'Qufaan cimaa tibbanaa' Itoophiyaatti hammaate maali, akkamiin ofirraa ittisu?

Madda suuraa, AFP
Tibbana isin ykn namoonni dhiyeenyatti beektan hedduun ''qufaa hamaan'' qabamuudhaan waan ho'aa wayita dhugan argitaniittu ta'uu mala.
Namoonni kaanis waanta weerara kanarrraa nu ittisa jedhanii amanan hunda raawwataa jiru.
Dhukkubni qufaa fakkaatu kun baayyee keenya qabee, kaan keenya baayyee nu dhukkubse, namoota kaanimmoo sirumaa dhukkubsee sireerratti hambise.
Gama biraatiin, Itoophiyaatti hangi namoota koronaavaayirasiin qabamanii haala kanaan dura hin beekamneen dabalaa jira.
Haalli kun Itoophiyaa qofa keessatti otoo hin taane biyyoota addunyaa kaan keessattillee mul'ataa jira.
Biyyoota gara garaatti lakkoofsi namoota vaayirasiin qabamaniif sababni ijoon gosa koronaavaayirasii haaraa Omikiroon jedhamuudha.
Ragaaleen akka agarsiisanitti, addunyarratti omikiroon erga mudatee as lakkoofsi namoota qabamanii guuyyoota lama keessatti dachaan guddata.
Ameerikaatti qofa lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii %13 irraa gara %73tti guddateera.
Itoophiyaatti gosti koronaavaayirasii omikiroon jiraachuun isaa Ministeera Egumsa Fayyaatiin ifa ta'uu baatus, lakkoofsi namoota vaayirasiin qabamanii garuu saffisaan dabalaa jira.
Guyyoota muraasan dura BBC waliin turtii kan taasisan Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dr Darajjee Dhugumaa, ''gosa omikiroon mallattooleen fakkaatan'' mul'ataa akka jiran himan.
Ta'us, qorannoodhaan mirkaneessuun waan barbaachisuuf qoratamaa akka jiru dubbatan.
Qufaan tibbanaa kun maali?
Hospitaala Phaawulosii, Miliniyeem fi Meedikoo Meedikaal koleejjittii gargaaraa pirofeesaraa fi hakimni daa'immanii Dr Faasil Mambera, sababni namoonni hedduun Itoophiyaatti dhibee qufaan fakkaatuun qabamaniif ofeggaannoo dhabuudha jedhan.
''Namoonni hedduun maaskii hin keewwatan. Sababa gara garaatiin namoonni walitti qabamanii waltuqu. Koronaavaayirasii jiraachuusaa dagachuu fa'aatu mul'ata,'' jedhan.
Kana malees manneen barnootaa banamuun sochiin barattootaa jiraachuu akka sababa birootti eeran.
Namoonni ofeeggannoo malee walitti qabamuufi waltuquu fi sochiin namootaa dabaluun dhibichi namarraa gara nama biraatti saffisaan akka tamsa'u taasiseera jedhan.

Madda suuraa, AFP
Dhibeen kun koronaavaayirasii ta'uu isaa carraan jiru guddaadha kan jedha hakiimni kun, amala addaa qabaachuu isaa adda baasuun qorannoo barbaada jedhu.
Dhibeen addaa namonni ''qufaa'' jedhanii waaman kun qufaasisu, ho'iinsa qaamaa, bowwoo mataafi dhukkubbii mudhii, garaa ciniinuu, miira suufuufi dhandhamuu dhabsiisu fa'aan mallattoolee dhukkubsattoonni irra deddeebi'anii himaa jiranidha.
''Covid fi vaayirasoonni biroos mallattoolee kana fakkaatan agarsiisu. Haata'u malee, yeroo kanarra waanti adda taasisu namoota hedduu qabufi mallattolee cimaa agarsiisuu isaaati.
''Tarii mallattooleen kun namoonni hundi yaalamuuf hospitaala akka dhaqan dirqisiisuu dhiisu mala. Namoonni hedduun mana isaanittii bayyanachaa jiraachu odeeffannoo qabna,'' jedhan Dr Faasil.
Eenyu irratti jabaata?
Daa'imman umriin isaanii baatii sadii gadi ta'aniifi namoonni gurguddoo dhukkuboota biraa kanneen akka sukkaara, dhiibbaa dhiigaa qaban dhibeen tibbanaa isaan hubuu akka danda'u Dr Faasil himu.
Keessumaa daa'imman baatii sadii gadi ta'an ujummoon qilleensaa isaanii dhiphaa ta'u isaa eeruun rakkoo hargansuuf waan saaxiluu danda'uf akka of eeggannoon taasifamuu qabu himu.
Hakiimni ispeeshaalistiin daa'immanii Dr Faasil dabalaniis namoonni dhukkuba ofirraa ittisuu laafaa qabanirratis hammaatuu akka malu himan.
Sababa kanaan harganuu dadhabuu, bowwuu mataa guddaa ta'eefi dadhabbiin yoo jiraate dhukkubichi sadarkaa hammaataarra gahuu isaa akka akeekuu himan.
Akkamiin wal'aanuun danda'ama?
Akka ogeessa kanaatti maddi dhukkuboota kanaa vaayirasiidha.
Kanaafis, kana dura koronaavaayirasii ofirraa ittisuuf tarkaanfiiwwan gorfaman jechuunis maaskii keewwachuu, qulqullina harka ofii eeguu, walitti dhufurraa hanqachuun carraa saaxilamuu akka xiqqeessu himu.
Gama kaaniin talaallii koronaavaayirasii ofirraa ittisuuf fayyadamu fudhachuun carraa dhukkuba kanaaf saaxilamuu akka dhiphisu himu.
Dhukkuba kanaa ofirraa ittisuuf jecha ogeessaan yoo ajajame malee farra baakiteeriyaa yookiin anti - baayotikii fudhachuun sirrii miti jechuun gorsu.
''Fakkeenyaaf amokisaasiliinii, azitiroomaaysiin, Ogmantiin fayyadamuu hin qabnu. Kunneen baakteeriyaa malee vaayirasii kan balleessan miti,'' jedhan.
Kanaan ala daa'imman dhukkubichaan qabaman mana keessa wal'aanuuf ''bishaan labiin'' si'a lamaafi sadii funyaan keessa cobsuu akkasumas qulqullina funyaanii eeguun akka barbaachisu gorsu.
Gorsa nyaataafi dhugaatii
Guddattoonni immoo boqonnaa gahaa akka argatan akkasumas qullubbii adii, damma, akkasumas nyaata zinjibila qaban nyaachuun humna dhukkuba ofirraa ittisuu cimsuuf akka gargaaru dubbatan.
Ga'eessonni dhangala'aa qaama keessa bahu bakka buusuuf waan ho'aa dhuguu, akkasumas nyaata madaalawaa nyaachuu akka qaban gorfama.
Ogeessi sirna nyaataa Sheef Addis Alam Bizu'ayyahu, dhihoo ofii isaaniis dhukkuba qufaa fakkaatuuf saaxilamanii akka turan BBC'tti himaniiru.
Qaamni keenya humna dhukkuba ofirraa ittisuu isaa cimsuuf kuduraafi muduraa nyaachuun akka barbaachisaa ta'e gorsu.
Dhihoo kanneen qufaa fakkaatuun kan qabamanimmoo shorbaa ashaakiltootaa, talbaa, saliixii, loozii, nuugiifi nyaatawwan dibataa wanta ho'aa waliin soorachuun dafanii bayyanachuuf akka gargaaru gorsu.














