Lola Tigraay: Gargaarsi namoomaa Naannoo Itoophiyaatti barbaachisu ‘baay'ee guddaadha’ jedhe ICRC

Tigiraayitti namoota sababii waraanaatiin buqqa'an

Madda suuraa, ANADOLU AGENCY

Ibsa waa'ee suuraa, Tigiraayitti namoota sababii waraanaatiin buqqa'an

Waldaan Fannoo Diimaa Addunyaa (ICRC) gargaarsi namoota lola naannoo Tigiraayiin miidhamaniif barbaachisu 'humnaa ol kan ta'ee' fi duraan kan yaadameen ol jedhe.

Daarektarri oppereeshinii ICRC Doominiik Istiilhart wayita Itoophiyaa daawwataa jiranitti BBCtti akka himanitti, gargaarsa namoomaa barbaachisuuf deebiin kennamu atattamaan dabaluu feesisa.

Ji'a darbe mootummaan gama isaatiin namoota miiliyoona 1.8 tahan deeggarsa namoomaafi meeshaaleedhaan isaan qaqqabuu ibsuun, uummata miiliyoona 2.5 gargaaruuf qophii akka qabu himeera.

Naannoo Tigiraayitti wabii nyaataa gar- malee yaaddessaa ta'u ibsuun, "Haalli namoomaa dhugumatti baayyee fokkisaadha. Fedhii humnaa ol ta'etu jira. Gareen keenya fedhii gargaarsaa lafarra jiruu qaqqabsiisuu akka hanqatan gabaasaa jiru," jedhe Doominiik.

MM Abiy Ahimad Jimaata darbe Tigraayiin deebisanii ijaaruurratti pirezdaantota naannoleefi bulchitoota magaalotaa waliin karaa intarneetii marii'achuu fuula Feesbuukii isaaniirratti ibsaniiru.

"Wayita Naannoon Tigraay deebitee ijaaramaa jirtu kanatti tokkummaa biyyaalessaatiin deeggersa walitti qabuuf waliigalleerra," jedhaniiru.

Hojii gocha tokkummaa kanaaf mindaa isaanii ji'a tokkoofi gurgurtaa kitaaba Ida'amuurraa ammoo birrii 200, 000 kan guumaachan MM Abiy, "Namni hundi sochii tokkummaa Tigraayiin deebisanii ijaaruu kanarratti akka hirmaatu waamichakoon dhiyeessa," jedhaniiru.

Sababii lolli gaggeeffamaa jiruuf ummanni Tigiraay waqtii midhaan itti sassaabbachuun irra ture dhabuusaanii kan himu Daarektarri oppereeshinii ICRC Doominiik, kunuunsa fayyaa argachuunis rakkoo hamaadha jedha.

Bakkeewwan gara garaatti ammallee lolli itti fufee waan jiruuf rakkisadha kan jedhu qondaalli ICRC kun, fedhii gargaarsaa jiru guutuudhaaf rakkoon humnaa jiraachuu ibseera.

"Walumaagalatti fedhii gargaarsaa jiru qaqqabuudhaaf humna keenya cimsachuutu nurra jiraata. Kana ammoo qofaa keenyaan osoo hin taane hawaasni addunyaallee, dhaabbileen gargaarsa namoomaarra hojjetan waliinidha.

Kanarrattis mareen gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, torban darbe keessa hojjettonni dabalataa, keessumaa dhaabbileen UN keessaa dhufaa jiru," jechuun dubbate.

Naannolee Tigraay hedduu keessatti deeggarsi namoomaa akka qaqqabu hojii mootummaan hojii hojjechaa jiru ejensiiwwan Mootummoota Gamtoomaniin akka daawwatamu godhameera jechuun ibseera.

Mootummoonni Gamtoomanii-UN ammoo lola naannoo Tigraay keessa gaggeeffame hordofee naannicha keessatti namootni miiliyoona 4.5 ta'an deeggarsa nyaataafi kanneen biroo atattamaa barbaadu jedheera.

Mootummaa Federaalaafi TPLF gidduu wal-gaareffannaafi waliigaluu dhabuun yeroo dheeraaf ture cimuun humnoonni TPLF raayyaa ittisa biyyaa Iizii Kaabaarratti haleellaa raawwatan hordofee lolli gaggeeffamuun ni yaadatama.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa