Sudaan Kibbaatti talaalliin Covid hedduun osoo hin kennamin faayidaan ala ta'e

Talaallii AstraZeneca

Madda suuraa, Reuters

Sudaan Kibbaatti talaalliin Covid-19 kumaatamaan lakkaa'amu osoo uummataaf hin kennamin yeroon itti darbee faayidaadhaan ala ta'e jedhame.

Qondaaltonni fayyaa biyyattii akka gabaasanitti talaalliin Covid-19 kan AstraZeneca jedhamu dooziin 60,000 osoo lafa taa'uu yeroon itti darbeera.

Sudaan Kibbaa talaallii kana karaa Gamtaa Afriikaa argatte.

Biyyattiin ji'a darbe keessa rakkooleen loojistikii ishee mudachuurraan kan ka'e duula talaallicha kennuu eegaluu yeroo biraatti dabarsitee turte.

Yeroo ammaa talaalliin kennamaa jiru kan karaa Covax argameedha.

Sudaan Kibbaa talaallii doozii 132,000 karaa Covax argatteetti.

Qondaalli yeroo balaa Sudaan Kibbaa Dr Richaard Lakuu biyyisaanii talaallii doozii 60,000 gargaarsa Gamtaa Afriikaan argatte kennuu eegaltee turte, garuu osoo kennamee hin xumuramin yeroon itti darbe jedhan.

Talaalliin kun erga torbee lama dura kennamuu eegalee as hojjettoonni fayyaa fi jaarroleen 2,000 ta'an magaalaa Jubaa keessatti fudhataniiru.

Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Bakka Bu'aan Sudaan Kibbaa Fabian Ndenzako, akkaataa talaallii kana dhabamsiisuun danda'amurratti mootummaa biyyattiif gorsa akka kennan dubbatan.

Wal-waraansa yeroo dheeraan goolamaa kan turte Sudaan Kibbaa dhaabbileen fayyaa ishee daran waan miidhamaniif akka feetetti talaallii argatte uummataaf kennuu hin dandeenye.

Biyyattii keessatti hanga ammaatti namoonni 10,473 vaayirasichaan qabamuu fi 114 ammoo du'uutu gabaafame.