Namni du'a keessaa dammaquu danda'aa? Nami du'uu akkamiin mirkaneessu?

Namoota saanduqa reeffaa baatanii deeman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Namoota saanduqa reeffaa baatanii deeman

Itoophiyaa keessattis ta'e biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti namni erga du'ee awwaalamuuf qophaa'ee dammaqe oduun jedhu deddeebi'ee dhagahama.

Osoo hin turin ammoo deebi'anii du'an jedhama. Fakkeenyaaf bara 2020 Lixa Oromiyaa Aanaa Sibuu Sireetti manguddoon waggaa 71 Obbo Hirphaa Nagaroo jedhaman saanduqa reenfaa keessa erga galfamanii booda ka'an.

Garuu guyyoota 71 booda deebi'anii du'an, isa lammataarratti garuu deebi'anii hin kaane.

Dhiheenyuma kana biyya Ikkuwaador keessatti dubartiin umrii waggaa 76 Beellaa Montooyaa jedhamtu sirna awwaalchaa isheerratti dammaquun torban booda deebitee duute.

Hospitaala Phaawuloositti hakiima waliigalaa kan ta'e Dr Sifeessaa Dimshaashaa, lubbuun yeroo biyya lafaarra turuuf qabdu xumurte jennee battalli (moment) itti ibsinu- du’i ragaa quubsaadhaan erga mirkanaa’ee booda fayyummaatti deebi’a kan jedhu saayinsiin itti hin amanu jedha.

Onneen dhala namaa guutummaan yoo hojii dhaabu (Cardiac arrest) namoonni rifannaa battala sanaarraa kan ka'e akka du'aatti hubatu.

Kun ammoo akkaataa dhalli namaa du'a itti hubatuu fi mirkaneeffatu walxaxaa taasiseera.

''Namni tokko rukuttaan onnee yoo dhaabbate yookiin marsaan dhiigaa guutummaatti sochii yoo dhaabe fi hargansuun yoo adda cite (sekondii 20f) du’eera jennee mirkaneessuu dandeenya,'' jedhan.

Du'i adeemsa (process) moo taatee battala tokkooti?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkaataa du’a namaan walqabatee haalonni walxaxoon [sirriitti mirkaneessuuf nama rakkisan] ni mudatu jedha Dr Sifeessaan.

''Fakkeenyaaf sammuun yoo baayyee miidhame [hojii dhaabee] onnee fi sombi bakkasaa [sammuu] maashina gargaaramanii hojjechuu danda’u. Yeroo kana du’a mirkaneessuun rakkisaa ta’uu mala.''

Kanaan achi dhahannaan onnee fi sochiin dhiigaa dhaabbatee, hargansuun guutummaatti adda citee fi agartuun ijaa ifatti miira hin agarsiisu taanaan, qaama kana gara jireenyaatti deebisuun hin danda’amu jedha.

''Daqiiqaa afuriif marsaan dhiigaa dhaabbateera yoo ta’e, hargansuunis tureellee gidduu gidduun hin jiru yoo ta’e qaama kana duubatti [gara fayyummaatti] deebisuun hin danda’amu. Kanaafuu namni tokko du’ee ka’ee, achiimmoo deebi’ee du’a kan jedhu kana itti hin amannu nuti akka ogummaa keenyaatti.''

Namni tokko akkuma lubbuu godhatee nama ta’ee gara biyya lafaatti dhufuuf adeemsa keessa darbu wayita du’us adeemsa keessa darba.

Yuniversitii fayyaa Niwu Yoorkitti daarektarri qorannoo saayinsii dhimma du'aan walqabatuu Dr Sam Parniyaa, namni tokko du'e kan jedhamu yoo sammuun du'eedha jedha.

''Du'i kee mirkana ta'uuf qaamni kee qofti du'uun ga'aa miti. Sammuun kee yoo du'edha duute kan jedhamtu,'' jedha ogeessi fayyaa olaanaan namoota dhibee akkaan hamaan qabaman yaalu kun.

Adeemsa du’aa kana mirkaneessuun hojii salphaa miti kan jedhu Dr Sifeessaan keessattuu kan namoonni keenya muuxannoodhumaan namni tokko du’uu mirkaneessanii awwaalan dogoggora qabaachuu akka danda’u kaase.

Sammuun keenya sirna hargansuu fi dhahannaa onnee keenyaa ajaja, kanaaf wayita tumsa maashiniin harganuu eegallu, sammuun keenya guddoo miidhamee sadarkaa of duuba deebisuun hin danda’amnerraa yoo ga’ellee, qaamni keenya sochii agarsiisuu eegala.

Garuu akkas jechuun namni sun hin duune jechuu miti jedha Dr Sifeessaan.

''Fakkeenyaaf sammuun nama tokkoo hojii dhaabee, onnee fi sombi maashiniidhaan kan hojjetu yoo ta’e darbee darbee sochiin qaamaa jiraachuu danda’a.

''Nama sadarkaa kanarra ga’e du’arraa of duuba deebisuun kan danda’amu ta’uu baatus, firri yookiin maatiin nama kanaa garuu sochii qofa arganii akka fayyaatti fudhatu.''

Saayinstoonni fayyaa akkaataa adeemsa fi hubannoo du'aa irratti yaadota haaraa fi fooyya'oodha jedhan qabatanii as ba'aa jiru.

Qaamni keenya al takkaatti walqixa waan duuneef, du'i adeemsa (precess) dha malee taatee battala tokkoo miti yaada jedhu fidaniiru.

Fakkeenyaaf, yoo onneen dhahannaa dhaabe (du'e) qaamoleen kaan ammallee fayyaa ta'anii sa'atiiwwanii fi guyyootaaf turuu danda'u jedhu.

Hospitaala Yuuniversitii Pensalveeniyaatti daarektarri qorannoo saanyinsii dhibee namoota of wallaalchisuu Benjaamin Abellaa, ''yeroo akkasii haala lamatu jira-kan guutummaatti du'ee fi kan gariin du'e. Yookiin du'aa fi jireenya gidduu marmaaruu,'' jechuun ibse.

Namni tokko yoo sirriitti osoo hin mirkanaa’in waan of wallaaleef qofa du’eera jedhame malee, manni yaalaa du’uusaa mirkaneessee jennaan qaamni isaa deebi’ee jireenya horachuu akka hin dandeeyne dubbata Dr Sifeessaan.

Dhibeewwan du'aa fi jireenya nama walxaxaa taasisan

Fuula namaa (kan du'e fakkaatu)

Dhibeewwan tokko tokko namni tokko osoo hin du’in akka waan du’ee fakkeessuun kan hawaasi hubatu jira.

''Fakkeenyaaf onneen namootaa naasuudhaan, dhiphina humnaa oliin, namoota umriin jaaran biratti ammoo akkaataan dhahannaa onnee dogoggora uumuudhaan jeeqamuu danda’a.

''Yeroo kana namoonni of wallaaluu danda’u. Namni waanti akkasii mudate yeroo murtaa’eef deebiiyyuu laachuu dhiisuu danda’a,'' jedha Dr Sifeessaan.

Dhibeen nama of wallaachisee du’a waliin wal-fakkaachuu danda’u kan biraan ammoo gaggabdoo kan jedhamu-sammuu keessatti akkaataan daddabarsa yoo jeeqame kan of nama wallaalchisuudha jedhe.

''Wayita of wallaaluu kana kan hurgufaman jiru, kan callisanii achumaan hafanis jiru. Kun namoota hubannoo ga’aa hin qabne biratti akka du’aatti hubatamuu danda’a. Garuu namni akkas ta’e kun yeroo muraasa booda of baruu danda’a. Yaala gaarii argannaan gara fayyummaatti deebi’uu danda’a.''

Dr Sifeessaa dabalatee ogeeyyiin saayinsii fayyaa hedduun, yoo gadi fageenyaan qoratame daangaa du'aa fi jireenyaa qixa sirrii ta'een sararuun akkaan ulfaataa ta'uu kaasan.

Addunyaa mara irratti onneen hojii dhaabuu qofa akka daangaa du'aa fi jireenyaatti fudhachuun ni heddummaata kan jedhan ogeeyyiin fayyaa kunneen, haalli kun iddoo baayyeetti carraa namoonni lubbuun turuuf qaban haguugeera sodaa jedhu qabu.

Nama hin duune awwaaluurraa of qusachuu...

Nama lubbuun keessa jiru tokko akka du’aatti fudhachuun carraansaa baayyee dhiphaa ta’us, yeroo namni tokko bakka of wallaalee ka’uuf qabu dursanii yoo kan awwaalan ta’e garuu fayyaa nama awwaaluu ta’a.

''Carraansaa dhiphaa ta’us osoo sirriitti hin mirkaneeffatin nama lubbuun keessa jiru akka reenfaatti dhiqanii saanduqa keessa kaa’uun ni mul’ata,'' jedha Dr Sifeessaan.

Nama du’eera jedhametti dhihoo kan jiran dhahannaa onnee, hargansuu fi liphsuu ijaa sirriitti mirkaneeffachuu akka qaban dhaama ogeessi fayyaa kun.

''Rakkoo sammuu mudaterratti hundoofnee du’a nama tokkoo adda baafanna yoo ta’e ija ilaaluu qabna. Kanas callisneema ija keenya qofaan ilaalla osoo hin taane waan agartuun keenya itti deebii kennu, kan akka baatirii [ifaa] itti qabnee sirriitti mirkaneeffachuu qabna.''

Laphee namaa sirriitti gadi qabuun nama onneen hojii dhaabe dammaqsuu

Ija ilaalanii du’a nama tokkoo mirkaneessuun namoota muuxannooma qabanirraa ka’anii ilaalan mitii, ogeessota fayyaa birattiyyuu dhimma rakkisaa fi xiyyeeffannaa guddaa barbaaduudha.

''Inni salphaan hargansuu namaa mirkaneeffachuudha. Isa kana xiyyeeffannaan yoo adda baafanne nama du’ee fi jiru adda baasuun hin ulfaatu. Laphee fi garaan ol jedhee gadi deebi’uus sirriitti ilaaluun murteessaadha.

''Morma jalaan ujummoo dhiigaa gara sammuutti dhaabbatu qubaan sirriitti qabanii ilaaluudhaanis namni du’uu fi jiraachuu salphaatti adda baasuu dandeenya,'' jedha Dr Sifeessaan.

Maloota kunneen fayyadamuudhaan dogoggoraan osoo namni hin du’in awwaaluurraa of qusachuun ni danda’ama.

Yoo mana yaalaatti dhihoo jiraatan ammoo deemanii achitti mirkaneeffachuu qabu jechuun gorsa Dr Sifeessaan.