Loltoonni Itoophiyaa Sudaan Kibbaatti hafan 'lubbuu keenyaaf yaaddoofna' jedhan

Madda suuraa, Getty Images
Loltoota Itoophiyaa ergama nagaa eegumsaa Sudaan Kibbaa xumuranii Wiixata darbe gara biyyaatti deebi’uu didan ‘‘lubbuu keenyaaf yaaddofna’’ jedhan.
Loltoonni biyyatti hin deebinu jedhan lakkoofsaan 15 dha. Loltuun maqaan isaa akka dhahamu hin feeneefi ''deebi'u ni yaaddofna'' jedhe Naannoo Tigraay irraa achi deemu dubbate.
Loltuun kun erga waraanni naannoo Tigiraayitti Sadaasa darbe eegalee, loltoonni Tigiraayi moggaatti qoodamuun, irratti qiyyaafatame jechuun himata.
‘’Hidhannoo nu hiikkachisaan, halkan sa’aatii 4 booda akka hin sochoone,'' nu taasisan jechuun hima.
Loltuun biraas BBC'tti akka himeetti, TV mootummaa tokkicha malee kan biraa akka hin ilaalle dhorkamne jedhe. ‘’Bilisummaa keenya mulqamne’’ jechuun hime.
Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa dhimmicharratti ibsa fuula Facebook isaa gubbaatti baaseen, taatee kana mirkaneessuun, kanneen kana raawwatan ergamtoota 'TPLF' jechuun himateera.
''Miseensonni waraanaa afaan Tigree dubbatanii fi ergamtoonni juuntaa 15 gara biyyaa hin gallu jechuun, buufata xiyyaaraa Juubaatti lafatti gangalachuuniifi iyyuun hokkara uumuuf yaalaniiru,'' jedhaniiru daarektarri Indoktirineeshinii Raayyaa Ittisa biyyaa M/J Mohaammad Tasammaa.
Itti dabaluun Meejara Jeneraal Mohaammad Ejeensii Dhimma Baqattootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii UNHCR ‘’odeeffannoo dharaa tamsaase’’ jechuun himatan.
Ejensichi loltoota kanaaf eegumsa gochaa jirachuutu himame.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Miseensonni kunniniis garee nagaa eegsistootaa Motaraayizdii 15ffaa yoo tahan, kanneen miseensota haarayaan bakka bu'uuf deemaa turanidha jechuun ibsaniiru Mejar Jeneraal Mohaammad.
Dubbi himaan Biyyoota Gamtoomanii Isteefanee Duzyaakin kan eere AFPn, "Odeeffannoo guutuu argachuudhaaf yaalaa jirra. Haata'u malee, miseensonni 15 gara Itoophiyaatti deebiyuu akka hin barbaadne buufata xiyyaaraa Juubaa osoo jiranii beeksisaniiru," jechuun isaanii gabaafameera.
Kanarraa ka'uudhaan, miseensonni raayyaa 15 kunneen akka Sudaan Kibbaa turaniif UN hayyameeraaf.
Itoophiyaan yaalii nagaa eegisisuu UN keessatti taasistuun loltoota kuma saddet gumaachuun biyyoota dursaa jiran keessaa ishee tokkodha.
Kun ammoo miseensota guutummaa addunyaarratti nagaa eegsisuuf bobba'an UN qabu keessaa harka dhibba keessaa saddetidha.
Haleellaan humna Ittisaa Itoophiyaa Iizii kaabaarra gahuu hordofee, walitti bu'insa A L I Onkoloolessa 24, 2013 mootummaa Federaalaafi humnoota TPLF gidduutti dhalateen raayyaan biyyattii aanga'oota naannoo Tigiraay bulchaa jiru aangoorraa maqsuun isaa ni yaadatama.
Ta'us ammas darbe darbe lolli jiraachuun ni gabaafama.













