni yaadatama.