Itoophiyaatti dhukkubbiin qufaa fakkaatuu tibbana mudate Covid-19 tahuu mala jedhame

Qorannoo

Madda suuraa, Getty Images

Itoophiyaatti marsaa weerara covid-19 haaraatiin wal qabatee dhukkubbiin qufaa fakkaatu tibbana mudate mallattoolee koronaavaayirasii fakkaatu waan qabuuf namoonni dhukkubsatan akka qoratamaniif Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa biyyattii gaafate.

Kanaanis wal qabate torbanoota darban keessa Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii dabaluunsaa biyyatiitti weerarri dhukkubichaa haaraan mudachuu kan agarsiisuudha jedheera dhaabbatichi.

Institiyutichi ibsa weerara tibbana 'qufaa fakkaachuun' mudate ilaalchisuun Jimaata Mudde 31, 2021 baaseen akka jedheetti, biyyatiitti torbanoota lamaan darban keessatti lakkoofsi namoota dhibichaan qabamanii garmalee dabaleera.

Dhaabbatichis kanuma ilaalchisuun daawwannaa dirree fi qorannoo saamudaa magaalaa finfinneetti dhaabbilee garaagaraa keessatti taasiseen, dhibbantaa 59- 86 tahan irratti Covid-19 aragamu himeera.

Kana malees namoota 55,562 torban tokko keessatti qorannoo Covid-19 taasisan keessaa 25,191 irratti vaayirasichi argamuu ibseera.

Akkasumas guutuu biyyaatti namoota guyyoota darban torban keessatti mallattoon Covid irratti mul'achuun qorannoo taasisan 83,237 keessaa 29,279 vaayirasichaan qabamuun barameera jedhe.

Haaluma kanaanis baay'inni namoota vaayirasichaan qabamanii kanaan dura dhibbantaa shan [ %5] ture A.L.I Muddee 21, 2014 gara dhibbantaa 36tti ol guddachu himeera.

Mallattooleen dhukkubbiin 'qufaa fakkaachuun' tibbana mul'ataa jirus kan Covid-19n walfakkaataa waan ta'eef osoo hin turre of eeggannoo barbaachisu taasisuuf qoratamun akka barbaachisu Insititiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa gorseera.

Wayita ammmaa kanattis weerarri Covid-19 haala yaaddeessaa ta'een addunyaarratti babal'ataa kan jiru yoo ta'u, mallattoon sun Itoophiyaa keessatti waan hubatameef namoonni miirri dhukkubbii itti dhagahame akka qoratamaniif gaafateera.

Akkasumas hawaasni malawwan koronaavaayirasii ittiin ittifamu haalaan hojiirra oolchuun ofiisaaniifi kaan weeraricha irraa akka eeganiif gaafateera.

Erga Covid-19 seenuunsaa baramee kaasee hanga ammaatti namoonni lakkoofsaan torba tahan sababiidhuuma kanaatiin lubbusaanii dhabaniiru.

Erga talaalliin dhukkubichaa biyyatiitti kennamuu eegalee asis namoonni miliyoona 10 ta'an kan talaalaman yoo ta'u, kunis baay'ina ummataatiin wal biratti yoo ilaalamu gadi aanaa ta'utuu himama.

Babal'achuu dhukkuba kanaa to'achuufis malawwan baraman yeroo hunda sirriitti hojiirra oolchuun barbaachisaa ta'uu ta'uufi talaallii fudhachuu akka qaban oggeessoonni ummata ni gorsu.

Dhibeen koroonaavaayirasii adunyaa irratti lubbuu namoota miliyoona shanii olii galaafateera.