Covid-19: Gahumsi ittisuu talaalliiwwan Chaayinaa gadi-aanaa ta’uu qondaalli fayyaa biyyattii dubbatan

Madda suuraa, Getty Images
Qondaallii olaanaan to’annoo dhibee Chaayinaa Gahoo Fu akka himanitti, talaalliiwwan Covid biyyattiin oomishtu dhibicha namaarra ittisuuf "ga’umsa cimaa hin qabu" jedhan.
Gahoo Fu, Chaayinaan gahumsa talaalliiwwan kanaa ol guddisuuf talalliiwwan walitti makuu akka fala tokkootti fudhachuu akka dandeessuu kaasan.
Itoophiyaan biyyoota talaallii Covid kaampaniin Chaayinaa Siinoofaarm hojjate Sinovac jedhamu fudhatan keessaa ishee tokko.
Torban dura talaallii kana doozii 300,000 deeggarsan mootummaa Chaayinaarraa argachuu ministirri fayyaa Dr Liyaa Taaddasaa beeksisanii turan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Dilbata har'aa ammoo Somaaliyaan talaallii Covid-19 kana doozii 200,000 Chaayinaarraa argachuu ministeerri fayyaa biyyattii beeksiseera.
Kana malees Chaayinaan talaallii kana biyyoota hiyyeeyyii hedduuf qooduuf karoora akka qabdu himaa turte.
Kun kanaan osoo jiruuti qondaalli fayyaa olaanaan biyyatti talaaliiwwan biyyattiin omishtu gahumsi dhukkubicha ittisuu isaanii gadi aanaa ta'uu kan dhugaa bahan.
Chaayinaan talaalliwwan gosoota garaa garaa afur omishuun hawaasni akka itti gargaaramuuf eeyyamtee turte.
Yaalii biyyoota kaan keessatti taasifameen gahuumsi talaalliiwwan biyyattiin omishtuu hanga %50 gadi aanaa ta'uun himamaa ture.
Aab Gahoo Fu kana erga amananii booda, keessa deebi'anii yaadni kaasan kallattii hin taanetti akka jalaa hubatame dubbatan.
Chaayinaatti namoonni miliyoona 100 ol talaalli jedhame kana fudhataniiru.
Gahoon maal jedhan?
Hogganaan jiddugaleessa to'annoo fi ittisa dhukkubaa Chaayinaa Gahoo Fu Sambata duraa konfiraansii tokkorratti ‘’talaalliiwwan gahumsi ittisa isaanii baay’ee xiqqaadha’’ jedhanii turan.
Kanaaf ga’umsa ittisuu talaalliiwwan ishee ol guddisuuf Chaayinaan talaalliwwan Covid-19 walitti makuuf yaada akka qabdu dubbatan.
Doozii talaalli namni tokko fudhatuu dabaluu fi turtii talaaliin itti kennamu jijjiruun gahumsa talaalliiwwanii dabaluuf akka filannootti kaasan.
Gara boodammoo yaadicha keessa deebi’uun, miidiyaa biyyattii Giloobaal Taayimisitti "gahumsi ittisuu talaallii addunyaarra jiran hundaa yeroo tokko olka’a, yeroo kaanimmoo gadi bu’a" jedhani dubbatan.
tti dabaluunis talaalliin Chaayinaa gahumsi ittisuu qaban xiqqaadha jechuu isaanii "guutummaatti akka hin malletti hubatameeni" jedhan.
Yaada Aab Gahoon jalqabaa fi boodarra dubbatan miidiyaaleen Chaayinaa harki caalan hin gabaasne.
Yaadni jalqaba dubbatan garuu miidiyaa hawaasaa 'Weibo' irratti qeeqa jabduu irratti kaasera. Qeeqxoon gariin "afaan haa qabtu" jedhaniin.
Waa’ee talaalliiwwan Chaayinaa maal beekna?
Gahuumsa talaalliiwwan Chaayinaa ilaalchisee sadarkaa idil-addunyaatti odeeffannoo muraasatu gadhiifame ture, kan gadhiifames yeroo dheeraaf shakkisiisaa ture.
Fakkeenyaaf talaalliin Sinovac biyya Biraazilitti wayita yaalamu harka %50.4 qofa milka’aa ture.
Gahumsa talaalli %50 kan to’attoonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa eeyyaman kennuuf gaafatan xiqqumaaf guute.
Gara boodaarra yaalii talaallichaa biyyoota Tarkii fi Indooneziyaatti gaggeeffameen milkaa’inni talaallicha %65 - %91 gidduu akka ture ibsamaa ture.
Talaalliin biyyoota lixaa kanneen akka BioNTech/Pfizer, Moderna ykn AstraZeneca fa’aan garuu milkaa’inni isaanii %90 fi isaa olidha.















