Akkaataan itti teenyu sirriin kami? Attamiin fayyaa keenya miidha?

Dubartii dugdashee qabattee taa'aa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kutaalee qaama keenyaa akkaataa taa'umsa keenyaan miidhaman keessaa tokko dugda keenya

Bakka hojiitti ta’e mana keessaniitti yookiin kaaffee osoo bashannantanii yeroo baayyee akkaataa itti teessan yaadaa!

Yaadni keessan guutuun hojjiirra ta'ee, sa'aatii dheeraan booda yoo bakka teessanii ol kaatan dhukkubbiin dugdaa gar maleen isinitti dhagahamee beektuu?

Sochii dhala namaa keessatti yeroon taa’umsaan dabarsan dheeraadha. Bakka hojiitti namoonni hanga sa’atii sagalii taa’umsaan dabarsu jedha qorannoon.

Bakka hojiitii wayita manatti gallus mala ittiin boqonnu keessaa tokko taa’uudhaani, soofaarras ta’e teessooma qabnurra.

Garuu akkaataan itti teenyu fayyaa keenyaaf baayyee murteessaadha jedhu ogeeyyiin fayyaa.

Akkaataan itti teenyu akkamiin fayyaa keenya akka itti miidhuu fi maal gochuu akka qabnu irratti, yaadoota qorannoo fi ogeeyyii fayyaa irraa arganne akkanaan qixeessineerra.

Akkaataan taa'umsaa dirqama ta'e hin jiru

Hojiif dorgomtanii yoo gaaffiifi deebiif waamamtan sirrattanii qajeellootti akka teessan gaafatamtu. Hiriyaa keessan waliin yoo wal-argitan ammoo fuulduratti jettanii teessu. Dhukkubbii hambisuuf garuu kanatu sirriidha, sanatu dogoggora kan jedhu hin jiru.

Teessuma keenyarraa gara fuulduraatti dhundhullee taa'uun dhiibbaa badaa ta'e hin qabu jedhu saayintistoonni.

Fakkeenyaaf, saayintistiin qorannoo dhukkubbii dugdaa Dr Kiyeeran O'Sullivan fuulduaratti jallatanii taa'uun rakkoo hin qabu jedha.

Waa'ee akkaa itti taa'anii nama hedduu gaafannaan ol qajeelanii digirii sagaltamaan akka filatamu itti himan.

Kun garuu jette jetteedhuma jedha ogeessi fayyaa kun. Ragaan kana deeggaru waan hin jirreef.

Fakkeenyaaf, qorannoon Awustiraaliyaa keessattti gaggeeffame tokko, jireenya dhala namaa tokko yeroo dheeraaf yoo hordofne, kan dhukkubbii dugdaaf saaxilaman warra fuulduratti dhundhulanii taa'an yookiin akkuma fedhanitti taa'an miti.

Dhukkubbii dhaalaan darbu, dhiphina, hirriba qajeeltoo hin qabne yookiin idilaawaa hin taaneefi mukaa'uutu ga'ee guddaa taphata.

Ol qajeelanii taa'uun gaarummaa hin qabu

Namoota galma tokko keessa jiran hunda osoo akkaataa taa'umsaa sirrii akka sitti agarsiisan gaafattee olqajeelanii taa'anii mul'isuu danda'u.

Akkasumatti turaa osoo jetteenii garuu turuu hin danda'an, mijataa waan hin taaneef. Nuti hundinuu kana beekna, garuu olqajeelanii taa'uun mala taa'umsaa sirrii fi filatamaadha jennee yaada kennuuf ariifanna.

Haala kanaan taa'uun naamusa bakka hojiif barbaachisuu fi protokoolii barbaachisu eeguuf kan filatamuudha.

Akkasumas daddabanii taa'uurra qajeellootti taa'uun adaba hawaasa keessa jiru ta'uu danda'a.

Bakka hedduutti garuu namuu akkuma fedhetti taa'a. Kanaafuu akkaataan teessummaa sirriidha yookiin sirrii miti jedhamu kan yeroo hunda hordofuu qabnu hin jiru.

Dubartii dugda dhukkubsattu

Madda suuraa, Getty Images

Akkaataa taa'umsaa siif mijatutti fayyadami

Akkaataan taa'umsaa badaan dhukkubbii dugdaaf sababa ta'uu dhiisuu mala, garuu yoo dhukkubbiin sitti dhagahame teessoo kee akka siif mijatutti sirreeffadhu.

Teessumni ati mijeeffatte yoo siif ta'e dhukkubbiin sitti dhagahamaa ture si dhiisa, yeroo kana akkaataa teessuma kanaan itti fufi.

Teessoon raajiidhaan dhukkubbii dugdaa sirraa ittisu hin jiru

Teessoo gosa hedduu argineerra: kan socho'uu fi kan hin sochoone, duubaan kan itti hirkatan kan qabuu fi kan hin qabne.

Akkasumas bakka hojii mijataa teessoo mijataa qabus hedduu argine. Kun hunduu hagas mara jijjiirama hin fidne.

Osoo ni gargaaru ta'ee silaa dhiibbaan sababa teessumaa addunyaa rakkisaa jiru yeoro ta'etti ni dhaabbata ture.

Kanaafuu teessoo mijataa fi moodela haaraa ta'es gegeeddaruun miidhaa kana hin hambisne.

Gorsi kiyya jedha Dr Kiyeeran, yoo dhukkubbii hin qabdu ta'ee fi sitti tolee taa'aa jirta ta'e teessoo haaraa si hin barbaachisu.

Deddeebi'ee si dhukkuba taanaan ammoo teessoo kee ammaa jijjiirii kan siif ta'u barbaaddadhu.

Teessoorraa ka'anii sosocho'uun murteessaadha

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sochii malee yeroo dheeraaf turuun balaa qaba. Dhibee onnee, dhukkuba shukkaaraa fi dhibeewwan biroof nama saaxila.

Kanarratti of eeggannoo cimaa gochuu qabna kan jedhu ogeessi fayyaa Dr Kiyeeran, daqiiqaa 30 keessatti yeroo tokko ka'anii socho'uu waan jedhutti hin amanu.

Sochiin dhala namaaf barbaachisu daangeffamuu hin qabu, sochii heddummeessuun fayyummaaf murteessaadha jedhe.

Qorannoon jaarmiyaa Biritish Heart Foundation jedhamuun gaggeeffame hojjettoonni waajjiraalee yeroo dheeraaf teessoo turuu irraa kan ka'e rakkoo fayyaaf saaxilamu jedhe.

Hojjettoonni giddugaleessaan sa'atii sagal waajjira keessa turu kan jedhe jaarmiyaan kun, yeroo kana guutuu teessoorra turraan dhibee onnee, dhukkuba shukkaaraa type 2 jedhamu, kaansarii fi dhibee fayyaaf saaxilamuu dandeenya jedhe.

Jireenya kee gara boodaa keessa dugdi kee akka hin miidhamne yoo feete waa'ee teessuma har'aa fayyadamaa jirtuu qofa hin yaadin.

Jireenya fayya qabeessa jiraachuuf tattaafadhu. Hirriba ga'aa rafi, dhiphina kee to'adhu, sochii qaamaa dandeessu hojjedhu, waan qabduun gammadii jiraadhu.

Dhaabbatanii hojjechuun hagam furmaata?

Teessuma dhaabbatanii irratti hojjechuuf gargaaru mijeessuun dhababatanii hojjechuun waajjiraalee hedduu keessatti baratameera.

Namoota gariif hojjechuu danda'a, garuuu namoonni waajjira hunda keessatti guyyaa guutuu dhaabbatanii akka hojjetan hin gorsinu jedha Dr Keeyiran.

Akkuma guyyaa guutuu teessumarra ooluun miidhaa qabu, guyyaa guutuu dhaabbatanii hojjechuunis dhibeef nama saaxila.

Qorannoon bara 2018 gaggeeffame tokko garii dhaabbatanii, garii ammoo taa'anii hojjechuun hojii si'eessa jedha.

Hojjettoonni dhaabbatanii hojjetan haala hojiisaanii gaafatamanii, hedduunsaanii dadhabbiin akka irraa hir'atee fi hirmaannaa hojiirrattis si'oomina akka uumeef dubbatan.

Barcumni ykn teessoon keenya nu gaalafataa jiraa?

Guyyaa guutuu bakka hojii taa'aa oollee, galgala teenyee TV ilaallee, konkolaataa keessas yeroo dheeraaf teenyee- nagaa taana jechuun rakkisaadha.

Teessumni akkuma iddoo boqonnaa ta'e iddoo miidhaa fayyaaf sababa ta'eedhas.

Waggaa ja'a dura qorannoon gaggeeffame konkolaachisuu awutoobisii carraan dhibee onneen qabamuusaanii kan gargaaraa konkolaachisaa dachaa lamaan caala.

Adda addummaan kun kan uumameef konkolaataan yeroo hunda taa'ee oofa, gargaaraan ammoo gara caalu dhaabbatee hojii gargaaruu hojjechaa deema.

Biyyoota hedduu keessatti namoonni yeroosaanii irra jireessaan taa'umsaan dabarsu. Kunimmoo si'oomina qaama namaa hir'isa.

Rakkoon kun walirratti kuufamaa yoo deeme umrii dullumaa keessa dhukkuba onnee, dhibee waa dagachuu fi dhukkuba shukkaaraaf nama saaxila.

Qaamni keenya yeroo dheeraaf sochii malee bakka tokko taa'ee yoo ture pirotiiniin lafee morgaa gidduu jiru walitti rukkamee jabaataa deema.

Maashaalee ijoon mormarraa kaasanii hanga mudhiitti jiran akkaan dadhabaa deemu.

Kunimmoo sochii akka dadhabnu nu taasisa, dugdi keenya yookiin gateettiin keenya akka walitti qabatu (sochii dhaabuu nu quuqu) taasisa.

Yeroo dheeraa teenyee yoo turre lafeen keenya ni miidhama (qaawwa godhataa deema), dhiigni gara miila keenyaatti baayyinaan kuufama.

Kun yeroo booda dhiphachuu yookiin cufamuu ujummoo dhiigaa fi itituu dhiigaa namatti fida.

Rakkoowwan sababa haala teessuma keenyaan nu mudachuu malan kunneeniif garuu oduun aagaas jira.

Fakeenyaaf guyyaatti giddugaleessaan daqiiqaa 60 hanga 75 sochii qaamaa yoo hojjenne yaaddoo kana jalaa ba'uu dandeenya.

Kaan ammoo yeroo walga'ii, yeroo hojii, yeroo bilbila haasofnu gidduun kaanee dhaabbachuun yookiin sosocho'uun yeroo taa'umsatti dabarsinu hir'isuu dandeenya.