Iccitiin awwaalcha ‘hogganaa mataa jaha qabuu’ yoo ifoomu

Madda suuraa, Yuunvarsiitii Biraadfoordi
Arkiyooloojistoonni bakka awwaalchaa jaarraa hedduu dura turee fi “hogganaa mataa jaha qabu” jedhamuun beekamu qorachuuf qaccee sanyii (DNA) fayyadamaniiru.
Awwaalchi Poortmaahoomaakitti argamu kun nama buqqeen mataasaa goraadeedhaan madaa’e of keessatti qabata.
Innis jalqabarratti buqqee mataa afur waliin awwaalame. Boodarras nama lammaffaa awwaaluuf jecha awwaalchisaa kan baname yoo ta’u, namni sadaffaanis awwaala cinaasaatti argamutti awwaalameera.
Xiinxalli tokko tokko haftee dhaloota maatii tokkoo ta’uu mala jedha.
Hafteen kunneenis dhuma jaarraa 13ffaa hamma jalqaba jaarraa 15ffaatti kan turedha.
Arkiyoolojistoonni buqqeen mataa inni tokkichi kan jaarraa 8ffaa-10ffaa ture yoo ta’u, kunis qeesii Piisiitish ta’uu hin oolu jedhaniiru.
Bakki awwaalchaa hogganaa mataa jaha qabuu awwaalcha arkiyooloojistootaan bakka Bataskaana qulqullicha Koolmaaniitti qotaman keessaa isa tokko.
Awwaalchi kunneenis yeroo gosoota jidduutti waraanni ka’etti ifa godhame.
Erga bara 1997 ALA’tti qotamee as arkiyooloojistoonni Yuunivarsiitii Yoork fi Hambaa FAS haftee kaan irratti waan dabalataa argachuuf yaalii taasisaa turan.
Namoonni lama awwaala tokko keessa turan walitti dhufeenya qabu, arkiyooloojistoonnis ijoollee abbeeraa/adaadaa ta’uu malu jechuun amanu.

Madda suuraa, Tarbat Discovery Programme
Buqqeen mataa “dabalataa” afur kan dubartii tokkoo fi dhiirota sadiiti, dhiirota sadi keessaa tokko qeesii ture jedhameera.
Buqqeen mataa dhiira lama biroo abbaa fi ilma, booda kan akaakkayyuu fi abbaa nama lammaffaa awwaala tokkoffaa keessa nama jalqabaa waliin awwaalameeti.
Dubartiinis haadha nama lammaffaati. Namni sadaffaan awwaala cinaatti awwaalame ilma nama lammaaffaa ta’uu hin oolu jedhameera.
Dr Liizaa Biraawun Historic Environment Scotland irraa xiinxalli kun “hariiroo namoota jidduu awwaalcha tokko keessatti jiru kan ibsudha” jedhaniiru.
Dabalataanis “yeroo awwaalchi yeroo duraaf qotamu tooftaaleen kunneen hin turre” jedhaniiru.
Kaalam Toomsan Tarbat Gidduugala 'Historic Trust' jedhamutti daayirketara yoo ta’an “argannoon kun Istootilaand hambaaleedhaan badhaatuu fi hambaalee adda addaa qabachuushee kan agarsiisudha” jedhaniiru.













