Jarman: Kilabiin sababa koronaavaayirasiif jecha walirraa fageenya eegee taphate goolii 37-0n injifatame

Madda suuraa, Getty Images
Garee tokko irratti gooliin hanga kana baayyatu yeroo lakkaa'amu qabxii kubbaa kachoof lakkoofsifatan fakkaachuu mala.
Yookaan ammoo gareen gooliin 37 tapha daqiiqaa 90 keessatti irratti lakkaa'amu dirree hin jiranii? gaaffii jedhu kaasuu danda'a.
Garuu dirree jiru.
Sodaa koronaavaayirasiif jecha walirraa fageenya eeggatanii taphachuuf taphattoota hir'isanii galan.
Garee kubbaa miilaa Jarman sababa koronaavaayirasiif walirraa fageenya eeggachuuf taphattoota hir'isuun taphate kun kubbaa haalaan waliif kennee taphachuu waan hin dandeenyeef goolii 37-0 injifatame
Gareewwan kubbaa miila biyya Jarman Ripdolf fi SV Holdensted II Dilbata darbe morkii tapha biyya keessaaf wayita waliin taphatan Ripdolf walirraa fageenya eeggachuun taphachuuf jecha taphattoota torba qofa hiriirsuun taphate.
Sababni isaammoo taphattoonni garee SV Holdensted II tapha sana dura garee biraa wajjin taphatanirratti taphattoonnisaanii nama koronaavaayirasiin qabame wajjin tuttuqqaa uumuun isaanii waan mirkanaa’eef.
Kanarraa ka'uun Ripdolf taphattoota torba qofa hiriirsisee gooliiwwan 37-0n injifatameera.
Gareen taphattoota Ripdolf qoratamaniiru garuu vaayirasicharraa bilisa ta’uun isaanii mirkanaa’e ture. Yaaddoo vaayirasichaaf saaximuu malla jedhu garuu hin hambisne.
Gareen Ripdolf tapha kanarratti yoo hin hirmaanne Yuuroo 200 adabamu, kanaaf tapha kana hin dhiifne.
Yeroo biraatti akka darbus waldaa kubbaa miilaa biyyattii gaafatanii fudhatama hin argatiin hafan.
Ripdolf nama koronaavaayirasiin qabame wajjin erga tuttuqaan uumamee guyyaan 14 darbu malee vaayirasichaaf taphattoota saaxiluu mala jedhe.
Kilabiin Holdensted garee taphattoosaa isaan jalqabaayyuu taphattii hin hirmaachifne, garee taphattoosaa isaan garee lammaffaa tapharratti hiriirisise.
Walitti qabaan garee Ripdolf Paatrik Ristow ESPN tti akkas jedhanii dubbatan: ‘’Warri taphattoota Holdensted hin hubanne, nuti balaaf eenyumaaniyyu saaxilu hin feene,’’ jedhan.
Itti -dabaluudhaan, ‘’taphattoonni koo isaan wajjjin wal’aansoo qabuu hin dhaqne, meetira lama lama, taphattoota Holdensted irraa addaan hiiqanii addaan fageenyasaanii eeggataniiru,’’ jedhan.
Holdensted ofirra hin ittisu, daqiiqaa lama ykn sadii hin caalle keessatti galchiin/goolii tokkotu irratti lakkaa'ama ture jedhan.
Leenjisaan Holdensted Filoriyaan Shuwatar, "sababni tapha kana nuti hin taphanneef hin jiruu," jedhanii dubbatan.















