Dubartiin xiyyaara keessatti Covid'n qabamuu barte sa'aa 5'f mana fincaanii keessatti adda of-baaste

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaatti barsiistuun tokko erga walakkaa balaliinsaatti qorannoo covid ofii sheetiif taasifteen vaayirasichaan qabamuu hubatteen booda kutaa mana fincaanii keessatti adda of baasuun sa'aatii shaniif dabarsite.
Dubartiin Maarisaa Foti'oo jedhamtu tunis Muddee 20 osoo Chikaagoo irraa gara Reykjavik kan Ayisilaandiitti argamuutti imalaa jirtuu dhukkubbiin qoonqoo akka itti dhagame himte.
Kanaafuu meeshaa qabattee turteen qorannoo Covid saffiisaa taasisfachuun vaayirasichaan qabamuu erga hubattee booda ofumaan adda baafte.
Isaan boodas imalashee hafeef achuma mana fincaanii xiyyaaraa keessa turuun adda of baafte. Hojjattoonni balaliinsaas nyaataafi dhugaatii kutaadhuma sana keessatti dhiyeessaniif.
Wayita balaliinsaaf gara xiyyaaraa dhuftu bu'aa qorannoo qabattee akka turteefi akka hin qabne ammatti hin baramne.
''Anaaf muxannoo baayyee cimaa ture,'' jette Aadde Fote'oon Michigaan irra wayita madda odoo NBCtti himteetti. ''Balaliinsicha irra namoota 150tu ture, sodaan kiyya guddaan akkan isaaniitti hindabarsineef ture.''
Waraabbiin viidiyoo kutaa mana fincaanii xiyyaarichaa keessaa Tiktok ishee irratti maxxansites yeroo miiliyoona afuriin ol ilaalameera.
Dubartiin tunis hojjattoota balaliinsaa ishee gargaaran galateeffate jirti.
''Sa'aatiiwwan shanan balaliinsaa keessatti nyaataa fi dhugaatii kaasee waanan argachu qabu hunda naaf kennite jirti. Nagaa ta'u kiyyas na hubataa turte,'' jechuun hojjatuu xiyyaaricha leellifte.
Erga Ayiislaand qaqabdeen boodas hoteela Fannoo Diimaa keessatti adda of baasuun turu dubbatti.
Yaaddooni ishee guddaan vaayirasii Covid-19 haaraa Omikroon jedhamuufi kan biyyattii keessatti garmalee babalataa jiru namoota ishee waliin balalii'aniitti akka hin dabarsiineef ture.
Qorannoon akka mul'iseetti gosti vaayirasi kanaa dhukkuubbii baayyee hin qabu garuu garmalee dadarba.
Akka odeeffannoo Jidduugala Qorannoo fi To'annoo Dhukkuboota UStti, Ameerikaatti guyyoota darban torba keessa guyyaa guyyaan namoota haaraa kuma 277tu vaayirasichaan qabame. Kunis erga weerarich ka'een asi isa guddaadha jedhameera.
Haata'u malee lakkoofsi namoota hospitaala galanii fi kan du'anii jijjirama hin qabu.
Lakkoofsi namoota adda of baasaa jiranii dabaluun ammoo imala daandii qilleensaa dabalatee indastiriiwwan hedduurratti dhiibbaa qaqabsiisaa jira jedhame.
Akka odeeffannoo FlightAware irra argameettis guyyoota jahan darban keessatti biyyattii guutuutti yeroo 1,100 balaliinsii geedarameera.






![Qubeelaa gaa'ilaa quba irra jiru[ faayila] keessaa](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/660/cpsprodpb/A944/production/_108823334_hi035180976.jpg.webp)









