Sammuun keenya sa'atii itti boqotu qabaa?

Nama rafaa jiru

Mee waan hojjettan hunda dhiisaamee. Barreefama kana dubbisuun alatti jechuu dha. Diriirfadhaa, ofirraa bu'aatii waa'ee waan tokkoyyuu yaaduu dhaabaa.Kana gochuun isin rakkisee?

Sammuu keenya qullaa gochuufi waa'ee waan tokkoyyuu yaaduu dhiisuun dhimma raawwachuuf rakkisaa tahe dha.

Yaada tokkorraa biraatti utaala sammuun keenyi. Yaada, yaadannoo, yaaddoo, kaayyoofi karoora fa'itu nu liqimsa.

Maraanmartoo dhuma hin qabne kana dhaabanii haaragalfachuu barbaaddu taha.

Tahus qorannoowwan garagaraa akka agarsiisanitti sammuun keenya takkaa boqochuu dhabuunsaa waan gaarii dha jedhan.

Hamma bara walakkeessa 1990tti niwuroosaayintistoonni sammuun keenya hojiin kan itti baay'atu yeroo dalagaan jabaa itti kennamu itti fakkaata ture.

Hojii salphaa fi nuffisissan gaafa itti kennamu suuta harkifachaa waan hojjetu itti fakkaata ture.

Bara 1995 Ameerikaatti barataan PHD Bahaaraat Biswaal namoonni iddoo ykn tuqaa tokko qofarra akka ilaalan gaafa gaafataman osoo hin hafiin sammuun isaanii hojiisaa itti fufa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 1997 saayintistiin biraa Gordan Shalmaan sammuu keenya keessatti sochiin kan baay'atuufi kan ko'omu dalagaa raawwannu xiqqoo yeroo qabaannu dha jedha

Ergasii qorannoowwan garagaraa kumaan lakkaa'aman kana mirkaneessaniiru. Gaaffiin guddaa garuu: maaliif? kan jedhu dha.

Saayintistoonni gariin kutaaleen sammuu keenyaa muraasni yeroo boqonnaa keenyaa waliin hojjeechuuf itti fayyadamu.

Sammuun keenyi akka motoraati yeroo dhaabbatee jiruttillee sochii hanga tahe qaba, sababiinsaas yeroo oofuun barbaadamu dafee ka'uuf jechuu dha.

Gama biraan ammoo sammuun keenya dalagaa isaa itti fufuuf alaa waan isa kakaasu hin barbaadu taha.

Piroofeesar Chaarles Farnihoo, Yuunivarsiitii Durhaam irraa,'' sammuun yaadni yeroo itti baay'atu, yeroo baayyee kan inni yaadu waan darbe ykn ''yaadannoo, waan dhufuufi hariiroo namoota biroo wajjin qabnu dha. Waantota walitti fiduun karatti furmaata argatu yaada,'' jedhu.

Sammuu keessatti sochiin kuni kan raawwatu addatti yeroo hojii ykn dalagaa hin jirre dha.

Boqonnaa sammuufi qaamaa yeroo taasifnutti guutummaan boqonna jechuu miti.

Sammuun keenya yaadaafi yaaddoo itti fufa namoonni gariin gochaa sammuu keenya kanaa akka waan nama gammachiisutti fudhachuu danda'u.

Gama biraan ammoo hojii irraa boqodhe jettee waan hunda cufuun yoo teessee yaadaan baduu dandeessa.

Garuu kuni hiikkaa nama tahuufi jiraachuu keenyaa gatii taheef akka waan hamaatti ilaaluu hin qabnu.

Waa'ee egeree keenyaa hoo maaliif yaadna?

Moosh Baar Mana Barumsaa Fayyaa Haarvaard irraa ''waan gara fuulduraatti tahu yaaduun muuxannoo kana duraa irraa akka waa yaadnu nu taasisa,'' jedhu

Fakkeenyaaf yeroo konkolaataa oofaa jirtutti konkolaataan biraa natti bu'a jettee yaadaa jirta taanaan, yeroo dhugumaan gochaan sun raawwatamu ''tarkaanfii fudhchuu qabdu sirriitti beekuu malta,'' jechuu dha.

Sammuun keenyi gonkumaa boqonnaa fudhachuu dhabuunsaa icciitii yeroo dheeraaf ture akka deebisnu nu gargaara.

Sammuun keenya aannisaa qaama keenyaa harka shan fayyadamuu otoo maluu harka 20 maaliif fayyadama isa jedhu jechuu dha.

Niwurooloojist Maarkas Reeshlaan sammuun keenya yeroo nuti qaamaan boqonnutti hojiin hojjetu aanniisaa gara caalu fudhataa jedhan.

Sammuun keenyi yeroo qaamni keenya haaragalfatullee dadhabbii malee otoo hin boqotiin hojjechuusaa dhugaa uumama keenyaa akka tahe amannee fudhachuu qabna.

Akka dhala namaatti boqonnaa hin qabnu jechuu dha.