Biyyoonni G7 biyyoota hiyyeeyyiif talaallii doozii biliyoona tokko waadaa galan

Boris Johnson

Madda suuraa, Reuters

Gaggeesitootni biyyoota indaastiriin badhaadhani, G7, biyyoota hiyeeyyiif talaallii koroonaavaayirasii biliyoona tokko arjoomuuf waadaa galan. Kunis ''tarkaanfii guddaa adunyaa talaaluu fudhatame'' jedhan MM Booris Joonsan.

Wal gahii UK, Koorniwool keessatti taa'ame xumuraa irratti MM Booris biyyootni ''adeemsa biyyaalessummaa'' fudhataa hin jiran jedhan.

Adunyaa talaalsisuun bu'aa dimokiraasii biyyoota badhaadhanii, G7, agarsiisa jedhan.

Akkasumas jijjiirama qilleensaafis gahee isaanii gumaachuuf waliigalaniiru.

Wal gahii yeroo jalqabaaf waggoota lama keessatti taa'an irratti Booris Joonsan, '' adunyaan adeemsa ofitummaa, fi biyyaalessuummaa kan jalqaba ittisa weeraricha adunyaarratti danqe dhiisnee waan dandeenyu hundaan gama dinagdeen fi humna qorannoo gaggeessuun tumsinee waan gaariif akka koroonaa mo'annuuf nu eegaa jirti'' jedhan.

Joonsan biyyootni badhaadhan, G7, kallattiinis tahe al-kallaattiin deeggarsa talaallii UK kennitu doozii miliyoona 100 dabalatee karaa Dhaabata Fayyaa Adunyaa, 'Covax,' gumaacha keenya bahanna jedhan..

Akkaataa waliigaltee yaa'ii isaaniitti, ''weeraricha dhaabuun, akka idil-adunyaatti humna qabnu dabaluun hatatamaan namni hunduu akka talaallii argatu gochuuf hojjechuu qabna''jedhan.

Gaggeesitootni kunneen dabalataan jijjiirama qilleensaa dhaabuuf kan waliigalan yoo tahu, bara 2050 hamma qilleensa gubataa gadhiifamuu zeerotti galchuuf aannisaa dhagaa cilee irraa argamu hanbisuuf deeggarsa gochuuf waliigalan.

Mr Joonsan, yaada deeggarsi talaallii kenname fedha biyyoota hiyyeeyyii waan hin guunneef kufaatii haamilee biyyoota G7 agarsiisa kan jedhu hin fudhanne.

Talaallii AstraZenekaa Oksifoordi qopheesse keessatti UK'n hirmaachaa turuu ishees himan.

''Talaallii gara doozii biliyoona 1.5 tahu adunyaaf rabsame keessaa gara walakkaa biliyoonaa kan tahu tarkaanfii mootummaan UK saayintistoota Oksifordii fi AsraZenekaa waliin tahuun adunyaaf rabsame. Uummanni keenya kanaan boonuu qaba,'' jedhan.

Itti dabaluun '' talaallii hamma dandeenye oomishuun hamma danda'ame ariitiidhaan rabsuu qabna,'' jedhan.

Xumura bara dhufuu irratti adunyaa talaallee xumuruu ni dandeenya, ''galata biyyoota as dhufan irratti hojjechaa jiranii,'' jedhan.

Ibsa ejjennoo biyyoota G7:

  • Sirna rakkoo fayyaa fuulduraa dursanii hubachiisuu fooyyessuu
  • Aannisaa dhagaa cilee irraa argamu hanbisuu fi fi biyyoota hiyyeeyyii faalama akka xiqqeessaniif doolaara biliyoona 100 gargaaruu
  • Warraaqsa magariisaa hojii uumu, faalama xiqqeessuu fi tempireechera adunyaa digirii 1.5 akka ol hin dabarre godhu irratti hojjechuu
  • Dinagdee isaanii irra deebiin dammaqsuu, ''biqiloota hojii uumaniin, bu'uuraalee misoomaa investi gochuu, kalaqa jajjabeessuu, uummata gargaaruu fi wal qixxeessuun umurii, gosaa fi saala osoo hin jedhiin deeggaruu.''
  • Dhiibbaa Chaayinaa wal tajjii daldala adunyaa irratti qabdu irratti ''deebii kennuu,
  • Chaayinaan akka mirga namoomaa kabajju waamicha gochuu, uummata Wiiger jedhaman irratti duguggaa sanyii raawwachuun himatamti.
  • Bara 2026 dabalataan dubartootni miliyona 40 akka barnoota galan waliigaluu