Covid: US fi Firaansi erga weerarri Covid eegalee as lakkoofsa namoota qabamanii isa olaanaa galmeessisan

Madda suuraa, Getty Images
Wayita akaakkuun koronaavaayirasii Omiikiroon jedhamu akkaan tatamsa'aa jiru kanatti US fi Firaansi erga weerarri vaayirasichaa eegalee lakkoofsa namoota qabamanii isa olaanaa ta'e gabaasan.
Akka ragaa Giddugala Ittisaa fi To'annoo Dhibee US'tti guyyaa Wiixataa darbe lakkoofsi namoota qabamanii 440,000 caalaan galmaa'eera.
Haata'u malee sababa ayyaana Kiriismaasiin walqabatee lakkoofsi namoota qabamanii guyyuu gabaafamaa waan hin turreef lakkoofsi kun tarii hammaa ol tilmaamamee ta'uu danda'a jedhan qondaaltonni US.
Firaansi gamasheetiin lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii ardii Awurooppaa keessatti isa olaanaa ta'e gabaasteetti.
Kaleessa guyyaatti namoonni 179,807 qabamuu kan gabaaste biyyattiin, yeroo itti aanan keessatti guyyaatti namoonni 250,000 qabamuu akka danda'an Ministirri Fayyaa biyyattii Olivier Véran ibsaniiru.
US keessatti garuu lakkoofsi kun ni dabala sodaan jedhu akka hin jirre dubbi himaan Giddugala ittisaa fi To'annoo Dhibeewwan daddarboo biyyattii ibsaniiru.
Itaalii, Giriis, Poorchugaal fi Ingilaandis guyyaa kaleessaa lakkoofsa isa olaanaa gabaasaniiru.
Haalli kun erga Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) balaan akaakuu Omiikiroon akkaan hammaataadha jechuun addunyaa akeekkachiisee booda mudataa jira.
Ragaan dhimma lakkoofsa namoota kornaavaayirasiin qabamanii irratti ba'e akka mul'isutti lakkoofsi namoota qabamanii Awurooppaa keessatti harka 57n, Ameerikaa keessatti ammoo harka 30n dabaleera.













