Arsenaal Liverpuuliin 2-0n injifata: Tilmaama taphoota Piriimiyer Liigii

Taphoonni Piriimiyeer Liigii torbee 21ffaa Kibxata hara'aa, Roobiifi Kamisa gaggeeffamu.
Taphoota torbee kanaa keessaa kan akkaan eegamu morkii Arsenaal kan liigicha qabxii jahaan dursaa jiruufi Liiverpuul gidduutti godhamuudha.
Morkiin torban kanaa kan eegalu galagala kana tapha Weestihamaiifi Nootingihaam Foorest gidduu godhamuuni.
Gareen lamaanuu qabxii argachuuf rakkachaa jiraatanis, Westihaam garuu haala hamaa keessa jira. Saatan Foorest dirree Westihaamitti taphoota afur boooda injifannoosaa jalqabaa argata jedhee tilmaame.
Tilamaama taphoota jajjaboo filannee isiniif haa dhiyeessinu.
Robii Serlhasti Paarkitti Kiristaal Paalaas Astoon Viilaa keessummeessa. Paalaas akka gaarii hin jiru. taphoota shan darbanirraa qabxii tokko qofa argate.
Bireennaan Joonsaniin Totenhaamirraa fudhatanillee ammallee humna dabalataa isaan barbaachisa. Gilaasneer tibba jijiirraa taphattoota amma eegalu kanatti taphattoota haaraa barbaaduunsaa wan hin oolleedha.
Haata'u malee bara darbe Paalaas Viilaa dorgomiiwwan waancaa Karabaawoofi FA keessaa baaseera. Tapha liigiitiinis dirreessaatti Viilaa 4-1 mo'ateera. Viilaa Paarkitti ammoo 3-0n irra aanan.
Amma garuu Viilaan waan harka kennu natti hin fakkaatu. Siitii wajjin qabxii walqixaa qabateee Arsenaalirraa qabxii jahaan fagaatee sadaffarra kan jiru Viilaan, tapha kana waan injifatu natti fakkaata. Tilmaamni koo 1-2 Astoon viilaa kan jedhuudha.
- Morkii Kiraaven Kooteej Fulhaamiifi Chelsii
Cheelsiin dirreesaa malee Kiraaven Kooteejitti Fulhaam waliin morkata. Fulhaam tapha torbee 20ffaa Anfiilditti imalee qabxii tokko argatee deebi'e. Cheelsiinis Etihaaditti imalee Siitii wajjin qabxii qoodddatee deebi'e.
Cheelsiin ji'oota dura Istaanfoord Biriijitti 2-0n Fulhaamiin injifateera. Haala qabatamaa garichaa yeroon ilaallu ammas Chelsiitu injifata.
1-2n Cheelsiitu mo'a.
- Morkii Etihaad Siitiifi Biraayitan
Taphni kun Maanchistar Siitiif tapha irratti qoramu isa kan biraadha. Sandarlaandiifi Cheelsii waliin qixxee bahuunsaa ni yaadatama.
Jalqaba bara dorgommii kanaatti ammoo Biraayitan dirreesaatti isaan injifateera.
Siitii wajjin Biraayitan yeroo marayyuu tapha ulfaataa gaggeessa.
Siitiin sarara gidduu laafaa qabatee Biraayitan morkata. Gavaardiyooliifi Ruben Diyaaz miidhamaniiru.
Gaardiyoolan ammas qabxii dhabee morkii waancaarraa fagaachaa deemuu ijaa hin filanneef akkuma ta'etti ni injifata jedheen tilmaama.
Haalaandis hiree goolii galchuu qisaasuu itti fufa jedhee hin eeegu. Inumaa haatriikaa hojjeta jedheen tilmaama.
3-1n Siitiin ni injifata.
- Morkii Tarfi Moor Barnileey Yunaayitid
Barnileey baruma dorgommii kana Oldi Tiraafoorditti Yunaayitidirraa qabxii butachuuf fiixerra gahee mo'ame. Daqiiqaa 97ffaarratti goolii Buruunoo Fernaandeez galchee 3-n injifate Yunaayitid.
Ariyamuu Amoriim booda tapha Yunaayitid jalqabaa kana eenyuyyuu yoo durse, tilmaamni ani garee kanaaf kennu guddaa hin ta'u, morkii walitti dhiyaatu argina.
Deeggartootni Yunaayitiid Saatan Yunaayitidiif jibba qaba jedhanii haa himataniyyuu malee, tapha kana dabalatee taphoota hedduu ni injifatu jedhee hin tilmaamu.
1-1 Yunaayitiid qixxee baha.
- Morkii St Jeems Paark Niwkaasiliifi Liids
Niiwkaasil tapha dheengaddaan Paalaasiin injifachuu qofa osoo hin taane bara kana yeroo duraaf osoo gooliin irratti hin galiin bahe.
Liids ammoo taphoota walitti aanan toba osoo hin mo'amiin adeemaa jiru.
Ji'oota dura wayita Elaand Rooditti walitti dhufan goolii malee qixxee bahan.
Alana garuu Niiwkaasil dirreesaatti waan injifatu natti fakkaata.
Niiwkaasil 2-0n injifata.
Morkii Kamisaa
- Morkii Emireets Arsenaaliifi Liiverpuul
Liiverpool tapha Fulhaam waliin gaggeessee qixxee bahe irratti jifataansaa akka gaarii jiru Huugoo Ekitiikee miidhamaan hin hirmaanne ture.
Liiverpuul ammaan tan taphoota walitti aanan sagal irratti hin injifatamne. lakkoofsi kun kophaatti yoo ilaalamu gaariidha jechuun danda'ama garuu rakkoon jiru gahumsa isaaniirradha. Yeroo ijaan ilaaltu gahumsa isaanii bara darbeerraa hedduu fagoo jiru. Gahumsa Arsenaal irra jiru irraas hedduu fagoo jiru.
Ji'oota dura wayita Liverpuul dirreesaa Anfiilditti isaan injifatu Arteettaan akka malee eeggannoo godhe jedhamee qeeqamee ture.
Amma haalli jiru addadha. Gareen Liiverpuul kun salphaatti gooliin itti gala. Amma Arteettaan qabxii jahaan liigicha dursaa jira. Badaa eeggannoo godhee, hirkatee hin laalu.
Gareen Liiverpuul kun garee hamaa jettuun mati garee sadarkaa gidduugalaati. Arsenaal ittimu jabaatee waan mo'u natti fakkaata.
Yokeereesh akka barbaadamu ta'uu baatus gooliin Arsenaal garamii akka dhufu hin beektu. Karaatti galchanii injifatan hedduu qabu. Deeklaan Raayis ajaa'iba.
Arsenaal 2-0n injifata.












