Maanguddoon saanduqa reeffaa keessa lubbuun argaman guyyoota shan booda du’an

Sanduuqa qorrisiisu
Ibsa waa'ee suuraa, Dogongoraan erga du'e jedhamee booda maanguddoon kuni sanduuqa qorrisiisu keessa ka'aman

Lammiin Hindii du’aniiru jedhamanii reeffisaanii saanduqa qorrisiisu keessa akka taa'u taasifamanii turan erga baraaramanii guyyoota muraasa booda du’aniiru.

Jaarsi ganna 74 Balaasubiraamanyaam jedhaman bulchiinsa Tamiil keessatti guyyaa Wiixataa hospitaala erga geeffaman booda kan du’aniiru jedhamee ture sanduuqa keessa kan kaa'aman.

Guyyaa itti aanu sirna awwaalcha taasisuuf yeroo saanduqni banamu qaamnisaanii hollataa ture – lubbuun jiraachuusaaniis yeroos beekame.

Irra deebiin gara hospitaalaa geeffamanis guyyoota shan booda lubbuunsaanii darbeera.

Daayirektarri hospitaala mootummaa irra deebiin maanguddoon kun geeffamanii kan ta’an Dr Balaajiinaataan akka jedhanitti maanguddoon kun haalaan dadhabanii kan turanii fi rakkoo somba waliin walqabatuun lubbuunsaanii darbuusaa BBC’tti himaniiru.

Saanduqa reeffaa keessa sa’aatii meeqa akka dabarsan wanti himame hin jiru.

Guyyaa Wiixata erga hakiimni du’aniiru jedhanii maatiinsaanii erga gara manaa geessaniin booda ogeeyyii fayyaa naannawasaaniii jiraniin sanduuqni qorrisiisu akka ergamuuf gaafataniiru.

Sanduuqni akkanaa hanga owwaalchi raawwatutti akka reeffi foolii hin fuune taasisuuf keessa kaa'ama.

Maatii fi firoottansaaniitiif guyyaa itti aanu sirni awwaalchasaanii akka taasifamu himamee ture.

Dhaabbin sirna awwaalchaa raawwachiisus waraqaa ragaa du’aa hakimni mallatteessan obboleesisaanii harkaa akka qabanis himeera.

Ta’us garuu hogganaan poolisii Seentil Kumaar akka jedhanitti maatiinsaanii waraqaa ragaa du’aa dhiheessuu akka hin dandeenye jedhaniiru.

Poolisiinis maatiisaanii irratti himannaa “saffisaan raawwachiisuu fi maaltu na dhibdeedhaan” himannaarratti baneera.

Dabalataanis maanguddoon kun rakkoo fayyaa narviitiin akka rakkatan maatiinsaanii poolisitti himuusaanii ibsaniiru.

Maanguddoon Balaasubiraamanyaam jedhaman haadha warraasaanii, ijoolleesaanii lamaa fi obboleessasaanii waliin jiraatu ture.

Sanduuqa reeffa kaa'an keessa sa’aatii turan saniif qabbana san keessa turanii lubbuun turuunsaanii gaaffii ta’eera.

Hospitaalli dhuunfaa dura maanguddoon kun du’aniiru jedhee fi hakimarratti himannaan banameera.

Kana dura Godina Wallagga Bahaatti namni sanduuqa reeffaa keessa galfaman sa'aatii muraasa booda lubbuun argamu maatiin dubbachuu isaanii isinitti himnee turre.