Iccitiiwwan sammuun anniisaa ittiin hojjatu waatii 23 ittiin maddisiisuufi kaan

Madda suuraa, The Lightwriter/Alamy
Kutaalee qaamaa hunda caalaa sammuun amala baay'ee nama hawwatu qaba, hojii ajaayibaa fi ulfaataa ta'e salphisee raawwata.
Gocha keenyaa fi akkaataa itti yaadnuuf gaafatamummaa kan qabu yoo ta’u, qaama baay’ee walxaxaa ta’ee fi yeroo dheeraaf qorattootatti raajii ta'aa dhufeedha.
Kutaa qaamaa keessaa isa xiqqaa ta'ee garuu hojii hunda caalu kan hojjetu sammuun, akkaataan itti hojjetu walxaxaa fi hubachuuf nama rakkisu garuummoo akkaan kan qalbii namaa hawwatuudha jechuun ibsu saayintistoonni.
Sammuun seelota niwuroonii biiliyoonaan lakkaa'aman of keessaa qabutti gargaaramuun dalagaasaa raawwata. Garuu waa'eesaa wantoonni ammallee hin hubatamne hedduudha.
''Sammuu guutummaatti hubachuun ni ulfaata. Addunyaarratti kan akka sammuu walxaxaan hin jiru,'' jedhu UK keessatti ogeeyyii Xiin-sammuu beekamoo ta'an keessaa tokko kan ta'an Pirofeesar Roobin Marii.
Kutaan qaamaa xiqqaan mootora qaama hundaa ta'e kun iccitiiwwan ajaayibsiisoo ta'an hedduu qaba. Isaan keessaa muraasi kunooti.
Sammuun yoo miidhame of wal'aanuu danda'a
Sammuun erga miidhamee booda seelota isaa kumaa kitila fayyadamuun of dandamachiisuu danda’a.
Saayintistoonni akka jedhanitti sammuun jiruu nama tokkoo keessatti jijjiirama agarsiisaa deemuunsaa dandeettii haaraa barataa akka deeman nama gargaara.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qorannoon kun namoota dhibee sammuu (stroke) yookiin araada qoricharraa dandamataniin mirkanaa’e.
Yunivarsitii Kaambiriijitti saayintistii sammuu (neuroscientist) kan ta'an Jeemis Faawoset akkaataan seelonni gogaa yookiin kutaa qaamaa kaanii yoo miidhame deebi’ee marguu fi kan sammuu gargari jedhu.
Sammuun kutaa irraa miidhame deebisee bayyanachiisa osoo hin taane niwuroonota yookiin seelota odeeffannoo qaamni keenya akka yaadu, socho’uu fi gochaa raawwatu baatan miiliyoonota keessaa kan fayyaa hafanitti dhimma ba'uun hojiisaa itti fufa jedhu saayintistiin kun.
Kanneen hafan qindaa’anii bifa haaraan of ijaaranii hojiisaanii itti fufu - kun 'neuroplasticity' jedhamuun beekama.
Haala kana daandii yookiin googil maappii akka fakkennyaatti fudhachuun kan ibsan saayinstistiin kun, akkuma yoo daandiin saffisaafi filatamaa ta’e cufame filannoo daandii itti aanutti deemamu, sammuunis yoo niwurooniin tokko hubame filannoo itti aanutti ce’uun kan hafanitti fayyadama jedhu.
Dhaabbata Dandeettii Sammuu qoratu kan US maandheffate kan hoogganu Maarki Ashilii, sammuun seelota miidhaman irra utaaluun niwurooniiwwan hafan walquunnamsiisee dalagaa isaa raawwachuu itti fufa jedha.
Sammuun seelota-niwuroonii filatee hojiisaa hojjechuun yeroo miidhamaa qofa osoo hin taane wayita ogummaa haaraa barannus ni mul’ata jedha Maarki Ashilii.
Garuu yoo miidhamni hamaan sammuu mudate akkaataan sammuun ittiin of bayyanachiisee gara tajaajila kennuutti deebi’u guddoo kan nama ajaayibuufi waan hin eegamne ta’a jedha.
Dalagaan kutaa sammuu tokkoon hojjetamu hanga kutaa sammuu kaaniitti darbuutti ga’a, fakeenyaaf kutaan dhageettii fi kutaan iji akka hojjetu gargaaru waljala darbuun bitaa namatti galuu danda’a jedha qorataan sammuu kun.
Qaama ulfaatina xiqqaa garuu gochaan hunda caalu
Sammuun kutaa qaamaa ulfaatinaan isa xiqqaa ta’e- kiilogiraama 1.5 qofa ta’e (ulfaatina qaamaa keessaa giddugaleessaan dhibeentaa 2 qofa kan qooddatu) ta’ee, garuu anniisaa guutummaa qaamaa keessaa harka 20 kan fayyadamuudha. Qaama keessaa kan akka sammuu anniisaa guddaa fayyadamu hin jiru.
Haata’u malee ulfaatinni fi hammi inni ga’u dandeettiirratti yeroo hunda dhiibbaa hin qabaatu, sammuun dhiirotaa guddinaan kan dubartoota caaluu akeeku saayinstistoonni.
Dandeettiin waa hubatanii hojiitti hiikuu guddina fiizikaalaa sammuurratti kan hundaa’u osoo hin taane baayyina seelota sammuu walquunnamanii- Synapses jedhamuun beekamuutiin murtaa’a jedha Ameerikaa, Hospitaala Norwestern jedhamutti qorataan Giddugala Amaloota Sammuu fi dhibee Alzaayimarii Borna Bonakdarpour.
Niwuroonota biiliyoona 100 ta’an irraa kan ijaarame sammuun, ulfaatina xiqqaa qabaatus garuu sochii fi haalaa fi amala hunda kan to’atuudha.
Jiruu fi jireenyi namaa-yaadi, miirri, afaan dubbannu, yaadannoon, hubannoon, beekumsiifi dammaqinni sammuudhaan taliigama.
Sammuun anniisaa waatii 23 maddisiisuu danda’a
Sammuun anniisaa waatii 23 kan ampuulii tokko bareechee ibsuu danda’u qaba. Humni kun argamuuf boqonnaa ga’aa barbaada.
Hirriba ga’aa rafuun sirni sammuu keenyaa rakkoo malee akka hojjetu gargaara. Hirriba ga’aa dhabuun ammoo pirotiiniin sammuu keessatti heddummaachuun dhibeewwan akka Alzaayimarii namatti fida.
Odeeffannoon sammuu keessaa sa’atiitti kiilomeetira 431 imaluun gara gochaatti akka jijjiiramu himu saayintistoonni.
Niwurooniin wayita kaka’ee hojii eegalu humni elektirikaa seelotarraa gara seelotaatti imaluun ergaa dabarsutti gadhiifama.
Daandii sammuu fi qaama wal-quunnamsiisu - Ispaayinaalkoordii
Mootora jiruu namaa kan ta’e sammuu qaama kaan waliin kan walquunnamsiisu Ispaayinaalkoordii jedhama.
Tishuuwwan narvii fi seelota gargaartuu hedduu kan of keessaa qabu ispaayinaalkoordiin, ergaa sammuurraa fuudhee gara kutaalee qaamaatti raabsa.
Riqichi sammuu fi qaama wal quunnamsiisu kun citnaan [ispaayinaalkoordiin hubamnaan] jiraachuun namaa akkaan yaaddessaa ta'a.
Hariiroo sammuufi qalbii
Sammuun (brain) qaama qaqqabatamu (physical) ta’ee kutaalee adda addaa kan qabu yoo ta’u tajaajilli inni kennu ammo qalbii (mind) jedhameetu waamama.
Kutaa qaamaa keessaa cooma (faatii) hedduu qabaachuun kan beekamu sammuun, kunis hojii sammuu si’eessuuf gargaara.
Sammuun niwuroonota biiliyoona 100 ta’an of keessaa qaba, niwuroononni kunneen wal quunnamtii tiriiliyonaa 1,000 ta’u uumuun tajaajila qaamaaf kennu. Yeroo keessa qindaa’anii qabiyyee fi dandeettii sammuu kan guddisan niuroonota kunneeni.
Tishuun sammuu hamma cirrachaa geessu tokkittiin niwuroonota kuma 100 fi iddoowwan niwuroononni itti walquunnaman (synapses) biliyoona qabdi.
Sammuu harka 10 qofa fayyadama yaadi jedhu hagam dhugaadha?

Madda suuraa, SPL
Yuuniversitii Landanitti pirofeesarri barnoota dhimma sammuu Soofii Iskot, dhalli namaa sammuusaa keessaa harka qofa fayyadama kan jedhu wayita mana barumsaa turerraa eegalee dhagahaa akka ture hime.
Harki 90 hafe faayidaa malee taa'aa jiraachuu wayita yaaduu guddoo akka isa ajaayibu dubbata saayintistiin kun.
Addunyaan amma bakka duraa (yeroo yaadi kun dhiyaatee) hin jirtu. Amma teeknooloojiin sochii sammuu hunda to'atu bakka jirutti kana yaaduun gowwummaadha jedha Pirofeesar Soofii Iskoti.
"Gochaa sammuu hunda ilaaluun wayita danda'amee jiru kanatti kutaa sammuu keessaa kan dalagaa hin dalagne muraasa ta'uutu hubatama.''
Pirofeesar Iskot akka jedhutti gochoonni sasalphaa raawwannuf, fakkeenyaaf harka keenya diriirsinee kottoonfachiisuunuu, sammuu keenya keessaa harka 10 caalaa fayyadama.
Beektonni, dalagaa sammuu meeshaa teeknooloojiin seenanii wayita ilaalan, barruu harkaa fi quba keenya diriirsuu fi kottoonfachiisuufillee seelonni sammuu baayyee ta'an hojiirra oolu.
Dalagaa sammuu bitaa fi mirgaa
Kutaan sammuu gama anaatoomiin yoo ilaalamu lamatti qoodamee jira-hemisfeera bitaa fi mirgaa. Dalagaanis adda addummaa muraasa qabu.
''Kutaa bitaafi mirgaa gidduu adda addummaan ni jiraata. Garuu akka namoonni hedduun jedhan miti. Namoonni jechoota nama rifaasisan fayyadamuun garaagarummaa sammuu bitaa fi mirgaa ibsu,'' jedha Piroofeesar Iskot.
Barreeffamoonni gariin akka kutaaleen sammuu dalagaa mataasaanii adda addatti hojjetanitti ibsaniiru.
Bitaa akka maandhee yaada loojikii fi sababa qabeessa ta'e (rationality) maddisiisuutti, mirgammoo akka madda hubannoo fi kalaqaa (intuition and creativity) ta'eetti fakkeeffameera.
Kanarraa ka'uun namni logical ta'ee sammuu bitaa, namni waan haaraa uumuu fi hubannoo guddaa qabu ammoo nama sammuu mirga jedhamuun hubatameera jedha Pirofeesar Iskot.
Akka yaada kanaatti dhalli namaa milkaa'aa fi guutuu ta'uuf kutaa sammuu lamaanittuu sirnaan fayyadamuu qaba.
Akkaataan namni rakkoo tokko itti furuufi addunyaa itti ilaalu namaa namatti garaagari jedha Pirofeesar Iskot, kun garuu sammuun bitaa fi mirgaa walsimuufi walsimuu dhabuu waliin gonkumaa wal hin qabatu jedha.
"Namni gariin agartuu gaarii qaba, kaan dhageettii mishaa qaba. Akkaataan odeeffannoo tokko simannee hojiirra oolchinu gargari.''
''Garuu loojikii sammuu bitaaf kennanii, kalaqa mirgaaf kennuun akkaataa sammuun itti hojjetu waliin hin deemu. Kutaa gar-tokkoo isa kaan caalaa akka waan fayyadamnuutti ibsuunis akkaataa sammuun itti hojjetu faallessa,'' jedha Pirofeesar Iskot.
Kutaan sammuu lachuu wal dubbisanii waliin hojjetu. Inni tokko isan kaaniin dorgoma yookiin hojii adda addaa hojjetu osoo hin taane, waltumsanii waliin hojjetu jedha Pirofeesar Iskot.
Ogeeyyiin fayyaafi saayintistoonni dhimma sammuu, dhalli namaa kutaa qaamaa akkaan qaalii ta'e kana akka kunuunfatu jabeessanii gorsu.
Sammuun jiraachuufi du'uu namaa kan murteessuudha. Namni du'eera kan jedhamu yoo sammuun guutummaatti dalagaa dhaabedha.
Kanaaf sammuun keessan qaalii waan ta'eef waan hunda caalchisaa kunuunfadhaa!












