Arsenaal galchii Giyookeresiin Everteen mo'achuun sadarkaa tokkoffaatti deebi'e

Arsenaal galchii Giyookeresiin Everteen mo'achuun sadarkaa tokkoffaatti deebi'e. Maanchister Siitiin 3-0 West Haam mo'ate.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Arsenaal rukuttaa peenaaliitii argateen 1-0 Everteen mo'ate

    Arsenaal galchii V. Giyookeres lakkoofsiseen Everteen mo'ate.

    Everteen taphattoota murteessoo lama Waancaa Afrikaas waan deemaniif dhabe. Kernaan Diwuusbaarii miidhame. Kanumaanuu haala gaariin Arsenaal morkataniiru.

  2. Peep Gaardiyoolaa fi taphattoonni Maan Siitii waa’ee Waancaa mo’achuu maal jedhan?

    Taphataan maanchister Siitii Tijjaanii Raayindersi tapha West Haam booda inni guddaan taphicha to’annoo keenya jala gochuudha jedhe.

    Haala tapha isaaniitti gammachuu hin qabu. Amma garee Maan Siitii kanatti madaqaa jiraachuu hime.

    Galchiis lakkoofsiseera. ‘’Waan gaariidha. Injifannoon itti fufuu qabna. Hojii xumurame miti. Jabaannee itti fufuu qabna.

    Arsenaaliin dhiibbaa keessa galchuu qabna. Haala akkanaan ayyaana Qilleef gahuun waan gaariidha jedhe.

    Tijjaanii Raayinders baranuma AC miilaan irraa Maan Siitii gale. Rayaan Cherkii fi kaanis walitti madaquun Maan Siitiin walitti aansee mo’ataa jira.

    Peep Gaardiyoolaan ammoo taphaan booda akkas jedhe..

    Haalaand galchii nuuf lakkoofsisaa jiruuf nan galateeffadha. Isa, Foodenii fi Orayiliin taphicha saffisiisuun nu gargaaraniiru. jedhe.

    "Tapha har’aa keessatti wantoonni tahan gaariidha, kaan gaarii miti. Garuu waan gaarii qabnu akkuma jirutti tahee waan fooyyeessuu qabnutu jira,’’ jedhe.

    ‘’Ittisa irratti karaa baay’ee gaarii turre. Kubba waliin garuu sadarkaa gahuu barbaannu irraa ammayyuu fagoo jirra jedhe.

    Isaan [West Haam] carraa argatanii ture. Sababni isaa bakka sanatti haalli itti taphanne sirrii hin turre.

  3. GOOOL- Everteen 0-1 Arsenaal

    Kubbi harkaan tuqamnaan rukuttaan peenaaliitii Arsenaaliif kenname.

    V. Giyookeres rukuttaa peenaaliitii argame lakkoofsisuun Arsenaal Everteen dursaa jira.

    Haga sanatti garuu ittisa Everteen bansiisuuf rakkataa turan.

    Giyookeres gahumsa addaa garee keenyaaf fide kan jedhe Arteettaan galchii lakkoofsisuutti deebi'eera.

  4. Peep gaardiyoolaan West Haam mo'atanis taphattoota isaaniitti mufataniiru

    "Tapha har’aa keessatti wantoonni tahan gaariidha, kaan gaarii miti. Garuu waan gaarii qabnu akkuma jirutti tahee waan fooyyeessuu qabnutu jira,’’ jedhe.

    ‘’Ittisa irratti karaa baay’ee gaarii turre. Kubba waliin garuu sadarkaa gahuu barbaannu irraa ammayyuu fagoo jirra jedhe.

    Isaan [West Haam] carraa argatanii ture. Sababni isaa bakka sanatti haalli itti taphanne sirrii hin turre.

    Tapha Liidsi waliin taphanne waliin wal fakkaata. Isaan taphattoota ciccimoo qabu. Akka Lukaas Paakeetaa, Saamerviile fa’aa qabu. Haala rakkisaa keessa turre.

    Kubba waliin sochiin taasifnu nama hin quubsu. Ittisa isaanii cabsanii seenuu irratti ammayyuu gootummaa agarsiifne hin qabnu. Garuu gabatee liigichaa irraa bakka jirrutti baay’ee gammadeera. Garuu kana caalaa fooyyessuu qabna jedhe Peep Gaardiyoolaan.

    Haalaand galchii nuuf lakkoofsisaa jiruuf nan galateeffadha. Isa, Foodenii fi Orayiliin taphicha saffisiisuun nu gargaaraniiru.

  5. Saakaa, Giyookeresii fi Tiroosaad sarara duraa

    Arsenaal tapha Everteen waliin taasisuuf jedhaniif Saakaa, Giyookeresii fi Tiroosaad fuuldura irra hiriirsise.

    Zuubimandii, Raayisii fi Odeegaard sarara gidduu irra taphatu.

    Ittisa irra Tiimberii fi Kaalaafiyoorii sarara ittisaa cinaa lamaan, Saaliibaa fi Hinkaappeen ittisa gidduu irra taphatu.

  6. Kaardii diimaa: Kiristaan Roomeeroo Tootenhaam irraa

    Daqiiqaa 33 booda Tootenhaam taphattoota 10niin taphachaa turan.

    Galchii tokko lakkoofsisuun 1-2 tahan. Garuu Kiristaan Roomeeroon daqiiqaa dabalataa irratti kaardii diimaa biraa arge.

    Tootenhaam akkasi tahee yaalii hedduu taasisan.

    Garuu injifannoof gahaa hin turre. Toomaas Firaank dhiibbaa jala jiru.

  7. Tootenhaam taphattoota 10 taphachuun galchii lakkoofsisan

    Tootenhaam Zhaavii Siimoonsiin kaardii diimaan dhabanis galchii lakkoofsisuun 1-2 durfamaa jiru.

    Isaakii fi Ekitiikee Liiverpuuliif yoo lakkoofsisan, Riicharlisan Tootenhaamiif galchii lakkoofsiseera.

  8. Tootenhaam 0-2 Liiverpuul-75

    Tootenhaam dirree isaa Waayit Hart Leen irratti galchii 2-0 dursamaa jira.

    Aleeksaander Isaak Tootenhaamiif galchii jalqabaa lakkoofsise.

    Huugoo Ekitiikee galchii lammaffaa lakkoofsiseera.

    Zhaavii Siimoonsi daqiiqaa 33ffaa irratti balleessaa Vaan Daayik irratti hojjetteen kaardii diimaan bahe.

  9. Tootenhaam v Liiverpuul

    Liiverpuul taphattootaa fi bakka isaanii jijjiireera. Sooboslaay bakka Mohaammad Saalaa gale. Maak Alister lakkoofsa 10 irra taphata.

    Kun yeroo dheeraan booda tahe. Filooriyaan Wiirz gama mirgaan cinaatti bahee taphata.

    Huugoo Ekitiikee sarara duraa Liiverpuul dursa. Sarara gidduu ammoo Giraavenbergii fi Kuurtis Joonsi taphatu.

    Sarara ittisaa Vaan Daayik, Konaatee, Biraadilii fi Kerkesh taphatu.

    Tootenhaam sarara duraa irraa Kooloo Muyaanii, M. Kuddus fi Zhaavii Siimonsi taphachiise.

  10. Maan Siitiin gabatee Piriimer Liigii dursuu jalqabe

    Akka amma jiruun Maanchister Siitiin gabatee Piriimer Liigii dursuu Arsenaal harkaa fudhateera.

    West Haamiin galchii Raayindersii fi Haalaandiin dursaa kan jiru Maan Siitiin hanga Arsenaal Everteen waliin taphatutti gabatee liigichaa dursa.

    Arsenaal garuu carraa Everteen mo’achuu guddaa qaba. Yeroos dursummaa kana deebisee harkaa fudhachuu mala.

    Rayaan Cherkii, Foodenii fi Haalaand qindoomina jabaa uumaniiru.

    Kun Maan Siitii mataa liigichaatti baasuu danda’a. Bara leenjisummaa Peep Gaardiyoolaa xumuraa tahuu danda’a kan jedhamu barri kun, Peep waancaa injifatee leenjisaa haaraatti garee jabaa ijaarse dabarsee deemuu fedha.

  11. Arteettaan turtii leenjisummaa Arsenaal keessaa waggaa jahaa akkamiin ibse?

    ''Yeroon kun akkam ariifatee duratti deema, ajaa'iba!'' jedhe Arteettaan waa'ee turtii isaa waggaa jahaa Arsenaal keessaa yoo gaafatamu.

    Arteettaan waggaa jaha akka har’aa leenjisaa Arsenaal tahee qacarame. Guyyaa sanas akka carraa tahee Arsenaal Everteen waliin tapha qaba ture.

    Arteettaan taphataa duraanii Evertenis ture.

    Har’a waggaa jahaffaa isaa kilebuma isaa duraanii morkachuun yaadata. Yoo injifate liigicha dursuu itti fufa.

    Erga bara 2003/04 yeroo jalqabaaf waancaa Piriimer Liigii mo’achuuf dhama’aa jiru.

    Arteettaan garee jabaa sadarkaa Piriimer Liigii fi Shaampiyoonsi Liigiitti morkachuu danda’u ijaareera.

    Milkaa’inni isaa waancaan yoo safarame garuu ammayyuu boodatti hafeera. Waancaa FA tokko malee hin mo’anne.

    Arteettaan garee kileba kamiyyuu mo’achuu danda’u ijaareera jedhe. Ani carraa qabeessa, taphattoonnikoo hunduu waan qaban hunda warra kennuuf fedhii qabanidha.

    Barachuufis yeroo hundaa qophaa’oodha jedhe. Arsenaal Arteettaa jalatti Piriimer Liigii yeroo sadii sadarkaa lammaffaan xumure. Shaampiyoonsi Liigii ammoo bara darbe walakkaa xumuraaf dhaqabeera.

    Bara kana Piriimer Liigii fi Shaampiyoonsi Liigii osoo galchii baay’een irratti hin lakkaa’amiin tokkoffaan dursaa jiru.

  12. Cheelsiin duubaa ka'ee goolii lakkoofsisuun Niwkaasil waliin qixa 2-2 xumure

    Riis Jeemsii fi Jaayoo Peedroo galchii lakkoofsisaniin Cheelsiin qixa bahe.

    Cheelsiin qabxii 29'n sadarkaa arfaffaa irra jira. Taphni Maanchister Siitii West Haam waliin gaggeessu jalqabameera.

  13. Arteettaan waa’ee tapha Evereteen waliin qabanii maal jedhe?

    • Been Waayit miidhama torbee darbe isa mudateen har’a hin taphatu.
    • Gabri’eel Yesuus ammayyuu gahumsa qaamaa barbaachisu irra gahuuf tattaafataa jira jedhe Arteettaan.
    • Gabri’eel Magaalesh dafee fayyee deebi’uuf waan danda’u hundaa gochaa jira jedhe. Shaakala addatti jalqabeera. Hagam akka fooyya’eeru ni ilaalla, garuu waan gaarii abadanna jedhe.
    • Kaayi Haavert ammas ji’a tokkoo oliif miidhameera. Akka gaariitti bayyaannataa turee garuu ammas miidhama biraaf saaxilame.
    • Arteettaan Kaayi Haavert dafee akka deebi’u abdii guddaan qaba jedhe. Garuu yoom akka tahe himuu hin danda’u jedhe.
    • GMaartiin Zuubimandii yeroo dheeraa waan taphateef tibbana boqateera.
    • Miidhama addaa akka qabu hin ibsamne.
    • Yeroo ayyaana Qillee kanatti taphoota hedduu taphachuu irratti kan gaafatame Arteettaan yeroo akkasii injifannoo guddaa barbaadda. Akasuma garuu waan si mudachuu malus baay’eedha jedhe. Kubba miilaa keessatti qofa osoo hin taane jireenya dhuunfaa keessattis yeroo murteessaadha jedhe.
    • Sababni isaa yeroo ayyaanaa waan taheefi jedhe. Yeroo akkasii simannaa fi ayyaaneffannaa istaadiyemii keessaa mul’atu murteessaa tahuu fi isatti gamaduu hime.
    • Mikeel Meeriinoon sarara duraa irratti Viiktar Giyookeres caalaa hojii guddaa hojjechaa jiraa? Jedhamuun Arteettaan yoo gaafatamu;
    • Inni kana duras hojjettee nutti agarsiiseera. Gahumsi akka kan isaa kun baay’ee nu barbaachisu.
    • Viiktar Giyookeres jalqaba akka dhufeen gahumsa qaamaa guutuu irra hin turre.
    • Akkuma fooyyeesseen ammo miidhame. Sana booda taphoota lamaan darban irratti gaarii ture jedhe.
    • Bakka isaa Gabri’el Yesus akka filannootti akka qaban himan.
  14. Niwkaasil 2-2 Cheelsii

    Cheelsiin galchii boqonnaa booda galchii lama lakkoofsisuun wla qixxaate.

    Riis Jeesmii fi Jaayoo Peedroo warreen galchii lamaan lakkoofsisanidha.

    Eedii Haaw Wiisaa dirree galchaniiru. Aantoonii Goordon ammo baheera.

    Niik Wooltimood galchii lamaan Niwkaasiliif lakkoofsiseera.

  15. Niwkaasil 2-0 Cheelsii:45’

    Niik Wooltmood galchii lama lakkoofsisuun Niwkaasil cheelsii 2-0 dursaa jira.

    Torban darbe karra isaa irratti lakkoofsisuun masaanuu isaanii sanderlaandiin mo’aman.

    Har’a deeggartootaaf haalatti dhiifama gaafatu argateera.

    Galchii lama Cheelsii irratti lakkoofsiseera.

    Biliyoonota kan dhangalaase Cheelsiin ammayyuu kileba shaampiyoonaa tahuuf morkatu hin fakkaatu.

  16. Niwkaasil 1-0 Cheelsii-10'

    Niik Wooltimood torban darbe tapha Darbii Sanderlaand waliin taasisan irratti galchii ofirratti lakkoofsisuun mo'amanii bahan.

    Taphataan lammii Jarman akka mukaatti dheeratu kun Cheelsii irratti lakkoofsisuun haamilee deeggartoota isaatti deebiseera.

    Erga bara 2021 as dirree Niwkaasil irratti injifachuuf kan rakkatu Cheelsiin tapha kana yeroo leenjisaan isaa gaggeessitoota kilebichaa waliin wal dhabetti taphataa jira.

  17. Leenjisaan Cheelsii gaggeesitoota kilebichaa waliin wal dhabeera

    Leenjisaan Cheelsii Eenzoo Maareshkaa gaggeesitoota olaanoo kilebichaa waliin wal dhabeera.

    Maareshkaan hoggantoonni kilebichaa regard an barbaadu naaf hin kennite jechuun Inate.

    Erga leenjisaa tahee akka sa’aatii 48 darbee gaddees mufadhees hin beeku jedhee torbee darbe yaada kennee ture.

    Ammayyuu madaan isaa waan qooreef hin fakkaatu. Waan miiidyaatti dubbateefis dhiifama hin gaafanne. Isaanis yaada irratti hin kennine.

    Cheelsiin tapha dhumaa lamaan Shaampiyoonsi Liigii keessatti qabu yoo mo’ate kallattumaan gara 16tti makama.

    Karabayoo Kaappii walakkaa xumuraaf darbeera. Piriimer Liigii sadarkaa arfaffaa irra jira. Qabxiin isaas kileboota duraa sadan irraa fagoo miti.

    Wal dhabdeen kun ammo qabxii dirree irratti argamu miidhuu danda’a jedhamaa jira.

  18. Niwkaasil v Cheelsii: Kamtu injifannoon baha?

    Cheelsiin amma Niwkaasiliin morkata. Foofaanaa fi Moosis Kaayiseedoon jalqaba irratti hiriiraniiru.

    Moosis Kaayiseedoon Sababa kaardii diimaa tapha Arsenaal irratti argateef osoo hin taphatiin ture.

    Foofaanaan miidhamarraa fayyuun jalqaba irra hiriire. Kool Paalmer, Jaayoo Peedroo, Peedroo Neetoo fi Gaanaachoon fuuldura irra taphatu.

    Paalmer duuba Jaayoo Peedroo hiriiruun jifachuu gargaara. Cheelsiin erga bara 2021 as dirree Niwkaasil irratti rikardii gaarii hin qabu.

    Garuu Niwkaasil dirree isaanii irratti barana qabxii gahaa argachuu dhabuun isaanii Cheelsiif carraa injifannoo kennuu mala.

  19. Mohaammad saalaa dhiifama gaafate

    Mohaammad Saalaa erga miiidyaaleef yaada kennee Liiverpuul balaarra na buuse jedhee himatee wal dhabdeen kilebichaa fi isa gidduu hammaatee ture.

    Leenjisaa kilebichaa Arnee Isloot waliin duraan hariiroo gaarii qabna, amma guutummaan adda citeera jedhee erga dubbatee tapha tokkorraa ala tahee ture.

    Isloot Mohaammad saalaa argachuun erga wlaiin mari’atanii tapha Biraayitan waliin taphatan irratti hirmaate.

    Sana booda gareen keenya tokkummaa’eera jechuun Vaan Daayik dubbate.

    Kuurtis Joonsi Mohaammad Saalaa taphattoota hundaa dhiifama gaafateera jedhe.

    Mohaammad saalaa waan fedhue dubbachuu danda’a kan jedhe Joonsi, ergasii taphattoota dhiifama gaafachuus hime.

    ‘’Yoon nama miidheeru jiraate yookiin akka biraatti namni na hubate jiraate dhiifama naaf godhaa jedhee dubbateera. Inni nama akkasiiti,’’ jedhe Joonsi.

    Mohaammad Saalaa Waancaa Afrikaa boru Morookootti jalqabu irratti biyya isaa Masiriif taphachuuf deemeera.

  20. Aantoonii Jooshoyaa mangaagaa morkataa isaa Jeek Pol cabse

    Buunyaan kan beekamu Jeek Pool Aantoonii Jooshoyaa waliin osoo wal dorgomanii mangaagaa isaa rukutamee cabuun hospitaala gale.

    Shaampiyoonaan buunyaa yeroo lamaa Biriiten dorgommiin jalqabee Jeekiin salphaatti mo’achuu hin dandeenye ture.

    Wal dorgommiin kun Miyaamiitti gaggeeffame. Marsaa jahaffaa irratti garuu harka isaa mirgaan kan dhahe Aantoonii Jooshoyaa morkataa isaa balaaf saaxile.

    Mangaagaan isaa karaa tokkoo cabuun yaalaaf hospitala gale. Leewis kan jedhamu akka himetti Jeek Pool morkii kanaaf gahumsa barbaachisaarra hin turre jedhe.

    Marsa ataheen booda dhaabbateema boksiin dhahamuuf eegaa ture jedhe.

    You Tube irratti baay’ee kan beekamu Jeek Pool dhiyeenya gara addunyaa dorgommii buunyaattii makame.