Covid-19: Utaalloon humna Covid ofirraa ittisuu akka horannu gargaaruu akka danda'u qorannoon ibse

Madda suuraa, Getty Images
Utaalloo yookiin qufaan erga nu qabee booda humni dhukkuba ofirraa ittisuuf horannu qaamni keenya Covid-19 akka dandamatuuf gargaara jedhe qorannoon.
Qorannoon namoota 52 kan Covid-19 qabaman waliin jiraatan hirmaachise barruu Nature Communications (Afaan Ingiliziitti geessa), irratti baheera.
Kanneen qorannicha keessa qooda fudhatan qufaan erga isaan qabe booda humni dhukkuba ofirraa ittisuu isaanii dammaqeera.
Dabalataan, carraan Covid-19'dhaan qabamuu isaanii xiqqaateera.
Haa ta'u malee, ogeeyyiin kana qoratan akeekkachiisa kennaniiru. Namoonni madinummaa qofa akka hin abdanneefi talaallii Covid-19 fudhachuu akka hin dhiifne gorsan.
Qorannoon kuni sirni madinummaa keenyaa vaayirasicha akkam akka lolu hubachuuf akka gargaaru ibsameera.
Covid-19 gosa koronaavaayirasii tokkoon kan kan mudatu yoo ta'u gosoonni qufaa tokko tokko immoo koronaavaayirasii biroon uumamu.
Sababa kanaaf, saayintistoonni madiinummaan tokko isa kaaniif gargaaruu isaa baruu fedhaniiru.
Gareen Kollejjii Impeeriyaalii Landan jiru erga namoonni koronaavaayirasiif saaxilamanii booda kaan qabamanii kaan immoo akkamiin akka qabamuu dhaban baruuf qoratan.
Gosoonni qufaa hunduu koronaavaayirasiitiin kan uumaman waan hin taanef namni dhihoo qufaan qabame koronaavaayirasiin qabamuu hin danda'u jedhanii yaadun ''dogongora guddaadha,'' jedhan.
Sababa kanaaf of eeggannoon akka barbaachisu dhaaman.
Qorannoon kuni maali?
Qorannoon isaanii sirna madinummaa qaama keenya keessaa seelii - T jedhamurratti gaggeeffame.
Seeliiwwan T muraasni seeliwwan dhukkubaan faalaman ajjeesu. Fakkeenyaaf, vaayirasii qufaa qabsiisu.
Erga qufaan bade booda seelonni - T qaama keessa turuun vaayirasiin biraa gaafa dhufe ofirraa qolachuuf of qopheessu.
Fulbaana 2020, qorattoonni namoota 52 hin talaalamne garuu namoota koronaavaayirasii isaan qabe waliin jiraatan qoratanii turan.
Guyyoota 28 qoratame keessatti walakkaan koronaavaayirasiin yoo qabaman, walakkaan immoo hin qabamne.
Kanneen Covid-19 hin qabamne keessaa 1/3ffaan dhiiga isaanii keessatti seeliin - T qaban olaanaa ta'u ibsame.
Kanaafis sababni namoonni yeroo qufaan qabamanitti madiinummaa isaanii akka cimsatan amanama.
Dabalataan, qilleensi mana keessa jiruufi tuttuqqaan namoota Covid-19 dhukkubsatan waliin qaban carraa qabamuu isaanii akka xiqqeessu himaniiru.















