Sudaan Kibbaa sa'aatiishee sa'aa tokkoon duubatti deebisuuf murteessuun miira akkamii uume?

sa'aatii

Madda suuraa, Getty Images

Sudaan Kibbaa zoonii sa'aatii biyyattiin itti gargaaramtu jijjiiruuf murteessuun erga dhagahamee booda, jiraattonni magaalaa guddoo Jubaa miira walmakaa ibsaa jiru.

Torban dabre keessa kaabineen Sudaan Kibbaa, biyyattiin Guraandhala 1, 2021 irraa eegalee, sirna sa'aatii amma itti fayyadamtu sa'aa tokkoon gara duubaa deebisuun, zoonii haaraatti fayyadamuuf murtee dabarseera.

Zooniin sa'aa biyyattii kan amma jiru GMT +3 irraa GMT +2tti geeddarama jechuudha.

Biyyattiin Sudaan irraa fottoquun biyya of dandeesse ta'uusheen dura, zoonii kanaan fayyadamaa akka turte ni himama.

Fakkeenyaan yoo fudhanne: Itoophiyaan GMT +3 irra jirti. Itoophiyaatti ganama keessaa sa'aatii lama taheera taanaan, Sudaan Kibbaattis sa'aa walfakkaataa - sa'aatii lama taha ture. Jijjiirraa haarayaa kanaan garuu, Finfinneetti ganama keessaa sa'aa lama yogguu tahu, Jubaatti ammoo sa'aa tokko taha jechuudha.

Namni Wodkan Saviour Lazaru jedhaman, yaadni sa'aatii jijjiiruu kanaa yaada gaarii miti jedhan:

''Biyyi keenya Hawaasa Afrikaa Bahaatti (EAC) makamteetti. Nutis sa'aatii Afrikaa Bahaa kan tahe GMT +3tti dhimma bahuu itti barreerra,'' jedhan.

Jijjiirraan haarayaan kun namoota hedduu burjaajeessa kan jedhan namni kun ''sa'aatii hojiirratti dhiibbaa godha - yoom akka hojii eegaltufi deebitu jijjiira,'' jedhu.

''Waanin mootummaan jedhu, murtee dabarsan irra deebiin akka ilaalaniifi sa'aaticha otoo hin jijjiirin achuma GMT +3 irratti akka dhiisan jedha.''

Barataa gaazexeessumma Yunivarsiitii Jubaa kan tahe Saamu'el Maariyaal garuu, murtoo kanatti gammadeera.

''Beeksisa jijjiirraa zoonii sa'aatii haarayaa kana gammachuun simadha, sababiin isaas sa'aatii keenya isa duriiti.''

Sa'aatiin haarayaan kun bu'aa gaarii argamsiisa kan jedhu barataan kun, ''Akka barataatti mooraa yunivarsiititti yeroon qaqqabee barnoota akkan hordofu na dandeessisa. Sa'aatiin haarayaan kun barattootaaf shaggaadha.''

Biyyoonni addunyaa garagaraa sababoota adda addaatif jecha zoonii sa'aatii isaanii jijjiran ni jiru.

Kanneen keessaa kan dhiyeenyatti qalbii namoota hedduu qabatee kan biyyattii Kooriyaa Kaabaa ture.

Hagayya 2015 keessa biyyattiin sa'aatiishee daqiiqaa 30 gara duubaatti deebistee turte. Maalif jennaan, ''daqiiqaawwan soddomman kun kan jalqaba geeddaraman sababa impeeriyaalistoota Jaappaanif jechadha,'' jechuun hadheeffatanii dubbatan.

Sa'aatii haarayaa kanas maqaa 'Pyongyang Time' jedhamu itti kennanii turan.

2018tti garuu irra deebiyuun gara sa'aatii duraanii kan Kooriyaa Kibbaa wajjin walsimutti deebitee jirti.