Namtichi saanduuqa reeffaa dubbisu 'ergaa warra du'ee warra jiruuf nan dabarsa' jedhe

Waan namni lubbuun wayita ture hin dubbanne awwaalcharratti bakka bu'een haasa'a
Ibsa waa'ee suuraa, Waan namni lubbuun wayita ture hin dubbanne awwaalcharratti bakka bu'een haasa'a

Biil Eedgaar nama ‘saanduqa reeffaa dubbisuun’ beekamudha. Warra lubbuun darbe bakka bu’ee waan yeroo lubbuun turan dubbachuu hin dandeenye ummatatti himuuf awwaalcha irratti argama.

Seenaawwan dubbatus hedduu qaba.

Biil Edgaar warra du’e bakka bu’a. Awwaalcha namootaarra deemuun warra boolla seenan irraa waa dhaga’ee warra lubbuun jiranitti hima.

Waan hojjatuufis akka dassaatti kaffalamaaf.

Akkamiin eegale?

Biil yaadni kun yeroo itti dhufetti, qorataa dhuunfaa ta’uun Awustiraaliyaa keessatti dalagaa ture.

‘‘Waa’ee du’aafi jireenya isaan boodaa haasa’uutti kaane. Achiis akka tasaa ‘awwaalcha koorratti waan tokko gochuun fedha’ naan jedhe. Anis haasawa geggeessaa ofiisaaf akka taasisun yaada kenneef.’’

Namichi garuu wanta inni jechuu barbaadu firoonnisaa dhaga’uu hin fedhanu, kanaafuu barreeffama yookaan ergaa waraabame ani kaa’eef ifatti hin baasan naan jedhe.

Anis ‘‘tasa awwaalcha isaarra argameen haasaa taasisa jedheeni akkasitti eegale.’’

Tasa awwaalcharra argamuuf hagam kaffalchiisa?

Biil amma galii jireenyaaf ta’u tasa awwaalcha deemuun argata. Jecha mataasaatiin waan hojjatu yoo ibsus, ‘‘awwaalchi yoo eegalu, ka’een dhaabbadha, achiis poostaa saamsame banee waan namni saanduqa reeffaa keessa jiru yeroo lubbuun hin jirretti dubbachuu hin dandeenye akkuma barreeffamettin dubbisa.

Doolaara Awustiraaliyaa 10,000 [$7,000 ta’uun] awwaalcha irratti argamee, wantoota namni biro akka hin agarre feetan hunda mana keessanii qulqulleessa.

‘‘Viidiyoowwan saal-qunnamtii, meeshaalee waraanaa, qorichoota adoochan, maallaqaafi kan feetan hunda ta’uu malu.’’ Jedha Biil.

Seenaawwan hin himamne

Seenaan inni yoomiyyuu hin daganne, yeroo haasaa hiriyyaa dhiyoo nama du’e sanii addaan akka kutu itti ajajamedha.

"Akka afaan qabatee gadi taa’uufi waan hiriyaan isaa lubbuun darbe jedhu akka dhaggeeffatu itti himuun narra ture. Sunis maal ture, yeroo inni du’aaf xaaraa turetti haadha warraasaa waliin ciisuuf yaalaa akka ture kan himudha."

Biil akkasitti yoo addaan isa kutu, namichi sunis ‘‘suuta bakka awwaalchaa sanii karaa boroo miliqe’’. Namoonni muraasnis namicha du’e bakka bu’uun iddoo awwaalchaa sanaa deeman gaafatamani. Akka Biil jedhuttis, ‘‘sirna awwaalchaa gaarii ta’e’’.

Silaa maamiltoota isaa saanduqa keessa jiranirraa yaadni gaariin yookaan komiin Biil Eedgaar qaqqabu hin jiru. Haala nama dhibuun warreen lubbuun jiranis akka awwaalcha irratti hin hirmaanne godhanii hin beekani.

‘‘Hedduu nama jeeqa, garuu awwaalcha isaaniiti, maarree, maaliif haala ofii barbaadaniin hin geggeeffaman?’’ jedha Biil.