Yeroo rafnu waan qaama keenya mudatuu fi akkamiin akka hojjetu beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Dhalli namaa tokko sadaffaa umriisaa hirriba rafuun akka dabarsu saayinsiin ni eera. Wayita rafnu waan mudataa jiru hin beeknu, qaamni keenyas danda'ee hojii hin hojjetu.
Haata'u malee qaamni namaa guutummaatti dalagaa dhaaba jechuu miti. Sammuun, seelonni narvii, onneen, miirri... hunduu hojiisaanii inuma hojjetu.
Garuu akkamiin?
Sillimii irraa hanga of wallaaluutti- Gulantaa hirribaa
Dhalli namaa ciisee sillim jechuurraa hanga dammaquutti gulantaa hirribaa gurguddaa lama keessa darba jedhu Hospitaala Riifaraalaa Yuuniversitii Wallaggaatti Ispeeshaalistii dhibee keessoo qaamaa kan ta'an Dr Gurmeessaa Inkoosaa.
Akkaataa sochii qaamaa fi [ijaa] irratti hundaa'uun gulantaan hirribaa kan sochii malee Non Random Eye Movement (NREM) fi kan sochiin qaamaa keessatti mudatutti Random Eye Movement (REM) hirama jedhan.
''Gulantaan NREM daqiiqaa 70-90 kan fudhatu yoo ta'u yeroo kanatti dhahannaan onnee kan duraarraa gadi bu'a, hojiin sirna narvii ni xiqqaata, dhiibbaan dhiigaa ni hri'ata, sochiin sammuu keenyaas gadi bu'a.''
Gulantaan sochiin qaamaa keessatti mudatu tokko qofa yoo ta'u, kan sochiin ijaa fi qaamaa keessatti hin mudanne ammoo sadi.
Gulantaawwan kunneen NREM 1,2,3 fi REM jedhamuun beekamu.
Gulantaan NREM 1 akkuma gadi ciisneen wayita sillim jennudha. Daqiiqaa 10 caalaa hin turu.
''Gulantaa hirribaa kana keessatti qaamni keenya waan xiqqoodhaan dammaqa,'' jedhan Dr Gurmeessaan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gulantaan NREM 2 wayita guutummaatti gara hirribaatti seenuun of wallaalludha.
Gulantaa kana keessatti dambaliin rukuttaa sammuu ni tasgabbaa'a, qaamni keenya waan alaa dhufu hundatti deebii kennuu dhaabee hirribaan liqimfama.
Gulantaa sadaffaan- NREM 3 jedhamu ammoo yeroo qaamni namaa fi sammuun guutummaatti hirribaan liqimfamuudha.
Akka Dr Gurmeessaan jedhanitti gulantaan hirribaa NREM jedhamu yeroo hirribaa dheeraa kan haguugu ta'ee, kan qaamni namaa keessatti boqotuudha.
''Sochiin qaama keenyaa guutummaatti ni tasgabbaa'a. Maashaa keenya akka feenetti diddiriirsuu fi kottoonfachiisuu dandeenya. Kun gulantaa hirribaa kan keessatti boqonnuudha.''
Gulantaa hirribaa inni afraffaan ammoo kan iji keenya saffisa olaadhaan libsatuudha. Sochiin qaamaas ni jiraata.
''Gulantaan kun REM jedhamuun beekama. Gulantaa sochiin sammuuu fi hargansuun akkaan si'atudha. Iji keenya kallattii gargaaraatti socho'uun mil'ata, garuu qaamni keenya of hin beeku.''
Abjuun kan mudatu gulantaa kana keessatti kan jedhan ogeessi fayyaa kun ''Sammuun keenya akkaan si'oomuun waan maashaa qaama keenyaa laamshessuuf humna dhabna, homaa hojjechuu hindandeenyu,'' jedhan.

Hakan guutuu gulantaawwan hirribaa afran kunneen keessa naannofna, namni of beeku tokko daqiiqaa 90 keessatti gulantaa kana xumura, ammoo ammas itti deebi'a.
Dr Gurmeessaan akka jedhanitti qaamni namaa hirribatti seenee xumura gara daqiiqaa 90tti ariitiidhaan hirriba hamaadhaan liqimfama.
Gulantaa sochiin qaamaa akkaan si'ataa ta'e keessatti mudatu- REM, kan dhahannaan onnee kan duraarra baayyee olka'u, dhiibbaan dhiigaa dabaluu fi sammuutti hojiin heddummaatu kana keessatti ''qaamni namaa boqoteera jechuun ni ulfaata. Yeroo sochiin qaama namaa akkaan itti heddummaatu, garuu ka'anii deemuun hin danda'ameedha,'' jedhu Dr Gurmeessaan.
Gulantaa kanarraammoo gara jalqabaatti deebi'ee ammas gulantaa NREMtti deebi'a, ''qaamni keenya wayita rafnu marsaa kanatti deddeebi'aa bula, nutti garuu in beekamu,'' jedhu ogeessi fayyaa kun.
Bararraaquu fi Abjuu...
Gulantaa REM keessatti maashaan namaa hin hojjetu, gulantaa NREM keessatti garuu maashaan namaa ni hojjeta.
''Hirriba gulantaa NREM keessatti sochiin qaamaa hin jiraatu garuu maashaan namaa ni hojjeta. Kottoonfachuu fi diriirfachuun ni danda'ama. Hirriba isa gara dhumaa REM jedhamu keessatti garuu sochiin qaamaa akka malee dabalus maashaan namaa hin hojjetu.''
''Wayita dhahannaan onnee, sirni narvii, sochiin sammuu, dhiibbaan dhiigaa fi sochiin qaamaa kaan akkaan dabalutti osoo maashaan namaa ni hojjeta ta'ee silaa namni hirribaan liqimfamee osoo jiruu ka'ee deemuu danda'a,'' jedhu ogeessi fayyaa kun.
Yeroo sammuun namaa hirriba isa hamaan liqimfamutti maashaan namaa ammoo dalagaan ala ta'uun, akka namni hirriba keessaa bararraaqee hin fiigneef gargaara jedhan.
Yeroo garii namoonni hirriba keessaa ka'anii hanga mana ba'anii baduuttillee yeroon ga'an ni mudata.
''Namoonni yeroo baayyee kan abjootan, hirriba keessaa kan warraaqan ykn weeraranii ka'an gulantaa kana keessatti. Gulantaa qaamni namaa boqonnaa itti dhabuudha.''
Kun akka hin mudanneef gulantaan hirribaa sun jeeqamuu hin qabu jedhu Dr Gurmeessaan.
''Namni gariin kan jalqabuma gadi ciisee yogguma sana hirriba isa dhumaan liqifamu jira. Sun adeemsa hirribaa jeeqa. Kun akka dhukkubaattis ilaalama. Haalli kun dhaalaanillee darbuu danda'a.''
Haalli kun namoota dhiphina sammuu qaban fi baayyee dadhabanii rafanillee mudachuu danda'a jedhan.
Hirribaa fi fayyaa qaamaa
Dr Gurmeessaan saayinsii bu'uura godhachuun wayita hirriba ibsan, dhalli namaa hirriba malee hirriba malee jiraachuu hin danda'u jedhu.
Daa'imarraa hanga jaarroleetti dhalli namaa yoo hirriba ga'aa hin arganne lubbuun jiraachuu hin danda'u jedhu.
''Daa'imi hanga sa'atii 20, namni ga'eessi hanga sa'atii saddeetii, namni dulloome ammoo hanga sa'atii rafuu qabu.''
Hirribi boqonnaa sammuutiif barbaachisaa ta'uu kan himan Dr Gurmeessaan ''namni tokko wayita hirriba dhabus jalqaba dandeettii waa yaaduu fi yaadachuusaatu miidhama,'' jedhan.
''Isa booda dandeettii dhukkuba ofirraa loluu dadhaba, utuma jedhuu kominikeeshinii dadhaba, boodarra qaamasaa baachuuyyuu dadhaba.''
Kanaafuu namni tokko hirriba malee torbanoota muraasaan olitti lubbuunuu jiraachuu hin danda'u jedhu Dr Gurmeessaan.












