Sirna owwaalchaa: Hojii daldalaa Itoophiyaatti Birrii dhibbaan lakkaa'amu hanga Birrii 400,000 isin baasisuu malu

Madda suuraa, Getty Images
Maallaqni kumaatamni hedduun kan itti socho’u tajaajilli sirna awwaalchaa, akkuma gabaa kaanii dandeettiin bituu namootaa kan itti agarsiifamu ta’eera.
Akkuma hojii daldalaa kaan, sirni awwaalchaas sadarkaa fi gosa qaba.
Maatiin harki itti gabaabbate akkumasaatti awwaalcha raawwachuuf birrii 700 barbaachisaani.
Lakkii ‘cidhaafi duuti tokkuma’ jechuun sirnichi ho’aa ta’ee akka yaadatamuuf kan fedhu ammoo, qarshii kuma dhibbaan kaffaluu qaba.
Sadarkaa sirnichaa kan murteessan ammoo, awwaalchicha raawwachiisuufi namoota du’a ga’ii deeman keessummeessuuf wantoota hojiirra oolanidha.
Gosaafi sadarkaa sirna awwaalchaa
Manni raawwachiisaa sirna awwaalchaa Nagaash Dagafuu, Finfinnee keessatti warreen argaman keessaa isa tokkodha.
Hojii geggeessaan dhaabbatichaa Hayiluu Nagaash, tajaajilli abbaa isaatiin eegalame ganna 40 ga’uu dubbata.
Abbaan isaanii hojii kanaan warra dursan keessaa ta’uus himeera.
Innis hojii kanarratti muuxannoo guddaa qaba, ganna 25 oliif hojicharra tureera. Iddoowwan garagaraa afurittis damee banachuun hojjechaa jiru.
Sirna awwaalchaa konkolaataa fi namoota dabaalaniin geggeessuun baratamaa dhufeera kan jedhu Haayiluun, sirnichi gosaafi sadarkaa garagaraan akka raawwatamu hima.
Sadarkaa sirnichaa kan murteessan keessaa tokko, gosaafi baay’ina konkolaataan hojiirra oolu tokkodha.

Madda suuraa, Getty Images
Konkolaataa ‘Doolfiinii’ gurraacha nama dabaalu hin qabne qofa kan barbaadan akka fageenya bakkichaatti qarshii 1000, hanga 1,200 ga’uu danda’a jechuun ibsa.
Konkolaataan Haayindaayi yookaan Marseediis taanaan gatiin ni dabala. Kunis gatii saanduqa reeffaafi baasii kan biraa hin dabalatu.
Kanaafuu, sadarkaan saanduuqaa, gosti konkolaataa, abaaboon faayaaf oolu, akkasumas akkaataa suuraan konkolaataa sanarratti taasifamurratti, fedhiin namaa gargari.
Tajaajilichi walumaagalatti giddu-galeessaan qarshii 11,000 hanga 20,000 barbaaduu mala, akka Haayiluun jedhutti.
Saanduqa reeffaa, dunkaanaafi meeshaalee nyaanni itti bilchaatu dabalatee hanga kireessuutti kan ga’u ta’uu ibsuun, tajaajila guutuu kennuun sirna tokkorraa birrii 300,000 hanga 400,000 ga’u argatanii akka beekan dubbata.
Tajaajila akkasiitti kan fayyadaman yeroo hedduu namoota biyya alaa jiraataniifi afoosha (iddirii) hin qabne ta’uu dubbachuun, tajaajilichi nyaata dhiyeessuus nidabalata jedhe.
Sadarkaafi gatii saanduqa reeffaa
Saanduqoonni reeffaa biyya keessatti ni hojjetamu, kan alaa galaniis jiru, sadarkaafi qulqullinni isaaniis gatii irratti hundaa’a.
Saanduqni akkuma soofaa bitachuuti. Diizaayiniin soofaa duriifi kan ammaa tokko miti. Ogeessonni intarneetarraa ilaalaafi tokko tokkorraa barachuun, wantichi guddachaa dhufeera, akka daldaalaan kun jedhutti.
Akka Haayiluun jedhutti, saanduqoonni qulqullina gadaanaa qaban qarshii 700 - 3,000 yoo gurguraman, kan qulqullina guddaa qabuufi biyya alaatii galemmoo hanga birrii 150,000 nama kaffalchiisa.
''Nuti namni kamiyyuu sadarkaa barbaadeen tajaajila akka argatuuf hojjenna. Saanduqni sadarkaa olaanaa qabu, haalluu, guddinaafi diizaayinaadhaan adda ba’uun 80,000 - 150,000’tti gurgurama.''

Madda suuraa, Anadolu Agency
Sirni awwaalcha raawwachiisuu 'akkuma hojii daldalaa kaaniiti'
Akkuma hojii kaanii ta’uu kan dubbatu Haayiluun, namni gara bakka hojiisaanii ga’ee ‘nan sodaadha hin galu’ jedhes na mudateera jedha.
Namni du’a gatii sodaatuuf malee, saanduqni reeffaa mukadha jedha.
Amalli hojichaa takka kan ho’uufi takka kan qabbanaa’u yoo ta’u, yoo xiqqaate abaaboo tokko osoo hin gurgurin hin oollu jedha - guyyaatti awwaalcha sadii hanga shanii raawwatanii akka beekan eeruudhaan.
Akkuma daldala kaanii yeroo hunda galiifi bu’aan akka hin jirre himuun, guyyaa lamaan sadan tokko osoo hin dalagin yoo oolle, ‘hojiin dhabame’ jenna jedheera.
Maarree, namni haa du’u jettanii hawwuu hin ta'uuree? jechuun gaaffii BBC’n dhiyeesseef, ''namni hedduun itti fakkaachuu danda’a. Seera uumama hordofna taanaan garuu, nuti haa du’u waan jenneef dhalli namaa hin du’u.
''Hin du’in yoo jennes du’uun hin hafu,'' jechuudhaan deebise.
Sirnoota awwaalchaa mooraa dhaabbilee amantaa keessatti raawwatan
Baasii sirna awwaalchaa raawwachiisuuf baafamuun alatti, iddoo awwaalchaafis ni kaffalama, qopheessuu dabalatee.
Ragaa BBC’n argateen Bataskaanota naannoo Kotabee [Finfinnee] keessa jiran, Gabreeliifi Maaramii keessatti iddoo awwaalchaa argachuuf birrii 800 hanga 65,000 nama kaffalchiisa.
Bataskaanattiin iddoo awwaalchaa yoo qopheessitu miseensa yaa’ii lallabaa kan ta’eefi kan hin taaneef jedhamee qoodameera.
Awwaalchi inni rakasa ta’e, boolli qofti qotamee kan itti awwaalan yoo tau, nama miseensa ta’eef/taateef 80 kan hin taaneef 1,000 yoo ta’u, kan simiintoodhaan ‘liishoo’ hojjetamu ammoo, miseensaaf 2,000, kan hin taaneef 3,000 dha.
Kan biraan dallaa dhagaadhaan ijaaramu yoo ta’u, miseensaaf 5,000 kan hin taaneef 7,000 kaffalchiisa. Sadarkaan inni lammataa 8,000 hanga 10,000 kan nama baasisudha.
Siidaanis sadarkaa akka qabu ragaan bataskaanattiirraa argame mul’isa. Kan dhagaa soqame ‘ibnabarad’ jedhamuun ijaaramu inni xiqqaan seentimeetira 20 yoo ol-ka’u, nama miseensa ta’eefi hin taaneefis birrii 27,000 kaffalchiisa.
Inni dheeraan seentimeetira 60 ol-ka’a, gatii dabalataa biraa malees iddoon awwaalcha biraaf oolu ni kennama. Gama biraatiin Kolfee kan jiruufi hordoftoonni amantii Islaamaa kan itti awwaalaman, birrii 1,500 kaffalchiisa.
Dhaabbileen amantii biroos sadarkaa kaffaltii garagaraan bakka awwaalchaa qopheessu.
Hojii daladalaa akkuma kaaniiti jechuun Haayiluudhaan kan ibsame hojiin awwaalcha raawwachiisuu, lammiilee Itoophiyaa hedduu hirmaachisaa jira.
Bu’aa ba’ii hedduu keessa kan darbu dhalli namaa, gaafa du’us namoota hedduuf madda galii ta’a.












