Tapha Foorest dursee ulfaatinni taphattoota hundaa ni madaalama -Gaardiyoolaa

Peep Gaardiyoolaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Peep Gaardiyoolaan Ayyaana Qillee maatii waliin dabarsuuf gara Baarseloonaa deemaa jira

Peep Gaardiyoolaan tapha Nootiingihaam Foorest irratti hirmaachuuf taphattoonni hundi ulfaatinni isaanii ni madaalama jedhe.

Taphni kun Mudde 27 kan gaggeeffamu yoo tahu, taphattoonnikoo gahumsi isaanii ilaalamuuf ulfaatinni isaanii jalqaba madaalama jedhe.

Maanchister Siitiin 3-0 West Haamiin mo'atus Gaardiyoolaan gahumsa taphattoonni isaa agarsiisanitti gammadaa hin turre.

Tapha West Haam durayyuu ulfaatinni isaanii madaalamuun kanneen ulaagaa ulfaatinaa keenye guutetu taphate jedhe.

Ammas torbee dhufu yeroo shaakalaaf dhufan ulfaatini isaanii jalqaba madaalama jedhe.

''Guyyaa sadii boqatanii yeroo dhufan ulfaatinni isaanii maal akka fakkaatu ilaaluun barbaada. Nyaachuu danda'u garuu ulfaatina isaanii to'achuun barbaada'' jedhe.

''Mee yaadaa, taphataan tokko amma ulfaatina sirrii irra tahee guyyaa sadii booda kiiloo sadii dabalee dhufuu danda'a'' jedhe.

''Taphataan akkasitti kiiloon isaa dabale Maanchister keessatti dhiisnee taphaat Nootiingihaam Foorest deemna'' jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gahumsa qaamaa taphattootaa irratti Peep Gaardiyoolaan ejjennoo jabaa qaba. Bara 2016 hanga ulaagaa ulfaatinaa guutanitti taphattoota muraasa garee keessaa baasee ture.

Taphataan duraanii Arsenaalii fi Maanchister Siitii Gaa'el Kiliichii Gaardiyoolaan taphattoota siaani nyaata akka Piizaa, juusii adda addaa fi nyaatota ulfaatoo akka hin nyaanne ajaja jedhe.

Kana dura Kalvin Filiipsi taphataa jedhamu ulfaatinni isaa akka malee dabaleera jechuun garee keessaa baasuu himeera. Booda taphatichi mufannaan Gaardiyoolaan dhiifama gaafateera.

Maanchister Siitiin qabxii lamaan Arsenaaliin caalame sadarkaa lammaffaa irra jira.

Gaafa waggaa haaraa Sanderlaand waliin taphatu. Isa dura ammoo fooyya'insa gaarii irra kan jiru Nootiingihaam Foorest waliin morkatu.

Gaardiyoolaan gahumsa qaamaa taphattoota isaa irraa amma komii hin qbau. garuu kana caalaa akka fiiganii taphatan nan barbaada jedhe.

''Taphattoonnikoo boru [Dilbata] akkan boqonnaa isaaniif kennu na gaafatan. An nan dide. Sababni isaas haa mo'annuyyuu malee akka gaariitti hin taphanne'' jedhe.

''Dilbata dadhabbii irraa aara galfachuuf. Garuu taphattoota hin taphanne waliin shaakala hojjenna. Isa booda tapha Nootiingihaam Foorestiif ammoo qophaa'uuf guyyaa lama qabna,'' jedhe.

Yeroo Ayyaana Qillee kana taphattoonnikoo maatii isaanii waliinis dabarsuu qabu jedhe.

Guyyoota muraasa keessatti tapha hedduu waan taphannuuf taphattoonni waa'ee boqonnaa dagachuu qabu. Yeroo taphni gahu humna guutuun dhiyaachuu qabu jedhe.