Dubartiin sirna awwalchaa ishee irratti dammaqxe torban tokko booda duute

Dubartiin Ekuwaadoor sirna awwaalchaa ishee irratti lubbuun dammaquun namoota rifaasiste guyyootii booda du’aan boqotte.
Dubartiin umrii waggaa 76 Bellaa Montooyaa, jalqaba lubbuun ishee darbeera kan jedhamte torban darbe ogeessa fayyaa hospitaala magaalaa Babahoyoo jiruuni.
Ta’us garuu gadditoonni sirna awwaalchaa isheerra turan yeroo ishee saanduqa reeffaa keessa turte reebdu dhaga’anii, hatattamaan waldhaansaaf gara hospitaalaatti geeffamte.
Guyyootii torbaaf kutaa waldhaansaa addaa keessa erga turtee booda, Jimaata ministerri Fayyaa Ekuwaadoor lubbuun ishee darbuu mirkaneesseera.
Ministeerichi ibsa baaseen dabaluun, yeroo hospitaala turtetti “to’annoo addaan hin citne” jala akka turte eereera.
Turtii gaazexaa biyyatti waliin taasiseen, ilmishee Gilbeert Barbeeraa, “Amma harmeekoo dhugumaan duutetti. Jireenyikoo akka deebi’ee akka duraa hin ta’u,” jedheera.
Aadde Montoyaan sirni awwaalchaa ishee bakka walfakkaatatti gaggeefamuun, sanarraa bakka awwaalchaa uummataatti awwaalamuu ishee, miidiyaan biyyatti gabaaseera.
Miidiyaan biyyatti akka gabaasetti Aadde Montoyaan dhibee katlepsii jedhamu qabdi turte. Namni dhibee kana qabu mallattooleen akka gaggabsoo, of walaalluu fi qaamni goggoguu irratti ni mul’ata.
Dhimma ishee akka qorataniif ministirri fayyaa Ekuwaador gartuulee oggeessotaa walitti qabeera.
Waxabajjii 9 irratti, lubbuun ishee darbera erga jedhamtee booda Aadde Montoyaan saanduqa reeffaa keessa kaa’amtee, gara mana sirna awwaalchaa Babahoyoo jirutti geeffamte.
Garuu gara sa’aatii shaniif saanduqa reeffaa keessa erga turtee booda, dubartiin kun yemmuu firootnishee awwaalchaaf jecha saanduqa kana banan afuura bafattetti.
Daqiiqaa muraasa booda hojjetoota ittisa ibbidaan saanduqa sana keessaa baafamtee gara hospitaala sanaatti deebifamteetti.
Bellaa Montoyaan erga ogeessa fayyaan duutetti jedhamtee booda “lubbuun itti deebi’uun” nama jalqabaa miti.
Guraandhala keessa, dubartiin ganna 82 tokko utuu mana awwaalchaa bulchiinsa Niw Yoork keessa jirtuu, lubbuun jiraachuun ishee barameera. Dubartiin kun bakka awwaalchaa geeffamuu ishe sa’aatii sadii dura ture lubbuun ishee darbuu kan labsame.















