Covid-19: 'Omiikiroon Itoophiyaa seenuu mirkaneessuuf qorannoon godhamaa jira' - Ministeera Fayyaa

Madda suuraa, Getty Images
Tibba kana Itoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota koronaan qabamanii akka malee dabaluu hordofee, akaakuun koronaa haarofti Omiikiroon jedhamu biyya seenuufi dhabuu mirkaneessuuf qorannoon godhamaa akka jiru Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
Itoophiyaatti torbee darbe namoota qorannoon godhameef kuma 53 keessaa namootni 8500 vaayirasichaan yoo qabaman, namoonni 34 du'aniiru.
Namoonni 440 ta'an ammoo haalaan dhukkubsatanii kutaa yaala addaa galanii jiru.
Lakkoofsi kun kan amma dura galmaa'aa turerra daran akka dabalee fi akaakuu koronaa haarawa Omiikiroon ta'uu adda baasuuf saamudni fudhatamee qorannoon godhamaa jiraachuu Deetaan Ministira Fayyaa Dr Darajjee Dhugumaa himaniiru.
Bu'aan qorannoo kanaas torbanoota lama jidduutti ni beekama jedhan.
Torban tokko dura namoota qorataman keessaa kan vaayirasichi irratti argamu dhibbeentaa 3 qofa akka ture kan himan Dr Darajjeen, torbee kana gara dhibbeentaa 28 guddachuu himan.
A.L.I Muddee 7 booda lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii akka malee dabalaa jiraachuu himan.
"Mallattoon akakuu Omiikiroon biyyoota biraatti mul'ate Itoophiyaa keessattis mul'ateera. Haala nama yaaddessuun lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabaleera. Amma saamuda qorachaa jirra, haga qorannoon mirkanaa'utti garuu Omiikiroon seeneera jedhanii ifatti dubbachuun rakkisaadha" jedhan.Itoophiyaatti hanga har'aa namoonni miliyoona 4 ta'an kan qorataman yoo ta'u, 382,000 kan ta'an irratti vaayirasichi argameera.
Namootni 6880 ta'an ammoo sababoota vaayirasi kanaan wal qabatuun lubbuu dhabaniiru.
Talaalliin vaayirasichaa kennamuu erga eegaleen duuba Itoophiyaan namoota miliyona 10 ta'an talaaluu himti.

Madda suuraa, Anadolu Agency
Tatamsa'ina vaayirasichaa ittisuuf namootni talaallii akka fudhatan jajjabeessuun cinaatti kanneen talaalaman talaallii humna ittisuu jabeessu (booster) akka fudhatan ni taasifama jedhan Dr Darajjeen.Omiikiroon biyyoota addunyaa 100 ol keessatti ariitiin tatamsa'aa jira.
Biyyoonni hedduun daangaa cufachuu fi sochii ugguruu dabalatee tarkaanfiiwwan gara garaa fudhachuutti deebi'aniiru.
"Irra deebiin vaayirasichaan qabamuun jira. Kanaaf hawaasni weerarichi 'sobadha' ykn 'siyaasadha' jechuu dhiisee talaallii fudhachuu qaba. Waa'ee talaallii oduu sobaa tamsaasuus dhiisuu qaba," jedhan Dr Darajjeen.
Sadarkaa hospitaalota keessaa sireen dhabamuurra gahamuu waan maluuf of eeggannoon barbaachisaa ta'uu himan.
Mootummaan tatamsa'ina vaayirasichaa ittisuuf tarkaanfiiwwan dabalataa fudhachaa jiraachuu himu Dr Darajjeen.
Ogeeyyiin fayyaa dirqamaan talaallii akka fudhatan akkasumas namootni hin talaalamne yoo vaayirasichaan qabaman tajaajila yaala bilisaa mootummaan kennu akka hin arganne gochuun tarkaanfiiwwan fudhataman keessaati.
Ammatti namoota qorataman sadi keessaa tokko irratti vaayirasichi argamaa waan jiruuf talaallii fudhachuutti dabalataan maaskii godhachuufi of eeggannoowwaan kaan godhamuu akka qaban himan.
Qaamoleen seera raawwachiisan qajeelfamawwan vaayirasicha to'achuuf ministeerri fayyaa baasu hojiirra oolchuun tumsuu qabus jedhan.
Kanaan walqabatee sosochiin Waajjira MM irraa eegalee hanga gandaa gahu akka godhamus himan.
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) wayita akaakuun koronaavaayirasii haaraan Omicron akkaan addunyaa mara irratti tatamsa'aa jiru kanatti namoonni imala ayyaana waggaaf karoorsan akka haqan akeekkachiiseera.
Itoophiyaan ammoo dayaaspooraan hanga miliyoona tokkoo ayyaana Gannoof gara biyyaa akka dhufan duula gochaa jirti.
Namoonni kunneen wayita dhufan bu'aa qorannoo fi waraqaa ragaa talaallii gaafachuutti dabalataan biyya keessatti talaalliin akka kennamu ni godhama jedhan Dr Darajjeen.















